< 욥기 2 >

1 또 하루는 하나님의 아들들이 와서 여호와 앞에 서고 사단도 그들 가운데 와서 여호와 앞에 서니
Guyyaa biraas ergamoonni Waaqayyoo fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaachuuf dhufan; Seexannis isaan wajjin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaachuuf dhufe.
2 여호와께서 사단에게 이르시되 네가 어디서 왔느냐 사단이 여호와께 대답하여 가로되 땅에 두루 돌아 여기 저기 다녀 왔나이다
Waaqayyos Seexanaan, “Ati eessaa dhufte?” jedhe. Seexannis, “Ani lafa hunda irra jooree asii fi achis deddeebiʼaa tureen dhufe” jedhee Waaqayyoof deebise.
3 여호와께서 사단에게 이르시되 네가 내 종 욥을 유의하여 보았느냐 그와 같이 순전하고 정직하여 하나님을 경외하며 악에서 떠난 자가 세상에 없느니라 네가 나를 격동하여 까닭없이 그를 치게 하였어도 그가 오히려 자기의 순전을 굳게 지켰느니라
Waaqayyos Seexanaan akkana jedhe; “Tajaajilaa koo Iyyoobin qalbeeffatteertaa? Namni isa fakkaatu tokko illee lafa irra hin jiru; inni nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaate dha. Ati akka ani sababii tokko malee isa balleessuuf na kakaaftu iyyuu inni hamma ammaatti qajeelummaa isaa cichee qabateera.”
4 사단이 여호와께 대답하여 가로되 가죽으로 가죽을 바꾸오니 사람이 그 모든 소유물로 자기의 생명을 바꾸올지라
Seexannis deebisee akkana jedhe; “Gogaan gogaadhaaf! Namni lubbuu isaa oolfachuuf jedhee waan qabu hunda ni kenna.
5 이제 주의 손을 펴서 그의 뼈와 살을 치소서 그리하시면 정녕 대면하여 주를 욕하리이다
Garuu ati mee harka kee diriirfadhuutii foonii fi lafee isaa rukuti; inni dhugumaan ifumaan ifatti si abaara.”
6 여호와께서 사단에게 이르시되 내가 그를 네 손에 붙이노라 오직 그의 생명은 해하지 말지니라
Waaqayyos Seexanaan, “Kunoo inni si harka jira; lubbuu isaa garuu hin tuqin” jedhe.
7 사단이 이에 여호와 앞에서 물러가서 욥을 쳐서 그 발바닥에서 정수리까지 악창이 나게 한지라
Kanaafuu Seexanni fuula Waaqayyoo duraa baʼee Iyyoobin faana miilla isaatii jalqabee hamma gubbee mataa isaatti madaa hamaadhaan rukute.
8 욥이 재 가운데 앉아서 기와 조각을 가져다가 몸을 긁고 있더니
Iyyoobis ittiin of hooquuf jedhee qiraacii fudhatee daaraa keessa taaʼe.
9 그 아내가 그에게 이르되 당신이 그래도 자기의 순전을 굳게 지키느뇨 하나님을 욕하고 죽으라
Niitiin isaa, “Ati amma illee qajeelummaa kee cichitee qabatteertaa? Waaqa abaariitii duʼi!” isaan jette.
10 그가 이르되 그대의 말이 어리석은 여자 중 하나의 말 같도다 우리가 하나님께 복을 받았은즉 재앙도 받지 아니하겠느뇨 하고 이 모든 일에 욥이 입술로 범죄치 아니하니라
Inni immoo deebisee, “Ati akka dubartii gowwaa tokkootti dubbatte. Nu harka Waaqaatii waan gaarii fudhanneerra; waan hamaa immoo fudhachuu hin qabnuu?” jedhe. Wantoota kanneen hunda keessatti Iyyoob waan dubbateen cubbuu hin hojjenne.
11 때에 욥의 친구 세 사람이 그에게 이 모든 재앙이 임하였다 함을 듣고 각각 자기 처소에서부터 이르렀으니 곧 데만 사람 엘리바스와 수아 사람 빌닷과 나아마 사람 소발이라 그들이 욥을 조문하고 위로하려 하여 상약하고 오더니
Michoonni Iyyoob sadan jechuunis Eliifaaz namni Teemaan, Bildaad namni Shuhaatii fi Zoofaari namni Naaʼimaataa yommuu waan Iyyoob irra gaʼe hunda dhagaʼanitti rakkina isaa qoodachuu fi isa jajjabeessuudhaaf tokkummaan walii galanii mana isaaniitii baʼan.
12 눈을 들어 멀리 보매 그 욥인 줄 알기 어렵게 되었으므로 그들이 일제히 소리질러 울며 각각 자기의 겉옷을 찢고 하늘을 향하여 티끌을 날려 자기 머리에 뿌리고
Yommuu fagootti isa arganitti isa beekuu hin dandeenye; isaanis sagalee ol fudhatanii booʼan; uffata isaaniis tarsaasanii mataa isaaniitti daaraa firfirfatan.
13 칠일 칠야를 그와 함께 땅에 앉았으나 욥의 곤고함이 심함을 보는고로 그에게 한 말도 하는 자가 없었더라
Ergasiis guyyaa torbaa fi halkan torba isa wajjin lafa tataaʼan. Isaan sababii dhiphinni isaa akka malee cimaa taʼuu isaa arganiif, namni tokko iyyuu homaa isatti hin dubbanne.

< 욥기 2 >