< 이사야 5 >

1 내가 나의 사랑하는 자를 위하여 노래 하되 나의 사랑하는 자의 포도원을 노래하리라 나의 사랑하는 자에게 포도원이 있음이여 심히 기름진 산에로다
Ani naman jaalladhu sanaaf, faarfannaa waaʼee iddoo dhaabaa wayinii isaa nan faarfadha: Michuun koo gaara gabbataa irraa iddoo dhaabaa wayinii qaba.
2 땅을 파서 돌을 제하고 극상품 포도나무를 심었도다 그 중에 망대를 세웠고 그 안에 술틀을 팠었도다 좋은 포도 맺기를 바랐더니 들 포도를 맺혔도다
Innis lafa sana qotee isa irraa dhagaa balleessee wayinii filatamaa isa irra dhaabe. Qooxii eegumsaa isa keessatti ijaaree boolla wayinii itti cuunfan illee qote. Ergasii akka lafti qotiisaa sun ija gaarii kennu eeggate; inni garuu ija hamaa qofa kenne.
3 예루살렘 거민과 유다 사람들아 구하노니 이제 나와 내 포도원 사이에 판단하라
“Yaa jiraattota Yerusaalemii fi saba Yihuudaa, mee dubbii anaa fi iddoo dhaabaa wayinii koo gidduu jiruuf murtii kennaa.
4 내가 내 포도원을 위하여 행한 것 외에 무엇을 더할 것이 있었으랴 내가 좋은 포도 맺기를 기다렸거늘 들포도를 맺힘은 어찜인고
Waan ani godheef kana caalaa wanni iddoo dhaabaa wayinii kootiif godhamuu malu maali? Yeroo ani ija wayinii gaarii barbaadetti inni maaliif ija hadhaaʼaa qofa naqate?
5 이제 내가 내 포도원에 어떻게 행할 것을 너희에게 이르리라 내가 그 울타리를 걷어 먹힘을 당케 하며 그 담을 헐어 짓밟히게 할 것이요
Ani amma waanan iddoo dhaabaa wayinii koo gochuuf jiru isinitti nan hima; ani dallaa isaa nan diiga; innis ni bada; dallaa isaa dhagaa nan jigsa; innis gad dhidhiitama.
6 내가 그것으로 황무케 하리니 다시는 가지를 자름이나 북을 돋우지 못하여 질려와 형극이 날 것이며 내가 또 구름을 명하여 그 위에 비를 내리지 말라 하리라 하셨으니
Ani isa nan onsa; mukni wayinii isaas hin qoramu yookaan lafti isaa hin qotamu. Sokorruu fi qoraattiin achi keessatti guddata. Ani akka bokkaan itti hin roobneef duumessa nan ajaja.”
7 대저 만군의 여호와의 포도원은 이스라엘 족속이요 그의 기뻐하시는 나무는 유다 사람이라 그들에게 공평을 바라셨더니 도리어 포학이요 그들에게 의로움을 바라셨더니 도리어 부르짖음이었도다
Iddoon dhaabaa wayinii Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu mana Israaʼel; namoonni Yihuudaa immoo iddoo biqiltuu inni itti gammaduu dha. Inni murtii qajeelaa barbaade; garuu dhiiga dhangalaafamu arge; qajeelummaa barbaade; garuu iyya warra miidhamee dhagaʼe.
8 가옥에 가옥을 연하며 전토에 전토를 더하여 빈 틈이 없도록 하고 이 땅 가운데서 홀로 거하려 하는 그들은 화 있을진저
Isin warra hamma iddoon tokko iyyuu hin hafnetti mana irratti mana, lafa qotiisaa irratti lafa qotiisaa dabalattanii kophuma keessan biyya keessa jiraattaniif wayyoo!
9 만군의 여호와께서 내 귀에 말씀하시되 정녕히 허다한 가옥이 황폐하리니 크고 아름다울지라도 거할 자가 없을 것이며
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu utumaa ani dhagaʼuu akkana jedhee dubbate: “Dhugumaan manneen hedduun ni onu; manneen gurguddaanii fi babbareedoon nama keessa jiraatu dhabu.
