< 민수기 19 >

1 여호와께서 모세와 아론에게 일러 가라사대
Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe:
2 여호와의 명하는 법의 율례를 이제 이르노니 이스라엘 자손에게 일러서 온전하여 흠이 없고 아직 멍에 메지 아니한 붉은 암송아지를 네게로 끌어 오게 하고
“Seerri Waaqayyo ajaje kana: Akka Israaʼeloonni goromsa diimtuu hirʼina yookaan hanqina hin qabne kan takkumaa waanjoon morma ishee hin tuqin tokko siif fidan itti himi.
3 너는 그것을 제사장 엘르아살에게 줄 것이요 그는 그것을 진 밖으로 끌어 내어서 자기 목전에서 잡게 할것이며
Goromsa sanas Eleʼaazaar lubichatti kennaa; raaddi sunis qubata keessaa gad baafamtee fuula isaa duratti haa qalamtu.
4 제사장 엘르아살은 손가락에 그 피를 찍고 그 피를 회막 앞을 향하여 일곱번 뿌리고
Eleʼaazaar lubichi quba isaatiin dhiiga goromsa sanaa irraa xinnoo fuudhee dunkaana wal gaʼii duratti yeroo torba haa facaasu.
5 그 암소를 자기 목전에서 불사르게 하되 그 가죽과 고기와 피와 똥을 불사르게 하고
Utuma inni ilaaluu gogaan, foon, dhiignii fi cumaan goromsa sanaa haa gubamu.
6 동시에 제사장은 백향목과, 우슬초와, 홍색실을 취하여 암송아지를 사르는 불 가운데 던질 것이며
Lubni sun qoraan birbirsaa, hiisophii fi kirrii bildiimaa goromsa gubamtu sanatti haa darbatu.
7 제사장은 그 옷을 빨고 물로 몸을 씻은 후에 진에 들어갈 것이라 그는 저녁까지 부정하리라
Lubni sun ergasii wayyaa ofii isaa miiccatee dhagna ofii isaa illee bishaaniin dhiqachuu qaba. Innis qubatatti galuu dandaʼa; garuu hamma galgalaatti akka seeraatti xuraaʼaa taʼee tura.
8 송아지를 불사른 자도 그 옷을 물로 빨고 물로 그 몸을 씻을 것이라 그도 저녁까지 부정하리라
Namichi goromsa sana gubus wayyaa isaa miiccatee dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; innis hamma galgalaatti xuraaʼee tura.
9 이에 정한 자가 암송아지의 재를 거두어 진 밖 정한 곳에 둘지니 이것은 이스라엘 자손 회중을 위하여 간직하였다가 부정을 깨끗케 하는 물을 만드는데 쓸 것이니 곧 속죄제니라
“Namni qulqulluun tokko daaraa goromsa sanaa walitti haree qubata keessaa baasee iddoo seeraan qulqulluu taʼe tokko haa kaaʼu. Daaraa kanas waldaan Israaʼel bishaan ittiin qulqulleessan wajjin itti fayyadamuudhaaf ol kaaʼata; innis cubbuu irraa qulqulleeffamuuf fayyada.
10 암송아지의 재를 거둔 자도 그 옷을 빨 것이며 저녁까지 부정하리라 이는 이스라엘 자손과 그 중에 우거하는 외인에게 영원한 율례니라
Namni daaraa goromsa sanaa walitti haru sunis wayyaa ofii isaa miiccachuu qaba; innis akkasuma hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Kunis Israaʼelootaa fi alagoota gidduu isaanii jiraataniif seera bara baraa taʼa.
11 사람의 시체를 만진 자는 칠일을 부정하리니
“Namni reeffa nama kamii iyyuu tuqu bultii torba xuraaʼaa taʼa.
12 그는 제 삼일과 제 칠일에 이 잿물로 스스로 정결케 할 것이라 그리하면 정하려니와 제 삼일과 제 칠일에 스스로 정결케 아니하면 그냥 부정하니
Inni guyyaa sadaffaa fi guyyaa torbaffaatti bishaaniin of qulqulleessuu qaba; ergasii qulqulluu taʼa. Garuu yoo guyyaa sadaffaa fi torbaffaatti of qulqulleessuu baate inni hin qulqullaaʼu.
