< 출애굽기 31 >

1 여호와께서 모세에게 일러 가라사대
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 내가 유다 지파 훌의 손자요 우리의 아들인 브사렐을 지명하여 부르고
“Ilaa, ani gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri, ilma Huuri filadheera;
3 하나님의 신을 그에게 충만하게 하여 지혜와 총명과 지식과 여러가지 재주로
ani Hafuura Waaqaatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera;
4 공교한 일을 연구하여 금과 은과 놋으로 만들게 하며
Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf;
5 보석을 깍아 물리며 나무를 새겨서 여러가지 일을 하게 하고
akka inni dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf.
6 내가 또 단 지파 아히사막의 아들 오홀리압을 세워 그와 함께 하게 하며 무릇 지혜로운 마음이 있는 자에게 내가 지혜를 주어 그들로 내가 네게 명한 것을 다 만들게 할지니
Akkasumas ani kunoo akka inni isa gargaaruuf Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sana muudeera. “Akka isaan waan ani si ajaje hunda hojjetaniif ogeeyyii hojii harkaa hundaaf ogummaa kenneera.
7 곧 회막과, 증거궤와, 그 위의 속죄소와, 회막의 모든 기구와
“Isaanis dunkaana wal gaʼii, taabota kakuu seeraatii fi teessoo araaraa kan taabota sana irra jiru, miʼa dunkaana sanaa hunda jechuunis
8 상과, 그 기구와, 정금 등대와, 그 모든 기구와, 분향단과
minjaalaa fi miʼa isaa, baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa tolfamee fi miʼa isaa hunda, iddoo aarsaa ixaanaa,
9 번제단과, 그 모든 기구와, 물두멍과, 그 받침과
iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda, gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa,
10 제사직을 행할 때에 입는 공교히 짠 의복 곧 제사장 아론의 성의와 그 아들들의 옷과
wayyaawwan miidhagfamanii dhaʼaman, wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilan uffatan,
11 관유와 성소의 향기로운 향이라 무릇 내가 네게 명한대로 그들이 만들지니라!
Iddoo Qulqulluu sanaaf immoo zayitii dibataatii fi ixaana urgaaʼu haa qopheessan. “Isaan akkuma ani si ajaje sanatti haa hojjetan.”
12 여호와께서 모세에게 일러 가라사대
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
13 너는 이스라엘 자손에게 고하여 이르기를 너희는 나의 안식일을 지키라! 이는 나와 너희 사이에 너희 대대의 표징이니 나는 너희를 거룩하게 하는 여호와인 줄 너희로 알게 함이라
“Saba Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin Sanbattoota koo eegaa. Ani Waaqayyo isa isin qulqulleessu akkan taʼe akka beektaniif kun dhaloota dhufu keessatti anaa fi isin gidduutti mallattoo taʼa.
14 너희는 안식일을 지킬지니 이는 너희에게 성일이 됨이라 무릇 그날에 일하는 자는 그 백성 중에서 그 생명이 끊쳐지리라
“‘Waan Sanbanni isiniif qulqulluu taʼeef isa eegaa. Namni Sanbata xureessu haa ajjeefamu; namni guyyaa sana hojii hojjetu kam iyyuu saba isaa keessaa haa balleeffamu.
15 엿새 동안은 일할 것이나 제 칠일은 큰 안식일이니 여호와께 거룩한 것이라 무릇 안식일에 일하는 자를 반드시 죽일지니라!
Guyyaa jaʼa hojiin haa hojjetamu; guyyaan torbaffaan garuu sanbata boqonnaa ti; guyyaan kun Waaqayyoof qulqulluu dha. Namni guyyaa Sanbataa hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu.
16 이같이 이스라엘 자손이 안식일을 지켜서 그것으로 대대로 영원한 언약을 삼을 것이니
Israaʼeloonni Sanbata kana kakuu bara baraa godhatanii dhaloota dhufu keessa haa eegan.
17 이는 나와 이스라엘 자손 사이에 영원한 표징이며 나 여호와가 엿새 동안에 천지를 창조하고 제 칠일에 쉬어 평안하였음이니라 하라
Kunis anaa fi Israaʼeloota gidduutti mallattoo bara baraa taʼa; Waaqayyo guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa uumee guyyaa torbaffaatti boqotee aara galfateeraatii.’”
18 여호와께서 시내산 위에서 모세에게 이르시기를 마치신 때에 증거판 둘을 모세에게 주시니 이는 돌판이요 하나님이 친히 쓰신 것이더라
Waaqayyo akkuma Gaara Siinaa irratti Museetti dubbatee raawwateen gabatee dhugaa lamaan jechuunis gabateewwan dhuga baʼumsaa kanneen qubni Waaqaa irratti barreesse sana isatti kenne.

< 출애굽기 31 >