10 열흘갈이 포도원에 겨우 포도주 한 바트가 나겠고 한 호멜지기에는 간신히 한 에바가 나리라 하시도다
Iddoo dhaabaa wayinii cimdii kudhan irraa daadhii wayinii baadoosii tokko qofatu galfama; sanyii qoroosii tokkoo irraa midhaan iifii tokkoo qofatu galfama.”
11 아침에 일찌기 일어나 독주를 따라가며 밤이 깊도록 머물러 포도주에 취하는 그들은 화 있을진저
Warra dhugaatii barbaachaaf ganamaan kaʼan, kanneen hamma daadhii wayiniitiin machaaʼanitti halkan dheereffataniif wayyoo.
12 그들이 연회에는 수금과 비파와 소고와 저와 포도주를 갖추었어도 여호와의 행하심을 관심치 아니하며 그의 손으로 하신 일을 생각지 아니하는도다
Isaan cidha isaanii irratti baganaa, kiraaraa fi dibbee, ulullee fi daadhii wayinii qabu; garuu hojii Waaqayyootiif dhimma hin qaban; hojii harka isaatiifis ulfina hin kennan.
13 이러므로 나의 백성이 무지함을 인하여 사로잡힐 것이요 그 귀한자는 주릴 것이요 무리는 목마를 것이며
Kanaafuu sabni koo sababii hubannaa dhabeef boojiʼama; namoonni isaanii bebbeekamoon beelaan, uummanni isaaniis dheebuudhaan dhumu.
14 음부가 그 욕망을 크게 내어 한량 없이 그 입을 벌린즉 그들의 호화로움과 그들의 많은 무리와 그들의 떠드는 것과 그 중에서 연락하는 자가 거기 빠질 것이라 (Sheol h7585)
Kanaafuu Siiʼool garaa isaa balʼifatee afaan ofii isaa illee hamma malee banata; namoonni isaanii bebbeekamoonii fi uummanni isaanii warri wacanii fi warri gammadan hundis achi keessa buʼu. (Sheol h7585)
15 천한 자는 굴복되고 귀한 자는 낮아지고 오만한 자의 눈도 낮아질 것이로되
Kanaafuu namni gad qabama; ilmaan namaa gad deebifamu; iji of tuultotaas lafa ilaala.
16 오직 만군의 여호와는 공평하므로 높임을 받으시며 거룩하신 하나님은 의로우시므로 거룩하다 함을 받으시리니
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu garuu murtii qajeelaa ofii isaatiin ol ol jedha; Waaqni qulqulluun qajeelummaa ofii isaatiin akka qulqulluu taʼe of argisiisa.
17 그 때에는 어린 양들이 자기 초장에 있는 것 같이 먹을 것이요 살찐 자의 황무한 밭의 소산은 유리하는 자들이 먹으리라
Yeroo sanatti hoolonni akkuma waan lafa dheeda isaanii keessa jiraniitti ni dheedu; xobbaallaawwan hoolaas iddoo sooreyyiin itti barbadaaʼan keessa dheedu.
18 거짓으로 끈을 삼아 죄악을 끌며 수레 줄로 함 같이 죄악을 끄는 자는 화 있을찐저
Warra funyoo gowwoomsaatiin cubbuu, funyoo gaariitiinis hammina harkisan,
19 그들이 이르기를 그는 그 일을 속속히 이루어 우리로 보게 할 것이며 이스라엘의 거룩한 자는 그 도모를 속히 임하게 하여 우리로 알게 할 것이라 하는도다
kanneen, “Waaqni haa ariifatu; akka nu arginuuf inni hojii ofii isaa haa saffisiisu, wanni kun haa dhiʼaatu; akka nu beeknuufis karoorri Qulqullicha Israaʼel haa dhufu” jedhaniif wayyoo.
20 악을 선하다 하며 선을 악하다 하며 흑암으로 광명을 삼으며 광명으로 흑암을 삼으며 쓴 것으로 단 것을 삼으며 단 것으로 쓴 것을 삼는 그들은 화 있을진저
Warra hamaadhaan gaarii, gaariidhaan immoo hamaa jedhaniif, kanneen ifaan dukkana, dukkanaan immoo ifa jedhaniif, warra miʼaawaadhaan hadhaaʼaa, hadhaaʼaadhaan immoo miʼaawaa jedhaniif wayyoo.
