< 호세아 4 >
1 이스라엘 자손들아 여호와의 말씀을 들으라 여호와께서 이 땅 거민과 쟁변하시나니 이 땅에는 진실도 없고 인애도 없고 하나님을 아는 지식도 없고
Yaa Israaʼeloota, Waaqayyo isin warra biyyattii keessa jiraattan irratti himata dhiʼeeffatu waan qabuuf dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa: “Biyyattii keessa amanamummaan, jaalallii fi Waaqa beekuun hin jiru.
2 오직 저주와, 사위와, 살인과, 투절과, 간음 뿐이요 강포하여 피가 피를 뒤대임이라
Abaaruu, sobuu fi ajjeesuu, hannaa fi ejja qofatu jira; isaan kakuu hunda ni cabsu; dhiiga dhangalaasuutu baayʼata.
3 그러므로 이 땅이 슬퍼하며 무릇 거기 거하는 자와 들짐승과 공중에 나는 새가 다 쇠잔할 것이요 바다의 고기도 없어지리라
Sababii kanaaf biyyattiin ni gadditi; warri ishee keessa jiraatan hundis ni badu; bineensonni bosonaa, simbirroonni samiitii fi qurxummiin galaanaa dhumaa jiru.
4 그러나 아무 사람이든지 다투지도 말며 책망하지도 말라 네 백성들이 제사장과 다투는 자같이 되었음이니라
“Garuu namni tokko iyyuu dubbii hin kaasin; namni tokko iyyuu nama kaan hin himatin; sabni keessan akkuma nama luba himatu tokkoo ti.
5 너는 낮에 거치겠고 너와 함께 있는 선지자는 밤에 거치리라 내가 네 어미를 멸하리라
Ati halkanii fi guyyaa gufatta; raajonnis isin wajjin gufatu. Kanaafuu ani haadha kee nan balleessa;
6 내 백성이 지식이 없으므로 망하는도다 네가 지식을 버렸으니 나도 너를 버려 내 제사장이 되지 못하게 할 것이요 네가 네 하나님의 율법을 잊었으니 나도 네 자녀들을 잊어버리리라
sabni koo beekumsa dhabuudhaan badeera. “Waan ati beekumsa tuffatteef anis akka ati luba naaf hin taaneef si tuffadheera; sababii ati seera Waaqa keetii gatteef anis ilmaan kee nan gata.
7 저희는 번성할수록 내게 범죄하니 내가 저희의 영화를 변하여 욕이 되게 하리라
Luboonni akkuma baayʼachaa deemaniin, akkasuma cubbuu natti hojjechuu baayʼisan; isaan ulfina isaanii salphinatti geeddaraniiru.
8 저희가 내 백성의 속죄 제물을 먹고 그 마음을 저희의 죄악에 두는도다
Isaan cubbuu saba kootii nyaatu; hammina isaaniis ni hawwu.
9 장차는 백성이나 제사장이나 일반이라 내가 그 소행대로 벌하며 그 소위대로 갚으리라
Wanni kunis akkuma sabaa, akkuma lubootaa taʼa. Anis sababii karaa isaaniitiif lachan isaanii iyyuu nan adaba; hojii isaaniis isaanumatti nan deebisa.
10 저희가 먹어도 배부르지 아니하며 행음하여도 수효가 더하지 못하니 이는 여호와 좇기를 그쳤음이니라
“Isaan ni nyaatu; garuu hin quufan; ni sagaagalu; garuu hin baayʼatan; kunis sababii isaan Waaqayyoon dhiisanii dabarsanii
11 음행과 묵은 포도주와 새 포도주가 마음을 빼앗느니라
sagaagaltummaatti, daadhii wayinii moofaa fi haaraa hubannaa isaanii fudhatetti of kennaniif.
12 내 백성이 나무를 향하여 묻고 그 막대기는 저희에게 고하나니 이는 저희가 음란한 마음에 미혹되어 그 하나님의 수하를 음란하듯 떠났음이니라
Sabni koo waaqa muka irraa tolfame gorsa gaafata; uleen falfaltuus isaanitti dubbata. Hafuurri sagaagaltummaa karaa irraa isaan jalʼisa; isaan Waaqa isaaniitiif hin amanaman.
13 저희가 산 꼭대기에서 제사를 드리며 작은 산 위에서 분향하되 참나무와 버드나무와 상수리나무 아래서 하니 이는 그 나무 그늘이 아름다움이라 이러므로 너희 딸들이 행음하며 너희 며느리들이 간음을 행하는도다
Isaan fiixeewwan tulluu irratti qalma, aarsaa gubamu immoo gaarran irratti, qilxuu jalatti, alaltuu fi hoomii gaaddisni isaanii namatti tolu jalatti dhiʼeessu. Kanaafuu intallan keessan sagaagaltummaatti deebiʼu; niitonni ilmaan keessaniis ejjatti deebiʼu.
14 너희 딸들이 행음하며 너희 며느리들이 간음하여도 내가 벌하지 아니하리니 이는 남자들도 창기와 함께 나가며 음부와 함께 희생을 드림이니라 깨닫지 못하는 백성은 패망하리라
“Sababii warri dhiiraa iyyuu sagaagaltummaatti deebiʼanii galma waaqeffannaa ejjaatti qalma dhiʼeessaniif, yommuu intallan keessan sagaagaltummaatti deebiʼanitti yookaan yommuu niitonni ilmaan keessanii ejjatti deebiʼanitti ani isaan hin adabu; sabni hubannaa hin qabne ni badaatii!
15 이스라엘아 너는 행음하여도 유다는 죄를 범치 말아야 할 것이라 너희는 길갈로 가지 말며 벧아웬으로 올라가지 말며 여호와의 사심을 가리켜 맹세하지 말지어다
“Yaa Israaʼel, ati yoo ejja hojjette illee akka Yihuudaan yakka qabaatu hin godhin. “Isin Gilgaal hin dhaqinaa; Beet Aawwenittis ol hin baʼinaa. ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa!’ jettaniis hin kakatinaa.
16 이스라엘은 완강한 암소처럼 완강하니 이제 여호와께서 어린 양을 넓은 들에서 먹임같이 저희를 먹이시겠느냐?
Israaʼeloonni akkuma goromsa mataa jabaate tokkoo mataa jabeeyyii taʼaniiru. Yoos Waaqayyo akkamiin akka xobbaallaawwan hoolaatti kaloo balʼaatti isaan bobbaasuu dandaʼa ree?
Efreem waaqota tolfamootti galeera; isa ittuma dhiisaa!
18 저희가 마시기를 다 하고는 행음하기를 마지 아니하며 그 방백들은 수치를 기뻐하느니라
Dhugaatiin isaanii yoo dhume iyyuu isaan sagaagaltummaa isaanii ittuma fufu; bulchitoonni isaanii ulfina irra qaanii jaallatu.
19 바람이 그 날개로 저를 쌌나니 저희가 그 제물로 인하여 수치를 당하리라
Bubbeen hamaan haxaaʼee isaan balleessa; aarsaan isaaniis qaanii isaanitti fida.