< 출애굽기 28 >

1 너는 이스라엘 자손 중 네 형 아론과 그 아들들 곧 나답과, 아비후와, 엘르아살과, 이다말을 그와 함께 네게로 나아오게 하여 나를 섬기는 제사장 직분을 행하게 하되
“Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif obboleessa kee Aroon, isa wajjinis ilmaan isaa Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaarin saba Israaʼel keessaa ofitti dhiʼeessi.
2 네 형 아론을 위하여 거룩한 옷을 지어서 영화롭고 아름답게 할지니
Akka inni ulfinaa fi miidhagina argatuufis obboleessa kee Arooniif uffata qulqulluu hodhi.
3 너는 무릇 마음에 지혜 있는자, 곧 내가 지혜로운 영으로 채운 자들에게 말하여 아론의 옷을 지어 그를 거룩하게 하여 내게 제사장 직분을 행하게 하라
Akka inni luba taʼee na tajaajiluuf namoota beekumsa qaban kanneen ani ogummaa akkanaa kenneef hunda akka isaan akka inni addaan baafamuuf jedhanii Arooniif uffata hodhan itti himi.
4 그들의 지을 옷은 이러하니 곧 흉패와, 에봇과, 겉옷과, 반포 속옷과, 관과, 띠라 그들이 네 형 아론과 그 아들들을 위하여 거룩한 옷을 지어 아론으로 내게 제사장 직분을 행하게 할지며
Uffanni isaan hojjetanis: kiisii qomaa, dirata, wandaboo, kittaa miidhagfamee dhawame, marata mataatii fi sabbataa dha. Jarris akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif obboleessa kee Aroonii fi ilmaan isaatiif uffata qulqulluu kana haa hojjetan.
5 그들의 쓸것은 금실과, 청색, 자색, 홍색실과, 가늘게 꼰 베실이니라
Ogeeyyiin sunis warqee fi kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼametti haa fayyadaman.
6 그들이 금실과, 청색, 자색, 홍색실과, 가늘게 꼰 베실로 공교히 짜서 에봇을 짓되
“Ogeessa harka tolu tokko warqee, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dirata hojjechiisi.
7 그것에 견대 둘을 달아 그 두 끝을 연하게 하고
Diranni kunis akka walitti guduunfamuu dandaʼuuf funyoo gatiittii lama kanneen fiixee isaa lamaanitti rarraafaman haa qabaatu.
8 에봇 위에 매는 띠는 에봇 짜는 법으로 금실과, 청색, 자색, 홍색실과, 가늘게 꼰 베실로 에봇에 공교히 붙여 짤지며
Sabbanni isaa kan ogummaadhaan dhaʼames akkuma isaa dirata wajjin tokko taʼee warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen haa hojjetamu.
9 호마노 두개를 취하여 그 위에 이스라엘 아들들의 이름을 새기되
“Dhagaawwan sardooniksii lama fuudhiitii maqaa ilmaan Israaʼel isaan irratti soofii barreessi.
10 그들의 연치대로 여섯 이름을 한 보석에 나머지 여섯 이름은 다른 보석에
Akkuma toora dhaloota isaaniitti, maqaa jaʼa dhagaa tokko irratti, maqaa jaʼaan hafes dhagaa kaan irratti soofii barreessi.
11 보석을 새기는 자가 인에 새김 같이 너는 이스라엘 아들들의 이름을 그 두 보석에 새겨 금테에 물리고
Akkuma ogeessi faayaa tokko chaappaa soofee hojjetu sana atis dhagaa lamaan sana irratti maqaa ilmaan Israaʼel soofii barreessi; ergasiis faaya warqee itti naannessiitii
12 그 두 보석을 에봇 두 견대에 붙여 이스라엘 아들들의 기념 보석을 삼되 아론이 여호와 앞에서 그들의 이름을 그 두 어깨에 메어서 기념이 되게 할지며
akka inni ilmaan Israaʼeliif dhagaa yaadannoo taʼuuf funyoo gatiittii dirata sanatti qabsiisi. Aroonis maqaa sana yaadannoo godhee fuula Waaqayyoo duratti gatiittii isaa lamaanitti haa baatu.
13 너는 금으로 테를 만들고
Ati immoo faaya warqee itti naannessiitii
14 정금으로 노끈처럼 두 사슬을 땋고 그 땋은 사슬을 그 테에 달지니라
foncaa warqee qulqulluu kan akka funyootti foʼame lama tolchi; foncaa foʼame sana illee faaya sanatti qabsiisi.
15 너는 판결 흉패를 에봇 짜는 법으로 금실과, 청색, 자색, 홍색실과, 가늘게 꼰 베실로 공교히 짜서 만들되
“Ogeessa harka tolu tokko kiisii qomaa kan murtii hojjechiisi; isas akkuma dirata sanaatti warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen hojjedhu.