13 누구든지 죽은 사람의 시체를 만지고 스스로 정결케 아니하는 자는 여호와의 성막을 더럽힘이라 그가 이스라엘에서 끊쳐질 것은 정결케 하는 물을 그에게 뿌리지 아니하므로 깨끗케 되지 못하고 그 부정함이 있음이니라
Namni reeffa nama kamii iyyuu tuqee of hin qulqulleessin hundi dunkaana Waaqayyoo qulqullicha sana xureessa. Namni sun saba Israaʼel keessaa ni balleeffama. Sababii bishaan ittiin qulqulleessan isatti hin facaafaminiif inni xuraaʼaa dha; xuraaʼummaan isaas isuma irratti hafa.
14 장막에서 사람이 죽을 때의 법은 이러하니 무릇 그 장막에 들어가는 자와 무릇 그 장막에 있는 자가 칠일 동안 부정할 것이며
“Yeroo namni tokko dunkaana keessatti duʼutti seerri kana: Namni dunkaana sana seenu hundii fi namni dunkaana keessa jiru hundi bultii torbaaf xuraaʼaa taʼa;
15 무릇 뚜껑을 열어 놓고 덮지 아니한 그릇도 부정하니라
qodaan afaan banaa kan qadaadni jabeeffamee itti hin qadaadamin hundi xuraaʼaa taʼa.
16 누구든지 들에서 칼에 죽이운 자나 시체나 사람의 뼈나 무덤을 만졌으면 칠일동안 부정하리니
“Namni alatti nama goraadeedhaan ajjeefame yookaan nama ofumaan duʼe tuqu kam iyyuu yookaan namni lafee namaa yookaan awwaala tuqu kam iyyuu bultii torbaaf xuraaʼaa taʼa.
17 그 부정한 자를 위하여 죄를 깨끗하게 하려고 불사른 재를 취하여 흐르는 물과 함께 그릇에 담고
“Nama xuraaʼaaf aarsaa ittiin qulqulleessuuf gubame sana irraa daaraa xinnaa isaa fuudhii okkotee tokkotti naqiitii bishaan yaaʼu itti dhangalaasi.
18 정한 자가 우슬초를 취하여 그 물을 찍어서 장막과 그 모든 기구와 거기 있는 사람들에게 뿌리고 또 뼈나 죽임을 당한 자나 시체나 무덤을 만진 자에게 뿌리되
Ergasiis namni akka seeraatti qulqulluu taʼe hiisophii xinnaa isaa fuudhee bishaan sana keessa cuuphee dunkaanaa fi miʼa isaa hundatti, namoota achi turanittis haa faffacaasu. Akkasumas nama lafee namaa yookaan awwaala yookaan nama ajjeefame yookaan nama ofumaan duʼe tuqetti haa faffacaasu.
19 그 정한 자가 제 삼일과 제 칠일에 그 부정한 자에게 뿌려서 제 칠일에 그를 정결케 할 것이며 그는 자기 옷을 빨고 물로 몸을 씻을 것이라 저녁이면 정하리라
Namichi qulqulluun sun guyyaa sadaffaa fi torbaffaatti namicha xuraaʼaa sanatti haa faffacaasu; guyyaa torbaffaatti immoo isa qulqulleessuu qaba. Namichi qulqulleefamu sun wayyaa ofii isaa miiccachuu, dhagna ofii isaas bishaaniin dhiqachuu qaba; innis galgala sana qulqulluu taʼa.
20 사람이 부정하고도 스스로 정결케 아니하면 여호와의 성소를 더럽힘이니 그러므로 총회 중에서 끊쳐질 것이니라 그는 정결케 하는 물로 뿌리움을 받지 아니하였은즉 부정하니라
Garuu namni xuraaʼaan yoo of qulqulleessuu baate, inni sababii iddoo qulqulluu Waaqayyo xureesseef waldaa keessaa ni balleeffama. Bishaan ittiin qulqulleessan sun isatti hin facaafamneetii inni xuraaʼaa dha.
21 이는 그들의 영영한 율례니라 정결케 하는 물을 뿌린 자는 그 옷을 빨 것이며 정결케 하는 물을 만지는 자는 저녁까지 부정할 것이며
Kun isaaniif seera bara baraa ti. “Namichi bishaan ittiin qulqulleessan faffacaasu sun wayyaa ofii isaa haa miiccatu; namni bishaan ittiin qulqulleessan tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
22 부정한 자가 만진 것은 무엇이든지 부정할 것이며 그것을 만지는 자도 저녁까지 부정하리라
Wanni namni xuraaʼaan tokko tuqu kam iyyuu xuraaʼaa taʼa; namni waan sana tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.”

< 민수기 19 >