< 하박국 2 >

1 내가 내 파수하는 곳에 서며 성루에 서리라 그가 내게 무엇이라 말씀하실는지 기다리고 바라보며 나의 질문에 대하여 어떻게 대답하실는지 보리라 그리하였더니
Ani iddoo koo dhaabadhee dallaa eegumsaa irra nan tura; mee waan inni naan jedhu arguuf deebii ani guungummii kanaaf kennuu malu beekuuf nan ilaala.
2 여호와께서 내게 대답하여 가라사대 너는 이 묵시를 기록하여 판에 명백히 새기되 달려 가면서도 읽을 수 있게 하라
Ergasii Waaqayyo akkana jedhee deebii kenne: “Akka namni dubbisu tokko qabatee fiiguuf, mulʼata sana ifa godhii gabatee irratti barreessi.
3 이 묵시는 정한 때가 있나니 그 종말이 속히 이르겠고 결코 거짓되지 아니하리라 비록 더딜지라도 기다리라 지체되지 않고 정녕 응하리라
Mulʼanni kun yeroo murtaaʼe tokko eeggataatii; inni waaʼee dhuma isaa dubbata malee hin sobu. Yoo tures isa eegi; inni dhugumaan ni dhufa; hin turus.
4 보라, 그의 마음은 교만하며 그의 속에서 정직하지 못하니라 그러나 의인은 그 믿음으로 말미암아 살리라!
“Kunoo inni of bokokseera; hawwiin isaas sirrii miti; namni qajeelaan garuu amantii isaatiin jiraata;
5 그는 술을 즐기며 궤휼하며 교만하여 가만히 있지 아니하고 그 욕심을 음부처럼 넓히며 또 그는 사망같아서 족한 줄을 모르고 자기에게로 만국을 모으며 만민을 모으나니 (Sheol h7585)
dhugumaan inni daadhii wayiniitiin ni gowwoomfama; of tuula; boqonnaas hin qabu. Inni akkuma siiʼool sassata; akka duʼaas kan hin quufnee dha. Inni saboota hunda walitti qabata; uummata hundas boojiʼee fudhata. (Sheol h7585)
6 그 무리가 다 속담으로 그를 평론하며 조롱하는 시로 그를 풍자하지 않겠느냐? 곧 이르기를 화 있을진저! 자기 소유 아닌 것을 모으는 자여! 언제까지 이르겠느냐? 볼모 잡은 것으로 무겁게 짐진 자여!
“Isaan hundi isa tuffatanii itti kolfaa, “‘Nama miʼa hatame tuullatee saamichaan of sooromsuuf wayyoo! Wanni kun hamma yoomiitti itti fufa’ jedhanii itti hin qoosanii?
7 너를 물 자들이 홀연히 일어나지 않겠느냐 네가 그들에게 노략을 당하지 않겠느냐?
Warri liqii sirraa qaban akkuma tasaa sitti hin kaʼanii? Isaan kaʼanii si hin hollachiisanii? Ergasii ati harka isaanii jala galta.
8 네가 여러 나라를 노략하였으므로 그 모든 민족의 남은 자가 너를 노략하리니 이는 네가 사람의 피를 흘렸음이요 또 땅에 성읍에 그 안의 모든 거민에게 강포를 행하였음이니라 하리라
Sababii ati saba hedduu saamteef namoonni hafan si saamu. Ati dhiiga namaa dhangalaafteertaatii; ati biyyoota, magaalaawwanii fi namoota isaan keessa jiraatan hunda balleessiteerta.
9 재앙을 피하기 위하여 높은데 깃들이려 하며 자기 집을 위하여 불의의 이를 취하는 자에게 화 있을찐저!
“Nama buʼaa hin malleen mana ijaarratu kan badiisa jalaa baʼuuf jedhee lafa ol kaʼaa irratti iddoo jireenyaa tolfatuuf wayyoo!