16 장광이 한뼘씩 두 겹으로 네모 반듯하게 하고
Kiisiin qomaa kun gama afraniinuu wal qixxee fi dachaa taʼee dheerina taakkuu tokkoo fi balʼina taakkuu tokko haa qabaatu.
17 그것에 네 줄로 보석을 물리되 첫 줄은 홍보석, 황옥, 녹주옥이요,
Dhagaawwan gati jabeeyyiis toora afuriin irratti maxxansi. Toora jalqabaa irratti sardiyoon, tophaaziyoonii fi biiralee;
18 둘째 줄은 석류석, 남보석, 홍마노요,
toora lammaffaa irratti baluur, sanpeerii fi almaaz;
19 세째 줄은 호박, 백마노, 자수정이요,
toora sadaffaa irratti yaakinti, kelqedoonii fi yaakinti,
20 네째 줄은 녹보석, 호마노, 벽옥으로 다 금테에 물릴지니
toora afuraffaa irratti biiralee, sardooniksii fi yaasphiidi maxxansi. Dhagaawwan kanneenittis marsaa faaya warqee tolchi.
21 이 보석들은 이스라엘 아들들의 이름대로 열 둘이라 매 보석에 열두 지파의 한 이름씩 인을 새기는 법으로 새기고
Dhagaawwan kudha lama kanneen tokkoo tokkoo isaanii irratti maqaa gosoota kudha lama keessaa maqaan tokko akkuma chaappaatti soofame haa jiraatan; tokkoon tokkoon dhagaawwan sanaas maqaa ilmaan Israaʼel tokko tokkoof dhaabata.
22 정금으로 노끈처럼 땋은 사슬을 흉패 위에 붙이고
“Kiisii qomaatiifis foncaa warqee qulqulluu akka funyootti foʼame tolchi.
23 또 금고리 둘을 만들어 흉패 위 곧 흉패 두 끝에 그 두 고리를 달고
Kiisii qomaa sanaafis qubeelaa warqee lama tolchiitii qubeelaa warqee lamaan roga kiisii qomaa lamaanitti qabsiisi.
24 땋은 두 금사슬로 흉패 두 끝 두 고리에 꿰어 매고
Foncaa warqee sana lamaanis qubeelaawwan rogawwan kiisii qomaa sanatti guduunfi.
25 두 땋은 사슬의 다른 두 끝을 에봇 앞 두 견대의 금테에 매고
Mataa lamaan foncaa lamaan sanaa kaan immoo marsaawwan faayaa lamaanitti guduunfiitii karaa fuula duraatiin foncaa dirataa kan gatiittiitti qabsiisi.
26 또 금고리 둘을 만들어 흉패 아래 양편 가 안쪽 곧 에봇에 닿은 곳에 달고
Qubeelaawwan warqee lama tolchiitii rogawwan kiisii qomaa biraa kanneen karaa moggaa keessaatiin diratatti aananii jiran lamaanitti kaaʼi.
27 또 금고리 둘을 만들어 에봇 앞 두 견대 아래 매는 자리 가까운편 곧 공교히 짠 띠 윗편에 달고
Ammas qubeelaawwan warqee lama biraa tolchiitii sabbata dirataatiin olitti hodhaatti dhiʼeessii funyoo gatiittii lamaan fuula dirataa duraan jiru sana jalaan itti hidhi.
28 청색 끈으로 흉패 고리와 에봇 고리에 꿰어 흉패로 공교히 짠 에봇 띠 위에 붙여 떠나지 않게 하라
Akka kiisiin qomaa dirata irraa hin sosochooneef qubeelaawwan kiisii qomaa sun sabbata mudhiitiin walitti qabsiifamanii funyoo bifa cuquliisaatiin qubeelaawwan diratatti haa qabsiifaman.
29 아론이 성소에 들어갈 때에는 이스라엘 아들들의 이름을 기록한 이 판결흉패를 가슴에 붙여 여호와 앞에 영원한 기념을 삼을 것이니라
“Aroon yeroo iddoo qulqulluu ol seenu hunda akka fuula Waaqayyoo duratti yaadannoo bara baraa taʼuuf laphee isaa irratti kiisii qomaa kan murtiitiin maqaa ilmaan Israaʼel ni baata.
30 너는 우림과 둠밈을 판결 흉패 안에 넣어 아론으로 여호와 앞에 들어 갈 때에 그 가슴 위에 있게 하라 아론이 여호와 앞에서 이스라엘 자손의 판결을 항상 그 가슴 위에 둘지니라!
Akka isaan yeroo Aroon fuula Waaqayyoo dura dhufu hunda laphee isaa irra jiraataniif Uriimii fi Tumiimii akkasuma kiisii qomaa keessa kaaʼi. Akkasiinis Aroon yeroo hunda miʼa ittiin Israaʼelootaaf murtii kennu fuula Waaqayyoo duratti laphee isaa irratti baata.
