< 사사기 20 >
1 이에 모든 이스라엘 자손이 단에서부터 브엘세바까지와 길르앗 땅에서 나왔는데 그 회중이 일제히 미스바에서 여호와 앞에 모였으니
Israaʼeloonni Daanii hamma Bersheebaatti argaman akkasumas kanneen biyya Giliʼaad keessa jiraatan hundi akka nama tokkootti baʼanii iddoo Miisphaa jedhamutti fuula Waaqayyoo duratti walitti qabaman.
2 온 백성의 어른 곧 이스라엘 모든 지파의 어른들은 하나님 백성의 총회에 섰고 칼을 빼는 보병은 사십만이었으며
Hooggantoonni namoota gosoota Israaʼel hundi wal gaʼii saba Waaqaa irratti argaman; loltoonni kuma dhibba afur goraadee hidhatanii turan.
3 이스라엘 자손의 미스바에 올라간 것을 베냐민 자손이 들었더라 이스라엘 자손이 가로되 `이 악한 일의 정형을 우리에게 고하라'
Namoonni gosa Beniyaam akka Israaʼeloonni gara Miisphaatti ol baʼan dhagaʼan. Namoonni Israaʼelis, “Mee akka wanni hamaan kun itti hojjetame nutti himaa” jedhan.
4 레위 사람 곧 죽임을 당한 여인의 남편이 대답하여 가로되 `내가 내 첩으로 더불어 베냐민에 속한 기브아에 유숙하러 갔더니
Lewwichi dhirsi dubartii ajjeefamte sanaas akkana jedhee deebise; “Anii fi saajjatoon koo achi buluuf biyya Beniyaam Gibeʼaa dhufne.
5 기브아 사람들이 나를 치러 일어나서 밤에 나의 우거한 집을 에워싸고 나를 죽이려 하고 내 첩을 욕보여서 그로 죽게 한지라
Namoonni Gibeʼaas na ajjeesuuf halkan mana ani bule sana marsan. Isaanis saajjatoo koo humnaan gudeedan; isheenis ni duute.
6 내가 내 첩의 시체를 취하여 쪼개어 이스라엘 기업의 온 땅에 보내었노니 이는 그들이 이스라엘 중에서 음행과 망령된 일을 행하였음을 인함이로라
Anis reeffa saajjatoo koo fuudhee gargari kukkutee gara biyyoota dhaala gosoota Israaʼel hundaatti erge; isaan Israaʼel keessatti waan jibbisiisaa fi salphisaa akkasii hojjetaniiruutii.
7 이스라엘 자손들아! 너희가 다 여기 있은즉 너희의 의견과 방책을 낼지니라'
Ammas isin Israaʼeloonni hundinuu irratti mariʼadhaatii murtii keessan kennaa.”
8 모든 백성이 일제히 일어나며 가로되 `우리가 하나라도 자기 장막으로 돌아가지 아니하며 하나라도 자기 집으로 들어가지 아니하고
Namoonni hundi akkuma nama tokkootti kaʼanii akkana jedhan; “Nu keessaa namni tokko iyyuu gara mana isaatti hin galu. Nu keessaa namni tokko iyyuu mana isaatti hin deebiʼu.
9 우리가 기브아 사람에게 이렇게 행하리니 곧 제비뽑아서 그들을 치되
Wanni nu Gibeʼaa goonu garuu kana: Akkuma ixaan nuu baʼetti itti duuluu dha.
10 우리가 이스라엘 모든 지파 중에서 백에 열, 천에 백, 만에 천을 취하고 그 백성을 위하여 양식을 예비하고 그들로 베냐민의 기브아에 가서 그 무리의 이스라엘 중에서 망령된 일을 행한 대로 징계하게 하리라' 하니라
Akka isaan warra duulaniif waan isaan nyaatan fidaniif, gosoota Israaʼel hunda keessaa nama dhibba tokko keessaa nama kudhan, nama kuma tokko keessaa nama dhibba tokko, nama kuma kudhan keessaa nama kuma tokko ni fudhanna. Duulli kunis yeroo Gibeʼaa ishee Beniyaam keessa jirtu sana qaqqabutti waan isaan Israaʼel irratti hojjetan sanaaf adabbii barbaachisaa ni kenna.”
11 이와 같이 이스라엘 모든 사람이 하나 같이 합심하여 그 성읍을 치려고 모였더라
Kanaafuu namoonni Israaʼel hundi walitti qabamanii akkuma nama tokkootti magaalattiitti duulan.
12 이스라엘 지파들이 베냐민 온 지파에 사람들을 보내어 두루 행하며 이르기를 `너희 중에서 생긴 이 악이 어찜이뇨?
