< 여호수아 4 >

1 온 백성이 요단 건너기를 마치매 여호와께서 여호수아에게 일러 가라사대
Waaqayyos erga sabni guutuun Yordaanosin ceʼee booddee, Iyyaasuudhaan akkana jedhe;
2 백성의 매 지파에 한 사람씩 열 두 사람을 택하고
“Saba keessaa nama kudha lama, tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko tokko filadhuutii
3 그들에게 명하여 이르기를 요단 가운데 제사장들의 발이 굳게 선 그곳에서 돌 열 둘을 취하고 그것을 가져다가 오늘밤 너희의 유숙할 그 곳에 두라 하라
akka isaan walakkaa Yordaanos keessaa iddoo luboonni dhadhaabatan sanaa dhagoota kudha lama fuudhanii, baatanii isin wajjin deemanii iddoo isin edana bultanitti lafa kakaaʼan itti himi.”
4 여호수아가 이스라엘 자손 중에서 매 지파에 한 사람씩 예비한 그 열 두 사람을 불러서
Kanaafis Iyyaasuun, namoota kudha lamaan Israaʼeloota keessaa, tokkoo tokkoo gosaa keessaa tokko tokko filate sana walitti waamee
5 그들에게 이르되 `요단 가운데 너희 하나님 여호와의 궤 앞으로 들어가서 이스라엘 자손들의 지파 수대로 각기 돌 한개씩 취하여 어깨에 메라
akkana jedheen; “Taabota Waaqayyo Waaqa keessanii kana dura darbaatii walakkaa Yordaanos seenaa. Tokkoon tokkoon keessanis akkuma baayʼina gosoota Israaʼelootaatti dhagaa tokko tokko fudhattanii gatiittii keessanitti baachuu qabdu.
6 이것이 너희 중에 표징이 되리라 후일에 너희 자손이 물어 가로되 이 돌들은 무슨 뜻이뇨? 하거든
Kunis akka wanni kun gidduu keessanitti mallattoo taʼuuf. Yommuu ijoolleen keessan gara fuulduraatti, ‘Dhagoonni kunneen maal argisiisu?’ jedhanii isin gaafatanitti,
7 그들에게 이르기를 요단 물이 여호와의 언약궤 앞에서 끊어졌었나니 곧 언약궤가 요단을 건널 때에 요단 물이 끊어졌으므로 이 돌들이 이스라엘 자손에게 영영한 기념이 되리라' 하라
akka bishaan laga Yordaanos fuula taabota kakuu Waaqayyoo duratti gargar cite itti himaa. Yommuu taabonni kun laga Yordaanos ceʼetti bishaan Yordaanos gargar cite. Dhagaawwan kunneenis saba Israaʼeliif yaadannoo bara baraa taʼu.”
8 이스라엘 자손들이 여호수아의 명한 대로 행하되 여호와께서 여호수아에게 이르신 대로 이스라엘 자손들의 지파 수를 따라 요단 가운데서 돌 열 둘을 취하여 자기들의 유숙할 곳으로 가져다가 거기 두었더라
Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Iyyaasuun isaan ajaje godhan. Isaanis akkuma Waaqayyo Iyyaasuutti hime sana, akkuma baayʼina gosoota Israaʼelootaatti dhagoota kudha lama walakkaa Yordaanos keessaa fuudhan; hamma iddoo qubata isaaniittis baatanii achitti lafa kaaʼatan.
9 여호수아가 또 요단 가운데 곧 언약궤를 멘 제사장들의 발이 선곳에 돌 열 둘을 세웠더니 오늘까지 거기 있더라
Iyyaasuunis dhagoota kudha lamaan walakkaa Yordaanos keessa iddoo luboonni taabota kakuu baatan sun ijaajjaa turan sana ol dhadhaabe. Isaanis hamma harʼaatti achuma jiru.
10 궤를 멘 제사장들이 여호와께서 여호수아에게 명하사 백성에게 이르게 하신 일 곧 모세가 여호수아에게 명한 일이 다 마치기까지 요단 가운데 섰고 백성은 속히 건넜으며
Luboonni taabota kakuu baatan sunis hamma wanni Waaqayyo akka inni namootatti himuuf Iyyaasuu ajaje hundi akkuma Museen Iyyaasuu ajajetti raawwatamutti walakkaa Yordaanos keessa dhadhaabachaa turan. Namoonnis dafanii ceʼan;
11 모든 백성이 건너기를 마친 후에 여호와의 궤와 제사장들이 백성의 목전에서 건넜으며
akkuma hundi isaanii ceʼaniinis utuma namoonni arganuu taabonni Waaqayyootii fi luboonni gara gama kaaniitti ceʼan.