31 너는 에봇 받침 겉옷을 전부 청색으로 하되
“Huccuu bifti isaa guutumaan guutuutti cuquliisa taʼe irraa wandaboo dirataa tolchi;
32 두 어깨 사이에 머리 들어갈 구멍을 내고 그 주위에 갑옷 깃 같이 깃을 짜서 찢어지지 않게 하고
walakkaa gubbaa isaattis afaan ittiin mataa seensifatan tolchi. Akka inni hin tarsaaneefis qarqara afaan isaa irra wanni faayeffamee qopheeffame haa jiraatu.
33 그 옷 가장자리로 돌아가며 청색, 자색, 홍색실로 석류를 수놓고 금방울을 간격하여 달되
Naannoo xiyyoo wandaboo sanaatti immoo kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaadhaan roomaanii hojjedhuutii gidduu isaatti immoo bilbila warqee tolchi.
34 그 옷 가장자리로 돌아가며 한 금방울 한 석류, 한 금방울 한 석류가 있게 하라
Bilbilli warqeetii fi roomaaniin sun wal jala dadarbanii naannoo xiyyoo wandaboo sanaatti haa hojjetaman.
35 아론이 입고 여호와를 섬기러 성소에 들어갈 때와 성소에서 나갈때에 그 소리가 들릴 것이라 그리하면 그가 죽지 아니하리라!
Aroon yeroo tajaajilu wandaboo kana haa uffatu; akka inni hin duuneef yommuu inni fuula Waaqayyoo dura iddoo qulqulluu seenuu fi yommuu inni achii gad baʼutti sagaleen bilbila sanaa ni dhagaʼama.
36 너는 또 정금으로 패를 만들어 인을 새기는 법으로 그 위에 새기되 여호와께 성결이라 하고
“Warqee qulqulluu irraa faaya tolchii, Kan Waaqayyoof Qulqulleeffame, jedhiitii akkuma waan chaappaa irratti soofamuutti soofii barreessi.
37 그 패를 청색 끈으로 관 위에 매되 곧 전면에 있게 하라
Faaya sana marata mataatiin wal qabsiisuuf funyoo bifa cuquliisaa itti hidhi; innis marata mataa fuula duraan haa taʼu.
38 이 패가 아론의 이마에 있어서 그로 이스라엘 자손의 거룩하게 드리는 성물의 죄건을 담당하게 하라 그 패가 아론의 이마에 늘 있으므로 그 성물을 여호와께서 받으시게 되리라
Faayi kunis adda Aroon irra taaʼa; Aroonis yakka kennaawwan qulqulluu ilmaan Israaʼel dhiʼeessan keessatti argamu hunda ni baata. Kunis akka isaan fuula Waaqayyoo duratti fudhatama argataniif adda Aroon irra jiraata.
39 너는 가는 베실로 반포 속옷을 짜고 가는 베실로 관을 만드고 띠를 수 놓아 만들지니라!
“Quncee talbaa kan qalʼifamee foʼame dhoofsisiitii qomee hojjedhu; marata mataa illee quncee talbaa gaarii irraa tolchi. Sabbannis ogeessa harka qajeeluun haa tolfamu.
40 너는 아론의 아들들을 위하여 속옷을 만들며 그들을 위하여 띠를 만들며 그들을 위하여 관을 만들어서 영화롭고 아름답게 하되
Akka ilmaan Aroonis ulfinaa fi miidhagina argataniif qomee, sabbataa fi marata mataa tolchiif.
41 너는 그것들로 네 형 아론과 그와 함께한 그 아들들에게 입히고 그들에게 기름을 부어 위임하고 거룩하게 하여 그들로 제사장 직분을 내게 행하게 할지며
Erga uffata kana obboleessa kee Aroonittii fi ilmaan isaatti uffiftee booddee dibii isaan muudi. Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniifis isaan qulqulleessi.
42 또 그들을 위하여 베로 고의를 만들어 허리에서부터 넓적다리까지 이르게 하여 하체를 가리게 하라
“Qumxaa wayyaa jalaa kan mudhiidhaa jalqabee hamma gudeedaatti qullaa namaa dhoksu quncee talbaa irraa hojjedhuuf.
43 아론과 그 아들들이 회막에 들어갈 때에나 제단에 가까이 하여 거룩한 곳에서 섬길 때에 그것들을 입어야 죄를 지어서 죽지 아니하리니 그와 후손의 영원히 지킬 규례니라
Aroonii fi ilmaan isaa akka balleessaa hojjetanii hin duuneef yeroo dunkaana wal gaʼii seenan yookaan Iddoo Qulqulluu sanatti tajaajila kennuuf iddoo aarsaatti dhiʼaatan uffata kana uffachuu qabu. “Kunis Aroonii fi sanyii isaatiif sirna bara baraa haa taʼu.

< 출애굽기 28 >