Gosoonni Israaʼel gara gosa Beniyaam hundaatti akkana jedhanii nama ergan; “Yakki hamaan gidduu keessanitti hojjetame kun maali?
13 그런즉 이제 기브아 사람 곧 그 비류를 우리에게 붙여서 우리로 죽여 이스라엘 중에 악을 제하여 버리게 하라' 하나 베냐민 자손이 그 형제 이스라엘 자손의 말을 듣지 아니하고
Ammas akka nu isaan barbadeessinee Israaʼel keessaa hammina balleessinuuf namoota Gibeʼaa hamoo sana dabarsaa nutti kennaa.” Beniyaamonni garuu Israaʼeloota firoota isaanii dhagaʼuu didan.
14 도리어 각 성읍에서 기브아에 모이고 나가서 이스라엘 자손과 싸우고자 하니
Isaanis Israaʼeloota waraanuudhaaf magaalaawwan isaaniitii tokkummaadhaan gara Gibeʼaa dhufan.
15 그 때에 성읍들에서 나온 베냐민 자손의 수는 칼을 빼는 자가 모두 이만 육천이요 그 외에 기브아 거민 중 택한 자가 칠백인데
Beniyaamonni yeruma tokkotti loltoota filatamoo Gibeʼaa keessa jiraatan dhibba torba irratti namoota goraadee hidhatan kuma digdamii jaʼa magaalaawwan isaaniitii hiriirsan.
16 이 모든 백성 중에서 택한 칠 백명은 다 왼손잡이라 물매로 돌을 던지면 호리도 틀림이 없는 자더라
Loltoota filatamoo kanneen hunda keessaa dhibba torba bitaachota tokkoon tokkoon isaanii rifeensatti dhagaa furrisanii hin dhabne turan.
17 베냐민 자손 외에 이스라엘 사람의 칼을 빼는 자의 수는 사십만명이니 다 전사라
Israaʼeloonni Beniyaamota malee iyyuu namoota goraadee hidhatan kuma dhibba afur qabu turan; kunneen hundinuu gootota turan.
18 이스라엘 자손이 일어나 벧엘에 올라가서 하나님께 묻자와 가로되 우리 중에 누가 먼저 올라가서 베냐민 자손과 싸우리이까? 여호와께서 가라사대 유다가 먼저일지니라
Israaʼeloonni Beetʼeelitti ol baʼanii, “Beniyaamota waraanuudhaaf nu keessaa jalqabatti eenyu haa baʼuu?” jedhanii Waaqa gaafatan. Waaqayyos, “Yihuudaan jalqabatti haa baʼu” jedhee deebise.
19 이스라엘 자손이 아침에 일어나 기브아를 대하여 진을 치니라
Ijoolleen Israaʼelis ganamaan kaʼanii Gibeʼaa marsan.
20 이스라엘 사람들이 나가서 항오를 벌이고 거기서 그들과 싸우고자 하매
Namoonni Israaʼel Beniyaamota waraanuuf baʼanii Gibeʼaatti iddoo iddoo isaanii qabatan.
21 베냐민 자손이 기브아에서 나와서 당일에 이스라엘 사람 이만 이천을 땅에 엎드러뜨렸으나
Beniyaamonnis Gibeʼaadhaa baʼanii gaafuma sana dirree waraanaa irratti Israaʼeloota kuma digdamii lama fixan.
22 이스라엘 사람들이 스스로 용기를 내어 첫날 항오를 벌였던 곳에 다시 항오를 벌이니라
Namoonni Israaʼel garuu wal jajjabeessanii iddoodhuma gaafa duraa itti hiriiran sanatti iddoo iddoo isaanii qabatan.
23 이스라엘 자손이 올라가서 여호와 앞에서 저물도록 울며 여호와께 묻자와 가로되 `내가 다시 나아가서 나의 형제 베냐민 자손과 싸우리이까?' 여호와께서 가라사대 올라가서 치라 하시니라
Israaʼeloonni ol baʼanii hamma galgalaatti fuula Waaqayyoo duratti booʼan. Isaanis, “Nu obboloota keenya Beniyaamota waraanuuf amma illee ol baanuu?” jedhanii Waaqayyoon gaafatan. Waaqayyos, “Itti ol baʼaa” jedhee deebise.
24 그 이튿날에 이스라엘 자손이 베냐민 자손을 치러 나아가매
Israaʼeloonni guyyaa lammaffaatti gara Beniyaamotaatti dhiʼaatan.
25 베냐민도 그 이튿날에 기브아에서 그들을 치러 나와서 다시 이스라엘 자손 일만 팔천을 땅에 엎드러뜨렸으니 다 칼을 빼는 자였더라
Yeroo kanatti, Beniyaamonni Gibeʼaadhaa itti baʼanii Israaʼeloota goraadee hidhatan kuma kudha saddeet galaafatan.
