< 욥기 16 >

1 욥이 대답하여 가로되
Iyyoobis akkana jedhee deebise:
2 이런 말은 내가 많이 들었나니 너희는 다 번뇌케 하는 안위자로 구나
“Ani waan akkanaa baayʼee dhagaʼeera; hundi keessan jajjabeessitoota nama dhiphistanii dha!
3 허망한 말이 어찌 끝이 있으랴 네가 무엇에 격동되어 이같이 대답하는고
Haasaan faayidaa hin qabne kun hin dhumuu? Wanni akka ati oduu dheeressituuf si tuttuqu maali?
4 나도 너희처럼 말할 수 있나니 가령 너희 마음이 내 마음 자리에 있다 하자 나도 말을 지어 너희를 치며 너희를 향하여 머리를 흔들 수 있느니라
Utuu isin iddoo koo jiraattanii silaa ani akkuma keessan kana nan dubbadha ture; dubbii miʼooftuu dubbachuudhaanis mataa koo isinitti nan raasan ture.
5 그래도 입으로 너희를 강하게 하며 입술의 위로로 너희의 근심을 풀었으리라
Ani afaan kootiin isin jajjabeessee gorsi arraba kootiis qabbana isinii kenna ture.
6 내가 말하여도 내 근심이 풀리지 아니하나니 잠잠한들 어찌 평안하랴
“Yoo ani dubbadhe dhukkubni koo natti hin wayyaaʼu; cal jedhus na hin dhiisu.
7 이제 주께서 나를 곤고케 하시고 나의 무리를 패괴케 하셨나이다
Yaa Waaqi, ati dhugumaan na dadhabsiifteerta; warra mana koo jiru hundas balleessiteerta.
8 주께서 나를 시들게 하셨으니 이는 나를 향하여 증거를 삼으심이라 나의 파리한 모양이 일어나서 대면하여 나의 죄를 증거하나이다
Ati na kokotteessite; kunis ragaa natti taʼe; akka malee huqqachuun koos ifatti baʼee na saaxile.
9 그는 진노하사 나를 찢고 군박하시며 나를 향하여 이를 갈고 대적이 되어 뾰족한 눈으로 나를 보시고
Waaqni dheekkamsa isaatiin rukutee na ciccire; ilkaan isaa natti qarate; diinni koo ija isaa natti babaase.
10 무리들은 나를 향하여 입을 벌리며 나를 천대하여 뺨을 치며 함께 모여 나를 대적하는구나
Namoonni natti qoosuuf afaan banatan; tuffiidhaan maddii koo kabalan; tokko taʼanii natti kaʼan.
11 하나님이 나를 경건치 않은 자에게 붙이시며 악인의 손에 던지셨구나
Waaqnis dabarsee hamootatti na kenne; harka jalʼootaa keessas na buuse.
12 내가 평안하더니 그가 나를 꺾으시며 내 목을 잡아던져 나를 부숴뜨리시며 나를 세워 과녁을 삼으시고
Ani nagaan jiraachaan ture; inni garuu na burkuteesse; morma na qabee na caccabse. Xiyyeeffannaa isaas na godhate;
13 그 살로 나를 사방으로 쏘아 인정 없이 내 허리를 뚫고 내 쓸개로 땅에 흘러나오게 하시는구나
loltoonni isaa warri xiyyaan lolan na marsu. Inni gara laafina malee kalee koo waraanee hadhooftuu koo illee lafatti gad jigse.
14 그가 나를 꺾고 다시 꺾고 용사 같이 내게 달려드시니
Inni ammumaa amma na caccabsa; akkuma loltuu tokkootti natti fiiga.
15 내가 굵은 베를 꿰어매어 내 피부에 덮고 내 뿔을 티끌에 더럽혔구나
“Ani gogaa kootti uffata gaddaa hodhadheera; gaanfa koos biyyoo keessatti awwaaleera.
16 내 얼굴은 울음으로 붉었고 내 눈꺼풀에는 죽음의 그늘이 있구나
Fuulli koo booʼichaan diimateera; dukkanni limixiinis ija koo irra buʼeera.
17 그러나 내 손에는 포학이 없고 나의 기도는 정결하니라
Taʼus harki koo yakka tokko illee hin hojjenne; kadhannaan koos qulqulluu dha.
18 땅아 내 피를 가리우지 말라 나의 부르짖음으로 쉴 곳이 없게 되기를 원하노라
“Yaa lafa, ati dhiiga koo hin dhoksin; akka iyyi koo iddoo boqonnaa argatus hin godhin!
19 지금 나의 증인이 하늘에 계시고 나의 보인이 높은 데 계시니라
Amma iyyuu dhuga baʼaan koo samii irra jira; abukaattoon koos ol gubbaa jira.
20 나의 친구는 나를 조롱하나 내 눈은 하나님을 향하여 눈물을 흘리고
Michoonni koo na tuffatu; iji koos imimmaan gara Waaqaatti facaasa;
21 사람과 하나님 사이에와 인자와 그 이웃 사이에 변백하시기를 원하노니
akkuma namni michuu isaatiif kadhatu sana utuu namni Waaqa kadhatu namaaf jiraatee!
22 수 년이 지나면 나는 돌아오지 못할 길로 갈 것임이니라
“Waggoota xinnoo booddee, ani gara deemanii deebiʼuun hin jirre nan deema.

< 욥기 16 >