12 르우벤 자손과 갓 자손과 므낫세 반 지파는 모세가 그들에게 이른 것 같이 무장하고 이스라엘 자손들보다 앞서 건너갔으니
Ilmaan Ruubeen, ilmaan Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee akkuma Museen isaan ajajetti miʼa lolaa hidhatanii Israaʼeloota dura gara gamaatti ceʼan.
13 사만명 가량이라 무장하고 여호와 앞에서 건너가서 싸우려고 여리고 평지에 이르니라
Namni gara kuma afurtamaa taʼu warraanaaf hidhatee fuula Waaqayyoo dura gara dirree Yerikootti lolaaf ceʼe.
14 그 날에 여호와께서 모든 이스라엘의 목전에서 여호수아를 크게 하시매 그의 생존한 날 동안에 백성이 두려워하기를 모세를 두려워하던 것같이 하였더라
Waaqayyos guyyaa sana fuula Israaʼeloota hundaa duratti Iyyaasuu nama guddaa godhe; isaanis akkuma Museef ulfina kennaa turan sana bara jireenya isaa guutuu Iyyaasuufis ulfina kennan.
15 여호와께서 여호수아에게 일러 가라사대
Ergasiis Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe;
16 증거궤를 멘 제사장들을 명하여 요단에서 올라오게 하라 하신지라
“Akka isaan Yordaanos keessaa ol baʼaniif luboota taabota kakuu seeraa baatan sana ajaji.”
17 여호수아가 제사장들에게 명하여 `요단에서 올라오라' 하매
Kanaafuu Iyyaasuun, “Yordaanos keessaa ol baʼaa” jedhee luboota ajaje.
18 여호와의 언약궤를 멘 제사장들이 요단 가운데서 나오며 그 발바닥으로 육지를 밟는 동시에 요단 물이 본 곳으로 도로 흘러 여전히 언덕에 넘쳤더라
Luboonnis taabota kakuu Waaqayyoo baatanii laga keessaa ol baʼan. Akkuma isaan miilla isaanii lafa gogaa irra dhaabbataniin bishaan Yordaanos iddoo ofiitti deebiʼee akkuma duraanii guutee irra dhangalaʼe.
19 정월 십일에 백성이 요단에서 올라와서 여리고 동편 지경 길갈에 진 치매
Guyyaa kurnaffaa jiʼa jalqabaatti namoonni Yordaanos keessaa ol baʼanii Gilgaal isa baʼa daarii Yerikoo keessa qubatan.
20 여호수아가 그 요단에서 가져온 열 두 돌을 길갈에 세우고
Iyyaasuunis dhagoota kudha lamaan isaan Yordaanos keessaa fuudhan sana Gilgaal keessa dhadhaabe.
21 이스라엘 자손들에게 일러 가로되 `후일에 너희 자손이 그 아비에게 묻기를 이 돌은 무슨 뜻이냐? 하거든
Innis Israaʼelootaan akkana jedhe; “Gara fuulduraatti yoo sanyiin keessan, ‘Dhagaawwan kunneen maal argisiisu?’ jedhanii abbootii isaanii gaafatan,
22 너희는 자손에게 알게 하여 이르기를 이스라엘이 마른 땅을 밟고 이 요단을 건넜음이라
‘Israaʼel lafa gogaa irra Yordaanos ceʼe’ jedhaa itti himaa.
23 너희 하나님 여호와께서 요단 물을 너희 앞에 마르게 하사 너희로 건너게 하신 것이 너희 하나님 여호와께서 우리 앞에 홍해를 말리시고 우리로 건너게 하심과 같았나니
Waaqayyo Waaqni keessan hamma isin gamatti ceetanitti fuuluma keessan duratti Yordaanos gogsee tureetii. Waaqayyo Waaqni keessan akkuma hamma nu ceenutti Galaana Diimaa fuula keenya duratti gogse sana Yordaanosiinis gogse.
24 이는 땅의 모든 백성으로 여호와의 손이 능하심을 알게 하며 너희로 너희 하나님 여호와를 영원토록 경외하게 하려 하심이라' 하라
Innis akka sabni lafaa hundinuu akka harki Waaqayyoo jabaa taʼe argisiisuu fi akka isinis yeroo hunda Waaqayyo Waaqa keessan sodaattaniif waan kana hojjete.”

< 여호수아 4 >