26 이에 온 이스라엘 자손 모든 백성이 올라가서 벧엘에 이르러 울며 거기서 여호와 앞에 앉고 그 날이 저물도록 금식하고 번제와 화목제를 여호와 앞에 드리고
Ergasii ijoolleen Israaʼel, sabni hundinuu Beetʼeelitti ol baʼanii achitti booʼaa fuula Waaqayyoo dura tataaʼan. Hamma galgalaattis soomanii aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan.
27 여호와께 물으니라 (그 때에는 하나님의 언약궤가 거기 있고
Israaʼeloonnis gorsa Waaqayyoo gaafatan. Bara sana taabonni kakuu Waaqaa achuma ture;
28 아론의 손자 엘르아살의 아들 비느하스가 그 앞에 모셨더라) 이스라엘 자손이 묻자오되 `내가 다시 나가 나의 형제 베냐민 자손과 싸우리이까 말리이까' 여호와께서 가라사대 올라가라 내일은 내가 그를 네 손에 붙이리라
Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar, ilmi Aroon fuula isaa dura tajaajilaa ture. Isaanis, “Nu amma illee obboloota keenya Beniyaamota waraanuuf haa baanu moo haa dhiifnu?” jedhanii gaafatan. Waaqayyos, “Baʼaa; ani bori isaan dabarsee harka keessanitti kennaatii” jedheen.
29 이스라엘이 기브아 사면에 군사를 매복하니라
Kanaafuu Israaʼeloonni naannoo Gibeʼaatti riphan.
30 이스라엘 자손이 제 삼일에 베냐민 자손에게로 치러 올라가서 전과 같이 기브아를 대하여 항오를 벌이매
Isaanis guyyaa sadaffaatti Beniyaamotatti duulanii akkuma duraan godhan sana Gibeʼaa waraanuudhaaf iddoo iddoo isaanii qabatan.
31 베냐민 자손이 나와서 백성을 맞더니 꾀임에 빠져 성읍을 떠났더라 그들이 큰 길 곧 한편은 벧엘로 올라가는 길이요 한편은 기브아의 들로 가는 길에서 백성을 쳐서 전과 같이 이스라엘 사람 삼십명 가량을 죽이기 시작하며
Beniyaamonnis isaan waraanuuf baʼanii magaalaa sana irraa fagaatan. Akkuma kanaan duraas Israaʼeloota dhaʼuu jalqaban; daandiiwwan Beetʼeeliitii fi Gibeʼaa irrattis namoota Israaʼel gara soddoma ajjeesan.
32 스스로 이르기를 이들이 처음과 같이 우리 앞에서 패한다하나 이스라엘 자손은 이르기를 `우리가 도망하여 그들을 성읍에서 큰 길로 꾀어내자' 하고
Beniyaamonnis, “Kunoo nu akkuma kanaan duraa isaan moʼachaa jirra” jedhan; Israaʼeloonni immoo, “Kottaa nu gara dugda duubaatti deebinee akka isaan magaalaa keessaa baʼan goonaa” jedhan.
33 이스라엘 사람이 모두 그 처소에서 일어나서 바알다말에 항오를 벌였고 그 복병은 그 처소 곧 기브아 초장에서 쏟아져 나왔더라
Namoonni Israaʼel hundinuu iddoo turanii kaʼanii Baʼaal Taamaaritti iddoo iddoo isaanii qabatan; waraanni Israaʼel kan riphee eegaa tures karaa lixa Gibeʼaatiin itti baʼe.
34 온 이스라엘 사람 중에서 택한 사람 일만이 기브아에 이르러 치매 싸움이 심히 맹렬하나 베냐민 사람은 화가 자기에게 미친 줄을 알지 못하였더라
Sana booddees namoonni Israaʼel filatamoon kuma kudhan Gibeʼaa irratti waraana banan. Waraanni sunis akka malee cimaa ture; Beniyaamonni garuu akka badiin isaanitti dhiʼaatee jiru hin beekne ture.
35 여호와께서 이스라엘 앞에서 베냐민을 쳐서 파하게 하시매 당일에 이스라엘 자손이 베냐민 사람 이만 오천 일백을 죽였으니 다 칼을 빼는 자이었더라
Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duratti Beniyaamota dhaʼe; Israaʼeloonni gaafas Beniyaamota 25,100 kanneen hundi isaanii goraadee hidhatan fixan.
