< 예레미야 18 >

1 여호와께로부터 예레미야에게 임한 말씀에 가라사대
Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha:
2 너는 일어나 토기장이의 집으로 내려가라 내가 거기서 내 말을 네게 들리리라 하시기로
“Kaʼiitii gara mana namicha suphee dhaʼu sanaa dhaqi. Anis achitti dubbii koo sitti nan hima.”
3 내가 토기장이의 집으로 내려가서 본즉 그가 녹로로 일을 하는데
Kanaafuu ani gara mana namicha suphee dhaʼu sanaatti gad nan buʼe; innis geengoo irratti waa hojjechaa ture.
4 진흙으로 만든 그릇이 토기장이의 손에서 파상하매 그가 그것으로 자기 의견에 선한대로 다른 그릇을 만들더라
Okkoteen inni suphee irraa hojjechaa ture sun garuu harka isaatti fashalaaʼe; kanaafuu namichi suphee dhaʼu sun akkuma itti toletti suphee sanaan okkotee kan biraa hojjete.
5 때에 여호와의 말씀이 내게 임하니라 가라사대
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
6 나 여호와가 이르노라 이스라엘 족속아! 이 토기장이의 하는 것 같이 내가 능히 너희에게 행하지 못하겠느냐 이스라엘 족속아! 진흙이 토기장이의 손에 있음같이 너희가 내 손에 있느니라
“Yaa mana Israaʼel, anis akkuma suphee dhooftuun kun hojjetu isin gochuu hin dandaʼuu?” jedha Waaqayyo. “Yaa mana Israaʼel, akkuma supheen harka suphee dhooftuu keessa jiru isinis harka koo keessa jirtu.
7 내가 언제든지 어느 민족이나 국가를 뽑거나 파하거나 멸하리라 한다고 하자
Yeroo ani akka sabni yookaan mootummaan tokko buqqifamu, gargar qoodamuu fi barbadeeffamu labsutti,
8 만일 나의 말한 그 민족이 그 악에서 돌이키면 내가 그에게 내리기로 생각하였던 재앙에 대하여 뜻을 돌이키겠고
yoo sabni ani akeekkachiise sun hammina isaa irraa deebiʼe, ani waan hamaa isatti fiduuf yaade sana irraa nan deebiʼa.
9 내가 언제든지 어느 민족이나 국가를 건설하거나 심으리라 한다고 하자
Yoo ani yeroo biraa immoo akka sabni yookaan mootummaan tokko ijaaramee dhaabamu labse,
10 만일 그들이 나 보기에 악한 것을 행하여 내 목소리를 청종치 아니하면 내가 그에게 유익케 하리라 한 선에 대하여 뜻을 돌이키리라
yoo inni fuula koo duratti waan hamaa hojjetee anaaf ajajamuu dide, ani waan gaarii isaaf gochuu barbaade sana nan dhiisa.
11 그러므로 이제 너는 유다 사람들과 예루살렘 거민들에게 말하여 이르기를 여호와의 말씀에 보라 내가 너희에게 재앙을 내리며 계책을 베풀어 너희를 치려하노니 너희는 각기 악한 길에서 돌이키며 너희 길과 행위를 선하게 하라 하셨다 하라
“Kanaafuu amma saba Yihuudaatii fi warra Yerusaalem keessa jiraataniin akkana jedhi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Kunoo! Ani badiisa isiniif qopheesseen mala isinitti karoorsaa jira. Kanaafuu tokkoon tokkoon keessan karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa.’
12 그러나 그들이 말하기를 이는 헛된 말이라 우리는 우리의 도모대로 행하며 우리는 각기 악한 마음의 강퍅한 대로 행하리라 하느니라
Isaan garuu akkana jedhanii deebii kennan: ‘Kun faayidaa hin qabu. Nu karooruma keenyaan itti fufna; tokkoon tokkoon keenya mata jabinaa fi hammina garaa keenyaa duukaa buuna.’”
13 그러므로 나 여호와가 이같이 말하노라 너희는 누가 이러한 일을 들었는가 열방 중에 물어보라 처녀 이스라엘이 심히 가증한 일을 행하였도다
Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Mee saboota keessa iyyaafadhaa: Eenyutu takkumaa waan akkanaa dhagaʼee beeka? Israaʼel Durbi Qulqullittiin waan suukaneessaa tokko hojjetteerti.
14 레바논의 눈이 어찌 들의 반석을 떠나겠으며 원방에서 흘러 내리는 찬물이 어찌 마르겠느냐
Cabbiin Libaanoon takkumaa ededa kattaa isaa irraa badee beekaa? Bishaan isaa diilallaaʼaan burqaa fagootii dhufu sun takkumaa citee beekaa?
