< 미가 6 >

1 너희는 여호와의 말씀을 들을지어다 내게 이르시기를 너는 일어나서 산 앞에서 쟁변하여 작은 산으로 네 목소리를 듣게 하라 하셨나니
Waan Waaqayyo jedhu dhaggeeffadhaa: “Ol kakkaʼaatii fuula tulluuwwanii duratti dubbii keessan dhiʼeeffadhaa; gaarranis waan isin jettan haa dhagaʼan.
2 너희 산들과 땅의 견고한 지대들아 너희는 여호와의 쟁변을 들으라 여호와께서 자기 백성과 쟁변하시며 이스라엘과 변론하실 것이라
“Yaa tulluuwwan himata Waaqayyoo dhagaʼaa; hundeewwan lafaa kanneen bara baraa isinis dhaggeeffadhaa. Waaqayyo saba isaa irraa dubbii qabaatii; inni Israaʼel wajjin falmii qaba.
3 이르시기를 내 백성아 내가 무엇을 네게 행하였으며 무엇에 너를 괴롭게 하였느냐 너는 내게 증거하라
“Yaa saba ko, ani maalan si godhe? Ani maaliinan si dadhabsiise? Mee deebii naaf kenni.
4 내가 너를 애굽 땅에서 인도하여 내어 종노릇하는 집에서 속량하였고 모세와 아론과 미리암을 보내어 네 앞에 행하게 하였었느니라
Ani biyya Gibxii sin baasee biyya garbummaa keessaa sin fure. Ani akka inni si qajeelchuuf Musee, akkasumas Aroonii fi Miiriyaamin siifan erge.
5 내 백성아 너는 모압 왕 발락의 꾀한 것과 브올의 아들 발람이 그에게 대답한 것을 추억하며 싯딤에서부터 길갈까지의 일을 추억하라 그리하면 나 여호와의 의롭게 행한 것을 알리라 하실 것이니라
Yaa saba ko, mee gorsa Baalaaq mootiin Moʼaab gaafatee fi deebii Balaʼaam ilmi Beʼoor kenneef yaadadhu. Ati akka hojii qajeelummaa Waaqayyoo beektuuf karaa ati Shixiimii hamma Gilgaalitti deemte sana yaadadhu.”
6 내가 무엇을 가지고 여호와 앞에 나아가며 높으신 하나님께 경배할까 내가 번제물 일년 된 송아지를 가지고 그 앞에 나아갈까
Ani maaliinan fuula Waaqayyoo dura dhufee fuula Waaqa ol gubbaa jiruu duratti sagada? Ani aarsaa gubamuun, jabbii waggaa tokkootiin fuula isaa duratti dhiʼaadhuu?
7 여호와께서 천천의 수양이나 만만의 강수 같은 기름을 기뻐하실까 내 허물을 위하여 내 맏아들을, 내 영혼의 죄를 인하여 내 몸의 열매를 드릴까
Waaqayyo korbeeyyii hoolaa kuma hedduutti, zayitii laga kuma kudhaniitti ni gammadaa? Ani ilma koo hangafa, sababii yakka kootiitiif, sababii cubbuu lubbuu kootiitiifis dhala garaa koo aarsaa dhiʼeessuu?
8 사람아 주께서 선한 것이 무엇임을 네게 보이셨나니 여호와께서 네게 구하시는 것이 오직 공의를 행하며 인자를 사랑하며 겸손히 네 하나님과 함께 행하는 것이 아니냐
Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera. Waaqayyo maal sirraa barbaada? Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu, akka ati gad of qabdee Waaqa kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?
9 여호와께서 성읍을 향하여 외쳐 부르시나니 완전한 지혜는 주의 이름을 경외함이니라 너희는 매를 순히 받고 그것을 정하신 자를 순종할지니라
Isin dhaggeeffadhaa! Waaqayyo akkana jedhee magaalattii waama: Maqaa kee sodaachuun ogummaa dha; “Ulee fi Isa ulee sana filate qalbeeffadhaa.
10 악인의 집에 오히려 불의한 재물이 있느냐? 축소시킨 가증한 에바가 있느냐?
Yaa mana hamaa, ani qabeenya isin dabaan argattanii fi madaalii sobaa abaaramaa sana irraanfadhaa?
11 내가 만일 부정한 저울을 썼거나 주머니에 거짓 저울추를 두었으면 깨끗하겠느냐?
Ani nama madaallii sobaatiin hojjetuu fi kan madaalii sobaa korojootti baatu akkasumatti dhiisaa?
12 그 부자들은 강포가 가득하였고 그 거민들은 거짓을 말하니 그 혀가 입에서 궤사하도다
Sooreyyiin ishee jalʼoota; uummanni ishee sobdoota; arrabni isaaniis gowwoomsaa dubbata.
13 그러므로 나도 너를 쳐서 중히 상하게 하였으며 네 죄를 인하여 너를 적막하게 하였나니
Kanaafuu ani sababii cubbuu keessaniitiif isin diigee, isin balleessuu jalqabeera.
14 네가 먹으나 배부르지 못하고 속이 항상 빌 것이며 네가 감추나 보존되지 못하겠고 보존된 것은 내가 칼에 붙일 것이며
Ati inuma nyaatta; garuu hin quuftu; garaan kee amma illee duwwaa dha. Ati ni kaaʼatta; garuu homaa siif hin kuufamu; waan ati kuufattu sana ani goraadeetti kennaatii.
15 네가 씨를 뿌리나 추수하지 못할 것이며 감람을 밟으나 기름을 네 몸에 바르지 못할 것이며 포도를 밟으나 술을 마시지 못하리라
Ati ni facaafatta; garuu hin haammattu; ejersa ni cuunfatta; garuu zayitii isaa hin dibattu; ija wayinii ni cuunfatta; garuu daadhii wayinii hin dhugdu.
16 너희가 오므리의 율례와 아합 집의 모든 행위를 지키고 그들의 꾀를 좇으니 이는 나로 너희를 황무케 하며 그 거민으로 사람의 치솟거리를 만들게 하려 함이라 너희가 내 백성의 수욕을 담당하리라
Ati sirna Omriitii fi hojii mana Ahaab hunda jabeessiteerta; gorsa isaaniis duukaa buuteerta. Kanaafuu ani si balleessee, uummata kee nan salphisa; isin tuffii sabootaa ni baattu.”

< 미가 6 >