< 사사기 10 >

1 아비멜렉의 후에 잇사갈 사람 도도의 손자 부아의 아들 돌라가 일어나서 이스라엘을 구원하니라 그가 에브라임 산지 사밀에 거하여
Erga Abiimelek duʼee booddee namichi gosa Yisaakor, Toolaan ilmi Phuwaa ilmi Doodoo Israaʼel baraaruuf kaʼe. Innis biyya gaaraa Efreem keessa Shaamiir jiraate.
2 이스라엘의 사사가 된지 이십 삼년만에 죽으매 사밀에 장사되었더라
Tolaan waggaa digdamii sadii Israaʼelin bulche; ergasiis duʼee Shaamiiritti awwaalame.
3 그 후에 길르앗 사람 야일이 일어나서 이십 이년 동안 이스라엘의 사사가 되니라
Isatti aanee Yaaʼiir namichi gosa Giliʼaad kaʼee waggaa kudha lama Israaʼelin bulche;
4 그에게 아들 삼십이 있어 어린 나귀 삼십을 탔고 성읍 삼십을 두었었는데 그 성들은 길르앗 땅에 있고 오늘까지 하봇야일이라 칭하더라
innis ilmaan soddoma kanneen harroota soddoma yaabbatan qaba ture. Isaanis magaalaawwan hamma harʼaatti gandoota Yaaʼiir jedhaman soddoma Giliʼaad keessaa qabu turan.
5 야일이 죽으매 가몬에 장사되었더라
Yaaʼiiris duʼee Qaamonitti awwaalame.
6 이스라엘 자손이 다시 여호와의 목전에 악을 행하여 바알들과, 아스다롯과, 아람의 신들과, 시돈의 신들과, 모압의 신들과, 암몬 자손의 신들과, 블레셋 사람의 신들을 섬기고 여호와를 버려 그를 섬기지 아니하므로
Ammas Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan. Baʼaalii fi Ashtooreti akkasumas waaqota Sooriyaa, Siidoonaa, Moʼaab, Amoonii fi kan Filisxeem waaqeffatan. Waan Israaʼeloonni Waaqayyoon dhiisanii isa waaqeffachuu didaniif,
7 여호와께서 이스라엘에게 진노하사 블레셋 사람의 손과 암몬 자손의 손에 파시매
inni isaanitti dheekkame. Dabarsees harka Filisxeemotaatii fi Amoonotaatti isaan gurgure;
8 그들이 그 해부터 이스라엘 자손을 학대하니 요단 저편 길르앗 아모리 사람의 땅에 거한 이스라엘 자손이 십팔년 동안 학대를 당하였고
isaanis bara sana ijoollee Israaʼel gad cabsanii cunqursan. Israaʼeloota biyya Amoorotaa kan Giliʼaad keessa karaa baʼaatiin laga Yordaanos bira jiraatan hundumaa waggaa kudha saddeet akka malee cunqursan.
9 암몬 자손이 또 요단을 건너서 유다와 베냐민과 에브라임 족속을 치므로 이스라엘의 곤고가 심하였더라
Amoononnis gosa Yihuudaa, gosa Beniyaamii fi mana Efreem waraanuudhaaf laga Yordaanos ceʼan. Israaʼeloonnis akka malee raafaman.
10 이스라엘 자손이 여호와께 부르짖어 가로되 `우리가 우리 하나님을 버리고 바알들을 섬김으로 주께 범죄하였나이다'
Kanaafuu Israaʼeloonni, “Nu si Waaqa keenya dhiifnee Baʼaal waaqeffachuudhaan yakka sitti hojjenneerra” jedhanii Waaqayyotti iyyatan.
11 여호와께서 이스라엘 자손에게 이르시되 내가 애굽 사람과, 아모리 사람과, 암몬 자손과, 블레셋 사람에게서 너희를 구원하지 아니하였느냐?
Waaqayyos akkana jedhee deebiseef; “Yeroo warri Gibxi, Amooronni, Amoononni, Filisxeemonni,
12 또 시돈 사람과 아말렉 사람과 마온 사람이 너희를 압제할 때에 너희가 내게 부르짖으므로 내가 너희를 그들의 손에서 구원하였거늘
Siidoononni, Amaaleqoonnii fi Maaʼoononni isin cunqursinaan isin natti iyyattanitti ani harka isaanii jalaa isin hin baafnee?
13 너희가 나를 버리고 다른 신들을 섬기니 그러므로 내가 다시는 너희를 구원치 아니하리라
Isin garuu na dhiiftanii waaqota biraa waaqeffattan; kanaafuu ani siʼachi isin hin baasu.
14 가서 너희가 택한 신들에게 부르짖어서 환난 때에 그들로 너희를 구원하게 하라
Deemaatii waaqota filattan sanatti iyyadhaa. Yommuu isin rakkattan isaanumti isin haa oolchan!”
15 이스라엘 자손이 여호와께 여짜오되 `우리가 범죄하였사오니 주의 보시기에 좋은대로 우리에게 행하시려니와 오직 주께 구하옵나니 오늘날 우리를 건져 내옵소서!' 하고
Israaʼeloonnis Waaqayyoon, “Nu cubbuu hojjenneera. Ati waan feete nu godhi; amma garuu maaloo nu baasi” jedhan.
16 자기 가운데서 이방 신들을 제하여 버리고 여호와를 섬기매 여호와께서 이스라엘의 곤고를 인하여 마음에 근심하시니라
Isaanis waaqota ormaa gidduu isaaniitii balleessanii Waaqayyoon waaqeffatan. Innis ergasii dhiphina Israaʼel calʼisee ilaaluu hin dandeenye.
17 그 때에 암몬 자손이 모여서 길르앗에 진 쳤으므로 이스라엘 자손도 모여서 미스바에 진 치고
Yeroo Amoononni Giliʼaaditti wal gaʼanitti Israaʼeloonnis wal gaʼanii Miisphaa qubatan.
18 길르앗 백성과 방백들이 서로 이르되 `누가 먼저 나가서 암몬 자손과 싸움을 시작할꼬 그가 길르앗 모든 거민의 머리가 되리라' 하니라
Hooggantoonni namoota Giliʼaadis, “Namni jalqabatti Amoonotatti waraana banu inni jiraattota Giliʼaad hundaaf hoogganaa taʼa” waliin jedhan.

< 사사기 10 >