15 대저 내 백성은 나를 잊고 허무한 것에게 분향하거니와 이러한 것들은 그들로 그 길 곧 그 옛길에서 넘어지게 하며 곁길 곧 닦지 아니한 길로 행케 하여
Sabni koo garuu na irraanfateera; isaan waaqota tolfamoo faayidaa hin qabne kanneen karaawwan isaanii irrattii fi daandiiwwan durii irratti isaan gufachiisaniif ixaana aarsu. Isaan karaa hin tolfamne irra daandii qalʼoo irra isaan deemsisaniiru.
16 그들의 땅으로 놀랍고 영영한 치소가 되게 하리니 그리로 지나는 자마다 놀라서 그 머리를 흔들리라
Biyyi isaanii ni ona; bara baraanis biyya qoosaa taʼa; warri achiin darban hundi ni naʼu; mataa isaaniis ni raasu.
17 내가 그들을 그 원수 앞에서 흩기를 동풍으로 함같이 할 것이며 그들의 재난의 날에는 내가 그들에게 등을 보이고 얼굴을 보이지 아니하리라
Akkuma bubbee baʼa biiftuutii dhufuu, ani fuula diinota isaanii duratti isaan nan bittinneessa; bara badiisa isaanii keessa, ani dugda koo malee fuula koo isaanitti hin argisiisu.
18 그들이 말하기를 오라! 우리가 꾀를 내어 예레미야를 치자 제사장에게서 율법이, 지혜로운 자에게서 모략이, 선지자 에게서 말씀이 끊어지지 아니할 것이니 오라! 우리가 혀로 그를 치고 그의 아무 말에도 주의치 말자 하나이다
“Jarris, ‘Seerri luba biraa, gorsi ogeeyyii biraa, dubbiin immoo raajota biraa waan hin dhabamneef kottaa Ermiyaasitti mariʼannaa; kanaafuu kottaa nu arraba keenyaan isa miinaa; waan inni dubbatu kam iyyuus hin fudhannu’” jedhan.
19 여호와여, 나를 돌아 보사 나로 더불어 다투는 그들의 목소리를 들어보옵소서
Yaa Waaqayyo, na dhaggeeffadhu; waan warri na himatan jedhanis dhagaʼi!
20 어찌 악으로 선을 갚으리이까마는 그들이 나의 생명을 해하려고 구덩이를 팠나이다 내가 주의 분노를 그들에게서 돌이키려 하고 주의 앞에 서서 그들을 위하여 선한 말씀 한 것을 기억하옵소서
Gatiin waan gaarii waan hamaadhaa? Isaan garuu boolla anaaf qotaniiru. Ani akkan dheekkamsa kee isaan irraa deebisuuf fuula kee dura dhaabadhee iddoo isaanii buʼee dubbadhe yaadadhu.
21 그러하온즉 그들의 자녀를 기근에 내어주시며 그들을 칼의 세력에 붙이시며 그들의 아내들은 자녀를 잃고 과부가 되며 그 장정은 사망을 당하며 그 청년은 전장에서 칼을 맞게 하시며
Kanaafuu ati ijoollee isaanii dabarsii beelatti kenni; jara immoo dabarsii humna goraadeetti kenni. Niitota isaanii jalaa ijoollee fi dhirsoonni haa dhuman; dhiironni isaanii haa ajjeefaman; dargaggoonni isaanii immoo lola keessatti goraadeedhaan haa qalaman.
22 주께서 군대로 졸지에 그들에게 임하게 하사 그들의 집에서 부르짖음이 들리게 하옵소서 이는 그들이 나를 취하려고 구덩이를 팠고 내 발을 빠치려고 올무를 베풀었음이니이다
Yeroo ati akkuma tasaa weeraartoota isaanitti fiddutti, iyyi mana isaaniitii haa dhagaʼamu; isaan na qabuuf boolla qotanii, miilla kootiifis kiyyoo kaaʼaniiruutii.
23 여호와여, 그들이 나를 죽이려 하는 계략을 주께서 다 아시오니 그 악을 사하지 마시며 그 죄를 주의 목전에서 도말치 마시고 그들로 주의 앞에 넘어지게 하시되 주의 노하시는 때에 이같이 그들에게 행하옵소서
Yaa Waaqayyo, ati garuu mala isaan na ajjeesuuf malatan hunda ni beekta. Yakka isaanii hin dhiisiniif; yookaan cubbuu isaanii fuula kee duraa hin haqin. Isaan fuula kee duratti lafatti haa gataman; yeroo dheekkamtuttis isaan adabi.

< 예레미야 18 >