36 이에 베냐민 자손이 자기가 패한 것을 깨달았으니 이는 이스라엘 사람이 기브아에 매복한 군사를 믿고 잠간 베냐민 사람 앞을 피하매
Kanaafuu Beniyaamonni akka moʼataman hubatan. Yeroo kanatti Israaʼeloonni waraana isaanii kan naannoo Gibeʼaatti riphee jiru sana abdatanii waan moʼataman fakkeessanii Beniyaamotaaf iddoo gad dhiisan.
37 복병이 급히 나와 기브아에 돌입하고 나아가며 칼날로 온 성읍을 쳤음이더라
Waraanni Israaʼel riphee ture sunis yeruma tokkoon cabsee Gibeʼaa seenee magaalattii goraadeedhaan dhaʼe.
38 처음에 이스라엘 사람과 복병 사이에 상약하기를 `성읍에서 큰 연기가 치미는 것으로 군호를 삼자' 하고
Namoonni Israaʼelis akka waraanni riphee ture sun magaalaa keessaa mallattoo duumessa aaraa guddaa isaa argisiisu walii galanii turan;
39 이스라엘 사람은 싸우다가 물러가고 베냐민 사람은 이스라엘 사람 삼십명 가량을 쳐 죽이기를 시작하며 이르기를 `이들이 정녕 처음 싸움같이 우리에게 패한다' 하다가
akkasiinis namoonni Israaʼel gara lolaatti dachaʼan. Beniyaamonni waraana jalqabanii Israaʼeloota soddoma ajjeesan; kanaafuu, “Nu akkuma yeroo jalqabaa sana isaan moʼachaa jirra” jedhan.
40 연기 구름이 기둥 같이 성읍 가운데서 일어날 때에 베냐민 사람이 돌아보매 온 성읍에 연기가 하늘에 닿았고
Garuu yommuu magaalattii keessaa aarri ol baʼuu jalqabetti Beniyaamonni of irra garagalanii aara guutummaa magaalattii keessaa samiitti ol baʼaa jiru argan.
41 이스라엘 사람은 돌이키는지라 베냐민 사람이 화가 자기에게 미친 것을 보고 심히 놀라
Kana irratti namoonni Israaʼel Beniyaamotatti garagalan; Beniyaamonni akka balaan isaanitti dhufe beekanii akka malee sodaataniitii.
42 이스라엘 사람 앞에서 몸을 돌이켜 광야 길로 향하였으나 군사가 급히 추격하며 각 성읍에서 나온 자를 그 가운데서 진멸하니라
Kanaafuu isaan gara gammoojjiitti fuula deeffatanii Israaʼeloota duraa baqatan. Garuu jalaa baʼuu hin dandeenye. Namoonni Israaʼel kanneen magaalaa sanaa baʼanii dhufan achitti isaan fixan.
43 그들이 베냐민 사람을 에워쌌더니 기브아 앞 동편까지 쫓으며 그 쉬는 곳에서 짓밟으매
Isaanis jara marsanii ariʼuudhaan fuullee baʼa Gibeʼaatti isaan moʼatan.
44 베냐민 중에서 엎드러진 자가 일만 팔천이니 다 용사더라
Loltoonni Beniyaam jajjaboon kuma kudha saddeet ni galaafataman.
45 그들이 몸을 돌이켜 광야로 도망하여 림몬 바위에 이르는 큰길에서 이스라엘이 또 오천명을 이삭 줍듯 하고 또 급히 따라 기돔에 이르러 또 이천명을 죽였으니
Utuu isaan garagalanii gara gammoojjii kattaa Rimoonitti baqachaa jiranuu namoonni kuma shan karaa irratti jalaa dhuman. Israaʼeloonni ammas hamma Gidoomitti warra hafan duukaa buʼanii nama kuma lama ajjeesan.
46 이 날에 베냐민의 칼을 빼는 자의 엎드러진 것이 모두 이만 오천이니 다 용사더라
Gaafas Beniyaamota goraadee hidhatan kuma digdamii shanitu ajjeefame; hundi isaaniis loltoota bebeekamoo turan.
47 베냐민 육백명이 돌이켜 광야로 도망하여 림몬 바위에 이르러 거기서 넉달을 지내었더라
Namoonni dhibba jaʼa garuu garagalanii gara gammoojjiitti kattaa Rimoonitti baqatan; jiʼa afuris achi turan.
48 이스라엘 사람이 베냐민 자손에게로 돌아와서 온 성읍과 가축과 만나는 자를 다 칼날로 치고 닥치는 성읍마다 다 불살랐더라
Namoonni Israaʼel immoo gara Beniyaamotaatti dachaʼanii guutummaa magaalaa sanaa, horii fi waan achitti argan hunda goraadeen fixan. Magaalaa itti dhufan hundas ibiddaan guban.