< 출애굽기 36 >

1 브사렐과 오홀리압과 및 마음이 지혜로운 사람 곧 여호와께서 지혜와 총명을 부으사 성소에 쓸 모든 일을 할 줄 알게 하심을 입은 자들은 여호와의 무릇 명하신 대로 할 것이니라'
Bezaliʼeel, Oholiiyaabii fi namni Waaqayyo ogummaa fi dandeettii isaan ittiin hojii ijaarsa iddoo qulqulluu sanaa hunda beekan kenneef hundi akkuma Waaqayyo ajajetti hojii kana haa hojjetan.”
2 모세가 브살렐과 오홀리압과 및 마음이 지혜로운 사람 곧 그 마음에 여호와께로 지혜를 얻고 와서 그 일을 하려고 마음에 원하는 모든 자를 부르매
Museen Bezaliʼeel, Oholiiyaabii fi ogeessa Waaqayyo dandeettii kenneef kan dhufee hojii sana hojjechuuf fedhii qabu hunda waame.
3 그들이 이스라엘 자손의 성소의 모든 것을 만들기 위하여 가져 온 예물을 모세에게서 받으니라 그러나 백성이 아침마다 자원하는 예물을 연하여 가져오는 고로
Isaanis kennaawwan Israaʼeloonni ijaarsa iddoo qulqulluu sanaatiif jedhanii fidan hunda Musee harkaa fuudhan. Namoonni Israaʼelis fedhii isaaniitiin ganama ganama kennaa isaanii fiduu itti fufan.
4 성소의 모든 일을 하는 지혜로운 자들이 각기 하는 일을 정지하고 와서
Ogeeyyiin hojii harkaa kanneen iddoo qulqulluu sana hojjetan hundi hojii isaanii dhiisanii dhufanii
5 모세에게 고하여 가로되 `백성이 너무 많이 가져 오므로 여호와의 명하신 일에 쓰기에 남음이 있나이다'
Museedhaan, “Sabni kun waan hojii Waaqayyo akka hojjetamuuf ajaje sanaaf barbaachisu caalaa fidaa jira” jedhan.
6 모세가 명을 내리매 그들이 진중에 공포하여 가로되 `무론 남녀하고 성소에 드릴 예물을 다시 만들지 말라' 하매 백성이 가져오기를 정지하니
Museenis ajaja kenne; isaanis, “Dhiirri yookaan dubartiin tokko iyyuu waan biraa tokko illee kennaa godhee iddoo qulqulluu sanaaf hin dhiʼeessin” jedhanii iddoo qubataa sana keessatti labsan. Kanaafuu namoonni itti fufanii waa fiduu dhowwaman.
7 있는 재료가 모든 일을 하기에 넉넉하여 남음이 있었더라
Wanti isaan duraanuu qaban hojii hunda hojjechuuf gaʼaa fi irraa hafaa tureetii.
8 일하는 사람 중에 마음이 지혜로운 모든 사람이 열 폭 앙장으로 성막을 지었으니 곧 가늘게 꼰 베실과, 청색, 자색, 홍색실로 그룹들을 무늬 놓아 짜서 지은 것이라
Hojjettoota sana keessaas ogeeyyiin hundi golgaawwan kudhan kanneen quncee talbaa gaarii foʼamee fi kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaa irraa hojjetamaniin dunkaana qulqulluu haa hojjetan; golgaawwan sana irrattis ogeeyyiin harka qajeelan kiirubeelii hojjetan.
9 매폭의 장은 이십 팔 규빗, 광은 사 규빗으로 각 폭의 장단을 같게 하여
Golgaawwan sun hundinuu wal qixxee taʼanii tokkoon tokkoon isaanii dheerina dhundhuma digdamii saddeetiitii fi balʼina dhundhuma afur qabu ture.
10 그 다섯 폭을 서로 연하며, 또 그 다섯 폭을 서로 연하고
Isaanis golgaawwan shan walitti qabsiisan; shanan kaan illee akkasuma walitti qabsiisan.