21 스스로 지혜롭다 하며 스스로 명철하다 하는 그들은 화 있을진저
Warra akka yaada isaaniitti ogeeyyii, akka ilaalcha isaaniitti immoo abshaala of seʼaniif wayyoo.
22 포도주를 마시기에 용감하며 독주를 빚기에 유력한 그들은 화 있을진저
Warra daadhii wayinii dhuguutti jabaa, dhugaatii walitti makuuttis goota taʼaniif,
23 그들은 뇌물로 인하여 악인을 의롭다 하고 의인에게서 그 의를 빼았는도다
warra mattaʼaa fudhatanii yakkamaa gad lakkisaniif, murtii nama balleessaa hin qabnee immoo jalʼisaniif wayyoo.
24 이로 인하여 불꽃이 그루터기를 삼킴 같이, 마른 풀이 불 속에 떨어짐 같이 그들의 뿌리가 썩겠고 꽃이 티끌처럼 날리니 그들이 만군의 여호와의 율법을 버리며 이스라엘의 거룩하신 자의 말씀을 멸시하였음이라
Kanaafuu akkuma arrabni ibiddaa cidii lafa irraa arraabu, akkuma okaan ibiddaan gubatee badu sana hiddi isaanii ni tortora; daraaraan isaaniis akkuma awwaaraa bittinnaaʼee bada; isaan seera Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu didanii dubbii Qulqullicha Israaʼel tuffataniiruutii.
25 그러므로 여호와께서 자기 백성에게 노를 발하시고 손을 들어 그들을 치신지라 산들은 진동하며 그들의 시체는 거리 가운데 분토같이 되었으나 그 노가 돌아서지 아니하였고 그 손이 오히려 펴졌느니라
Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo saba isaatti ni bobaʼa; harki isaa ol kaʼee isaan rukuta. Tulluuwwan ni raafamu; reeffi isaaniis akkuma kosii daandii irratti gatamee taʼa. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas akkuma ol kaafametti jira.
26 기를 세우시고 먼 나라들을 불러 땅 끝에서부터 오게 하실 것이라 보라 그들이 빨리 달려 올 것이로되
Inni saboota fagoo jiraniif faajjii ol qaba; warra moggaa lafaa jiranitti ni siiqsa. Isaanis kunoo ariifatanii dafanii dhufu.
27 그 중에 곤핍하여 넘어지는 자도 없을 것이며 조는 자나 자는 자도 없을 것이며 그들의 허리띠는 풀리지 아니하며 그들의 신들메는 끊어지지 아니하며
Isaan keessaa namni tokko iyyuu hin dadhabu yookaan hin gufatu; namni tokko iyyuu hin mugu yookaan hin rafu; sabbanni mudhii isaanii hin laafu; hidhaan kophee isaaniis hin citu.
28 그들의 살은 날카롭고 모든 활은 당기어졌으며 그 말굽은 부싯돌같고 차 바퀴는 회리바람 같을 것이며
Xiyyi isaanii qaramaa dha; iddaan isaanii hundi qopheeffameera; kotteen fardeen isaanii akkuma dhagaa qara qabuu ti; gommaan gaarii isaaniis akkuma bubbee hamaa ti.
29 그 부르짖는 것은 암사자 같을 것이요 그 소리지름은 어린 사자들과 같을 것이라 그들이 부르짖으며 물건을 움키어 염려 없이 가져가도 건질 자가 없으리로다
Aaduun isaanii akkuma aaduu leencaa ti; isaan akkuma saafela leencaa aadu; yeroo waan adamsatan qabatanitti ni gururiʼu; isaan waan qabatan fudhatanii deemu; namni isaan harkaa buusuu dandaʼus hin jiru.
30 그 날에 그들이 바다 물결 소리 같이 백성을 향하여 부르짖으리니 사람이 그 땅을 바라보면 흑암과 고난이 있고 빛은 구름에 가리워져서 어두우리라
Gaafas isaan akkuma huursaa galaanaa waan sana irraa huursu. Namni tokko yoo biyya sana ilaale, inni dukkanaa fi rakkina arga; aduunis duumessaan dukkaneeffama.

< 이사야 5 >