< 이사야 64 >

1 원컨대 주는 하늘을 가르고 강림하시고 주의 앞에서 산들로 진동하기를
Akka tulluuwwan fuula kee duratti raafamaniif, maaloo ati utuu samiiwwan tarsaaftee gad buutee!
2 불이 섶을 사르며 불이 물을 끓임 같게 하사 주의 대적으로 주의 이름을 알게 하시며 열방으로 주의 앞에서 떨게 하옵소서
Akkuma ibiddi hanxaxii gubee, bishaan danfisu sana, akka maqaan kee diinota kee biratti beekamuuf gad buʼiitii akka saboonni fuula kee duratti hollatan godhi!
3 주께서 강림하사 우리의 생각 밖에 두려운 일을 행하시던 그 때에 산들이 주의 앞에서 진동하였사오니
Ati yeroo waan sodaachisaa nu hin yaadin hojjettetti gad buute; tulluuwwanis fuula kee duratti hollatan.
4 주 외에는 자기를 앙망하는 자를 위하여 이런 일을 행한 신을 예로부터 들은 자도 없고 귀로 깨달은 자도 없고 눈으로 본 자도 없었나이다
Si malee Waaqa warra isa abdataniif dhaabatu, bara duriitii jalqabee namni tokko iyyuu hin dhageenye; yookaan gurri tokko iyyuu hin qalbeeffanne; iji tokko iyyuu hin argine.
5 주께서 기쁘게 의를 행하는 자와 주의 길에서 주를 기억하는 자를 선대하시거늘 우리가 범죄하므로 주께서 진노하셨사오며 이 현상이 이미 오랬사오니 우리가 어찌 구원을 얻을 수 있으리이까?
Ati warra gammachuudhaan waan tolaa hojjetan kanneen karaa kee yaadatan gargaaruuf ni dhufta. Garuu yommuu nu ittuma fufnee cubbuu hojjennetti ati ni dheekkamte. Yoos nu akkamitti fayyuu dandeenya ree?
6 대저 우리는 다 부정한 자 같아서 우리의 의는 다 더러운 옷 같으며 우리는 다 쇠패함이 잎사귀 같으므로 우리의 죄악이 바람 같이 우리를 몰아 가나이다
Hundi keenya akka nama qulqullina hin qabnee taaneerra; hojiin qajeelummaa keenyaa hundis akka huccuu xuraaʼummaa ti; hundi keenya akkuma baalaa coollagne; cubbuun keenyas akkuma bubbee haxaaʼee nu fudhate.
7 주의 이름을 부르는 자가 없으며 스스로 분발하여 주를 붙잡는 자가 없사오니 이는 주께서 우리에게 얼굴을 숨기시며 우리의 죄악을 인하여 우리로 소멸되게 하셨음이니라
Namni maqaa kee waammatu tokko iyyuu hin jiru; yookaan namni si qabachuuf carraaqu hin jiru; ati fuula kee nu dhokfattee sababii cubbuu keenyaatiifis nu fixxeertaatii.
8 그러나 여호와여, 주는 우리 아버지시니이다 우리는 진흙이요 주는 토기장이시니 우리는 다 주의 손으로 지으신 것이라
Taʼus yaa Waaqayyo, ati Abbaa keenya. Nu suphee dha; ati immoo dhooftuu suphee ti; hundi keenya hojii harka keetii ti.
9 여호와여 과히 분노하지 마옵시며 죄악을 영영히 기억하지 마옵소서 구하오니 보시옵소서! 보시옵소서! 우리는 다 주의 백성이니이다
Yaa Waaqayyo, ati akka malee hin dheekkamin; cubbuu keenyas bara baraan hin yaadatin. Maaloo si kadhannaa, fuula kee nuuf deebisi; nu hundinuu saba keetii.
10 주의 거룩한 성읍들이 광야가 되었으며 시온이 광야가 되었으며 예루살렘이 황폐하였나이다
Magaalaawwan kee qulqulloonni onaniiru; Xiyoon iyyuu onteerti; Yerusaalemis duwwaa hafteerti.
11 우리 열조가 주를 찬송하던 우리의 거룩하고 아름다운 전이 불에 탔으며 우리의 즐거워하던 곳이 다 황무하였나이다
Manni qulqullummaa keenya qulqullichii fi ulfina qabeessi, iddoon abbootiin keenya itti si galateeffatan sun ibiddaan gubameera; wanni nu itti gammannu hundis barbadeeffameera.
12 여호와여, 일이 이러하거늘 주께서 오히려 스스로 억제하시리이까? 주께서 오히려 잠잠하시고 우리로 심한 괴로움을 받게 하시리이까?
Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen hunda calʼuma jettee ilaaltaa? Ati calʼistee akka malee nu adabdaa?

< 이사야 64 >