11 연락할 말폭 가에 청색 고를 만들며, 다른 연락할 말폭 가에도 고를 만들되
Isaanis golgaawwan walitti qabsiifaman kanneen jalqabaa keessaa handaara isa moggaa irratti huccuu bifa cuquliisaa irraa gurroowwan tolchan; golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa irrattis akkasuma tolfaman.
12 그 연락할 한 폭에 고 오십을 달고, 다른 연락할 한 폭의 가에도 고 오십을 달아, 그 고들이 서로 대하게 하고
Isaanis golgaa tokko irratti gurroowwan shantama tolchan; gurroowwan shantama immoo golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa keessaa isa moggaa irratti tolchan; gurroowwan sunis gamaa gamanaan turan.
13 금 갈고리 오십을 만들어, 그 갈고리로 두 앙장을 연하여 한 막을 이루었더라
Akka dunkaanni qulqulluun sun tokko taʼuufis hokkoowwan warqee shantama tolchanii golgaawwan sana ittiin walitti qabsiisan.
14 그 성막을 덮는 막 곧 앙장을 염소털로 만들되 십 일폭을 만들었으니
Isaanis haguuggii gubbaa dunkaana qulqulluu sanaa irra jiru haguuguuf golgaawwan rifeensa reʼee kudha tokko hojjetan.
15 각 폭의 장은 삼십 규빗, 광은 사 규빗으로 십 일폭의 장단을 같게 하여
Golgaawwan kudha tokkoon sun hundi wal qixxee turan; dheerinni isaanii dhundhuma soddoma, balʼinni isaanii immoo dhundhuma afur ture.
16 그 앙장 다섯 폭을 서로 연하며, 또 여섯 폭을 서로 연하고
Isaanis golgaawwan shan iddoo tokkotti walitti qabsiisan; golgaawwan kaan jaʼaan immoo iddoo tokkotti walitti qabsiisan.
17 앙장을 연락할 말폭 가에도 고 오십을 달며, 다른 연락할 말폭 가에도 고 오십을 달고
Ergasiis golgaawwan gama tokkoon walitti qabsiifaman keessaa handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchan; golgaawwan gama kaan irratti walitti qabsiifaman keessaas handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchan.
18 놋 갈고리 오십을 만들어, 그 앙장을 연합하여 한 막이 되게 하고
Akka dunkaanni sun tokko taʼuuf ittiin walitti qabsiisuuf qabduuwwan naasii shantama tolchan.
19 붉은 물 들인 수양의 가죽으로 막의 덮개를 만들고 해달의 가죽으로 그 웃덮개를 만들었더라
Dunkaana sanaafis irra buusaa kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, isa irraan immoo irra buusaa gogaa duugamee hojjetan.
20 그가 또 조각목으로 성막에 세울 널판들을 만들었으니
Dunkaana qulqulluu sanaafis muka laaftoo irraa tuggeewwan qaqqajeeloo hojjetan.
21 각 판의 장은 십 규빗, 광은 일 규빗 반이며
Dheerinni tokkoo tokkoo tuggeewwan sanaas dhundhuma kudhan, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture.
22 각 판에 두 촉이 있어 서로 연하게 하였으니 성막의 모든 판이 그러하며
Tokkoon tokkoon tuggeewwan sanaas akka wal keessa galuu dandaʼuuf mucha lama lama qaba ture. Tuggeewwan dunkaana qulqulluu sanaa hunda akkasitti tolchan.
23 성막을 위하여 널판을 만들었으되, 남으로는 남편에 널판이 이십이라
Gama kibba dunkaana qulqulluu sanaatiifis tuggeewwan digdama hojjetan;
24 그 이십 널판 밑에 은받침 사십을 만들었으되, 곧 이 널판 밑에도 두 받침이 그 두 촉을 받게 하였으며
tuggeewwan digdamman sana jalatti miilla meetii afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama gurra isaa lamaaniif, tuggee kaan jalattis miilla lama gurra isaa lamaaniif tolchan.
