< 나훔 2 >

1 파괴하는 자가 너를 치러 올라왔나니 너는 산성을 지키며 길을 파수하며 네 허리를 견고히 묶고 네 힘을 크게 굳게 할지어다!
Yaa Nanawwee, namni si lolu sitti dhufeera. Daʼoo eeggadhu; karaa ilaalladhu. Mudhii kee hidhadhu; humna kee hunda walitti qabadhu!
2 여호와께서 야곱의 영광을 회복하시되 이스라엘의 영광 같게 하시나니 이는 약탈자들이 약탈하였고 또 그 포도나무 가지를 없이하였음이라
Yoo balleessitoonni isaan onsanii mukkeen wayinii isaanii barbadeessan iyyuu, Waaqayyo akkuma ulfina Israaʼel deebise sana ulfina Yaaqoobis iddootti ni deebisa.
3 그의 용사들의 방패는 붉고 그의 무사들의 옷도 붉으며 그 항오를 벌이는 날에 병거의 철이 번쩍이고 노송나무 창이 요동하는도다
Gaachanawwan loltoota isaa diddiimoo dha; gootonnis uffata bildiimaa uffataniiru. Guyyaa isaan itti qopheeffaman sana, sibiilli gaarii lolaa irra jiru ni calaqqisa; eeboon gaattiraa isaaniis ni mirmirfama.
4 그 병거는 거리에 미치게 달리며 대로에서 이리 저리 빨리 가니 그 모양이 횃불 같고 빠르기 번개 같도다
Gaariiwwan lolaa karaa irra dadarbatamu; oobdiiwwan keessas asii fi achi gulufu. Isaan guca bobaʼu fakkaatu; akkuma bakakkaas ni darbatamu.
5 그가 그 존귀한 자를 생각해 내니 그들이 엎드러질듯이 달려서 급히 성에 이르러 막을 것을 예비하도다
Inni gootota isaa ni yaadata; isaan garuu karaatti gufatu. Isaan gara dallaa magaalattiitti ariifatu; daʼoonis qopheeffameefii jira.
6 강들의 수문이 열리고 왕궁이 소멸되며
Balballi lageenii banamaa dha; masaraan mootummaas ni jiga.
7 정명대로 왕후가 벌거벗은 몸으로 끌려가며 그 모든 시녀가 가슴을 치며 비둘기 같이 슬피 우는도다
Magaalattiin qullaatti hambaa akka boojiʼamtu murteeffameera. Xomboreewwan ishee qoma isaanii rurrukutanii akka gugee booʼu.
8 니느웨는 예로부터 물이 모인 못 같더니 이제 모두 도망하니 서라 서라 하나 돌아 보는 자가 없도다
Nanawween akkuma haroo ti; bishaan ishees keessaa yaaʼee dhuma. Isaanis, “Dhaabadhaa! Dhaabadhaa!” jedhanii iyyu; garuu namni tokko iyyuu dugda duubatti hin deebiʼu.
9 은을 노략하라 금을 늑탈하라 그 저축한 것이 무한하고 아름다운 기구가 풍부함이니라
Meetii saamaa! Warqee saamaa! Maddi ishee, badhaadhummaan kuusaa qabeenya ishee hundaas dhuma hin qabu!
10 니느웨가 공허하였고 황무하였도다 거민이 낙담하여 그 무릎이 서로 부딪히며 모든 허리가 아프게 되며 모든 낯이 빛을 잃도다
Isheen duwwaa, qullaa fi ona taateerti! Lapheen baqeera; jilbi laafeera; dhagni hollateera; fuulli hundis gurraachaʼeera.
11 이제 사자의 굴이 어디뇨? 젊은 사자의 먹는 곳이 어디뇨? 전에는 수사자 암사자가 그 새끼 사자와 함께 거기서 다니되 그것들을 두렵게 할 자가 없었으며
Holqi leencotaa, iddoon isaan itti ilmaan isaanii sooran, iddoon leenci kormaa fi dhalaan keessa yaaʼan, saafelli isaanis sodaa malee nagaadhaan jiraatan eessa?
12 수사자가 그 새끼를 위하여 식물을 충분히 찢고 그 암사자를 위하여 무엇을 움켜서는 취한 것으로 그 굴에 채웠고 찢은 것으로 그 구멍에 채웠었도다
Leenci waan ilmaan isaatiif gaʼu ajjeefate; leenca dhalaa isaatiifis waa hudhee ajjeese; boolla isaa waan adamseen, holqa isaa immoo gumaa fooniitiin guuttate.
13 만군의 여호와의 말씀에 내가 네 대적이 되어 너의 병거들을 살라 연기가 되게 하고 너의 젊은 사자들을 칼로 멸할 것이며 내가 또 너의 노략한 것을 땅에서 끊으리니 너의 파견자의 목소리가 다시는 들리지 아니하리라 하셨느니라
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Ani sitti kaʼeera; ani gaariiwwan kee kanneen waraanaa gubee daaraa nan godha; goraadeen leenca kee saafela ni fixa. Ani waan ati adamsattu tokko illee lafa irratti siif hin hambisu. Sagaleen ergamoota keetii lammata hin dhagaʼamu.”

< 나훔 2 >