10 네가 여러 민족을 멸한 것이 네 집에 욕을 부르며 너로 네 영혼에게 죄를 범하게 하는 것이 되었도다
Ati lubbuu nama baayʼee galaafachuudhaaf, waan nama qaanessu mana keetti malattee lubbuu keetti badiisa fidde.
11 담에서 돌이 부르짖고 집에서 들보가 응답하리라
Dhagaawwan keenyan keessaa iyyu; demdemoon mukaas jalaa qaba.
12 피로 읍을 건설하며 불의로 성을 건축하는 자에게 화 있을진저!
“Nama dhiiga dhangalaasuudhaan magaalaa ijaaruuf, kan yakkaan magaalaa hundeessuuf wayyoo!
13 민족들이 불탈 것으로 수고하는 것과 열국이 헛된 일로 곤비하게 되는 것이 만군의 여호와께로서 말미암음이 아니냐?
Akka dadhabbiin namaa akkuma qoraan ibiddaa taʼe, akka saboonnis akkasumaan of dadhabsiisan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu murteesseera mitii?
14 대저 물이 바다를 덮음 같이 여호와의 영광을 인정하는 것이 세상에 가득하리라
Akkuma bishaan galaana guutu sana lafti ulfina Waaqayyoon beekuutiin guutamtiitii.
15 이웃에게 술을 마시우되 자기의 분노를 더하여 그로 취케 하고 그 하체를 드러 내려 하는 자에게 화 있을진저!
“Nama qullaa dhagna ollaa isaa ilaaluuf jedhee hamma inni machaaʼutti qalqalloo keessaa daadhii wayinii isaaf buusuuf wayyoo.
16 네게 영광이 아니요 수치가 가득한즉 너도 마시고 너의 할례 아니한 것을 드러내라 여호와의 오른손의 잔이 네게로 돌아올 것이라 더러운 욕이 네 영광을 가리우리라
Ati qooda ulfinaa qaaniidhaan guutamta. Amma dabareen kan kee ti! Akka qullaan kee mulʼatuuf dhugi. Xoofoon mirga Waaqayyoo sitti garagala; salphinnis ulfina kee haguuga.
17 대저 네가 레바논에 강포를 행한 것과 짐승을 두렵게하여 잔해한 것 곧 사람의 피를 흘리며 땅과 성읍과 그 모든 거민에게 강포를 행한 것이 네게로 돌아오리라
Fincilli ati Libaanoonitti hojjete si liqimsa; horii fixuun kee si rifachiisa. Ati dhiiga namaa dhangalaafteertaatii; ati biyyoota, magaalaawwanii fi namoota isaan keessa jiraatan hunda balleessiteerta.
18 새긴 우상은 그 새겨 만든 자에게 무엇이 유익하겠느냐? 부어 만든 우상은 거짓 스승이라 만든 자가 이 말하지 못하는 우상을 의지하니 무엇이 유익하겠느냐?
“Waaqni tolfamaan ogeessa harkaatiin soofamu yookaan fakkiin soba barsiisu faayidaa maalii qaba? Namni isa tolchu tokko hojiidhuma harka isaa amanataatii; inni waaqota tolfamoo dubbachuu hin dandeenye tolcha.
19 나무더러 깨라 하며 말하지 못하는 돌더러 일어나라 하는 자에게 화 있을진저! 그 이는 금과 은으로 입힌 것인즉 그 속에는 생기가 도무지 없느니라
Nama mukaan, ‘Dammaqi!’ yookaan dhagaa lubbuu hin qabneen, ‘Kaʼi!’ jedhuuf wayyoo. Inni barsiisuu ni dandaʼaa? Kunoo inni warqee fi meetii dibameera; hafuurri tokko iyyuu isa keessa hin jiru.”
20 오직 여호와는 그 성전에 계시니 온 천하는 그 앞에서 잠잠할지니라!
Waaqayyo garuu mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira; lafti hundi fuula isaa duratti haa calʼistu.

< 하박국 2 >