< 예레미야 28 >
1 이 해 유다 왕 시드기야의 즉위한 지 오래지 않은 해 곧 사년 오월에 기브온 앗술의 아들 선지자 하나냐가 여호와의 집에서 제사장들과 모든 백성 앞에서 내게 말하여 가로되
Jalqaba bulchiinsa mootummaa Zedeqiyaa mootii Yihuudaatti, jiʼa shanaffaa waggaa sanaatti, waggaa afuraffaatti, Hanaaniyaan raajichi ilmi Azuri, namni Gibeʼoon sun mana Waaqayyoo keessatti, fuula lubootaatii fi uummata hundaa duratti akkana naan jedhe:
2 만군의 여호와 이스라엘의 하나님이 이같이 말씀하여 가라사대 내가 바벨론 왕의 멍에를 꺾었느니라
“Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Ani waanjoo mootii Baabilon nan cabsa.
3 내가 바벨론 왕 느부갓네살의 이 곳에서 바벨론으로 옮겨간 여호와의 집 모든 기구를 두 해가 차기 전에 다시 이 곳으로 가져오게 하겠고
Ani waggaa lama keessatti miʼoota mana Waaqayyoo kanneen Nebukadnezar mootichi Baabilon asii guuree Baabilonitti geesse hunda iddoo kanatti deebisee nan fida.
4 내가 또 유다 왕 여호야김의 아들 여고니야와 바벨론으로 간 유다 모든 포로들 다시 이 곳으로 돌아오게 하리니 이는 내가 바벨론 왕의 멍에를 꺾을 것임이니라 여호와의 말이니라 하셨다 하는지라
Ani amma illee Yehooyaakiin ilma Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa sanaa fi boojiʼamtoota Yihuudaadhaa gara Baabilonitti geeffaman kaan hunda iddoo kanatti deebisee nan fida; ani waanjoo mootii Baabilon nan cabsaatii’ jedha Waaqayyo.”
5 선지자 예레미야가 여호와의 집에 선 제사장들의 앞과 모든 백성앞에서 선지자 하나냐에게 말할쌔
Ermiyaas raajichi fuuluma lubootaatii fi uummata mana Waaqayyoo keessa dhaabachaa turan hundaa duratti akkana jedhee Hanaaniyaa raajichaaf deebii kenne;
6 선지자 예레미야가 말하되 아멘, 여호와는 이같이 하옵소서 여호와께서 네 예언대로 이루사 여호와의 집 기구와 모든 포로를 바벨론에서 이 곳으로 다시 옮겨오시기를 원하노라
“Ameen! Waaqayyo waan kana haa godhu! Waaqayyo miʼa mana Waaqayyootii fi boojiʼamtoota boojiʼaman hunda Baabilonii iddoo kanatti deebisuudhaan raajii ati dubbatte haa raawwatu.
7 그러나 너는 이제 내가 네 귀와 모든 백성의 귀에 이르는 이 말을 들으라
Taʼus waan ani utuu atii fi namoonni kun hundi dhageessanuu dubbadhu kana dhagaʼi:
8 나와 너 이전 선지자들이 자고로 여러 나라와 큰 국가들에 대하여 전쟁과 재앙과 염병을 예언하였느니라
Raajonni anaa fi siin dura turan bara duriitii jalqabanii akka biyyoota baayʼee fi mootummoota gurguddootti waraanni, badiisnii fi dhaʼichi dhufu raajaniiru.
9 평화를 예언하는 선지자는 그 예언자의 말이 응한 후에야 그는 진실로 여호와의 보내신 선지자로 알게 되리라
Raajiin nagaa raaju garuu yoo raajiin isaa sun fiixaan baʼe qofa akka Waaqayyo biraa ergame beekama.”
10 선지자 하나냐가 선지자 예레미야의 목에서 멍에를 취하여 꺾고
Ergasii Hanaaniyaan raajichi morma Ermiyaas raajichaa irraa waanjoo fuudhee cabse;
11 모든 백성 앞에서 말하여 가로되 여호와께서 이같이 말씀하시되 내가 두 해가 차기 전에 열방의 목에서 바벨론 왕 느부갓네살의 멍에를 이같이 꺾어 버리리라 하셨느니라 하매 선지자 예레미야가 자기 길을 가니라
innis fuula nama hundaa duratti akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani waggaa lama keessatti waanjoo Nebukadnezar mooticha Baabilon morma saboota hundaa irraa akkanuma nan cabsa.’” Kana irratti Ermiyaas raajichi karaa isaa qabatee qajeele.
12 선지자 하나냐가 선지자 예레미야의 목에서 멍에를 꺾어버린 후에 여호와의 말씀이 예레미야에게 임하니라 가라사대
Erga Hanaaniyaan raajichi waanjoo morma Ermiyaas raajichaa irraa cabsee booddee dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
13 너는 가서 하나냐에게 말하여 이르기를 여호와의 말씀에 네가 나무 멍에를 꺾었으나 그 대신 쇠 멍에를 만들었느니라
“Dhaqiitii akkana jedhii Hanaaniyaatti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ati waanjoo mukaa cabsiteerta; garuu qooda isaa waanjoo sibiilaa ni argatta.
14 만군의 여호와 이스라엘의 하나님이 이같이 말하노라 내가 쇠 멍에로 이 모든 나라의 목에 메워 바벨론 왕 느부갓네살을 섬기게 하였으니 그들이 그를 섬기리라 내가 들짐승도 그에게 주었느니라 하신다 하라
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani akka isaan Nebukadnezar mooticha Baabilon tajaajilan gochuuf morma saboota kana hundaa irra waanjoo sibiilaa nan kaʼaa; isaanis isa ni tajaajilu. Ani bineensa irratti illee ol aantummaa isaaf nan kenna.’”
15 선지자 예레미야가 선지자 하나냐에게 이르되 하나냐여 들으라 여호와께서 너를 보내지 아니하셨거늘 네가 이 백성으로 거짓을 믿게 하는도다
Ermiyaas raajichis Hanaaniyaa raajichaan akkana jedhe: “Yaa Hanaaniyaa dhagaʼi! Waaqayyo si hin ergine; ati garuu akka sabni kun sobaa abdatu gooteerta.
16 그러므로 여호와께서 말씀하시되 내가 너를 지면에서 제하리니 네가 여호와께 패역하는 말을 하였음이라 금년에 죽으리라 하셨느니라 하더니
Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: ‘Ani lafa irraa sin balleessa; ati waan Waaqayyo irratti fincila lallabdeef baruma kana duuta.’”
17 선지자 하나냐가 그 해 칠 월에 죽었더라
Hanaaniyaa raajichis wagguma sana keessa jiʼa torbaffaatti duʼe.