25 성막 다른 편 곧 북편을 위하여도 널판 이십을 만들고
Gama dunkaana qulqulluu sanaa kaaniifis karaa kaabaatiin tuggeewwan digdama tolchan.
26 또 은받침 사십을 만들었으니 곧 이 판 밑에도 두 받침이요, 저 판 밑에도 두 받침이며
Isaaniifis miilla meetiis afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama, tuggee kaan jalattis miilla lama tolchan.
27 장막 뒤 곧 서편을 위하여는 널판 여섯을 만들었고
Karaa lixa biiftuutiin, dugda duuba dunkaana qulqulluu sanaatiif tuggee jaʼa hojjetan.
28 장막 뒤 두 모퉁이 편을 위하여는 널판 둘을 만들되
Karaa dugda duubaas golee dunkaana qulqulluu sanaatiif utubaa lama tolchan.
29 아래서부터 위까지 각기 두 겹 두께로 하여 윗고리에 이르게 하고 두 모퉁이 편을 다 그리하며
Tuggeewwan golee kunneen jalaa hamma gubbaatti walitti fayyifamanii bantii irratti qubeelaa tokkoon walitti qabsiifaman; tuggeewwan golee lamaaniis akkanuma hojjetan.
30 그 널판은 여덟이요, 그 받침은 은받침 열 여섯이라, 각 널판 밑에 둘씩이었더라
Kanaafuu tuggeewwan saddeeti kanneen miilla meetii kudha jaʼa qabanitu ture; tokkoon tokkoon tuggee sanaas miilla lama lama qaba ture.
31 그가 또 조각목으로 띠를 만들었으니 곧 성막 이편 널판을 위하여 다섯이요
Akkasumas muka laaftoo irraa dagaleewwan tolchan; tuggeewwan dunkaana qulqulluu sana irra gama tokkoon jiraniif dagaleewwan shan,
32 성막 저편 널판을 위하여 다섯이요, 성막 뒤 곧 서편 널판을 위하여 다섯이며
tuggeewwan gama kaaniin jiraniif shan, tuggeewwan dugda duubaan karaa lixa biiftuutiin jiraniif immoo dagaleewwan shan tolchan.
33 그 중간 띠를 만들되, 널판 중간 이 끝에서 저 끝에 미치게 하였으며
Dagalee walakkaa jiru sana akka inni gidduu tuggeewwaniitiin moggaa tokkoo hamma moggaa kaaniitti fullaʼu godhan.
34 그 널판들을 금으로 싸고 그 널판에 띠를 꿸 금고리를 만들고, 그 띠도 금으로 쌌더라
Tuggeewwan sanaattis warqee dibanii akka dagaleewwan baataniif qubeelaawwan warqee itti tolchan. Dagaleewwan sanaattis akkasuma warqee uffisan.
35 그가 또 청색, 자색, 홍색실과, 가늘게 꼰 베실로 장을 짜고 그 위에 그룹들을 공교히 수 놓고
Isaanis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa tolchan; golgaa kana irrattis ogeessi harka qajeelu tokko fakkii kiirubeelii tolche.
36 조각목으로 네 기둥을 만들어 금으로 쌌으며, 그 갈고리는 금이며 기둥의 네 받침은 은으로 부어 만들었으며
Golgaa sanaafis utubaawwan muka laaftoo afur tolchanii warqee itti uffisan; utubaa sanaafis hokkoowwan warqee hojjetanii miilla meetii afur itti tolchan.
37 청색, 자색, 홍색실과, 가늘게 꼰 베실로 수 놓아 장막 문을 위하여 장을 만들고
Isaanis balbala dunkaanichaatiif golgaa kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼamee harkaan irratti hodhame tokko faayessanii tolchan.
38 문장의 기둥 다섯과 그 갈고리를 만들고, 기둥머리와 그 가름대를 금으로 쌌으며 그 다섯 받침은 놋이었더라
Isaanis utuboota hokkoo qaban shan hojjetanii, fiixee fi somaawwan utubootaatti warqee uffisan; miilla isaanii shananis naasii irraa tolchan.

< 출애굽기 36 >