< 전도서 11 >

1 너는 네 식물을 물 위에 던지라 여러날 후에 도로 찾으리라
Buddeena kee bishaan gubbaa buusi; guyyaa baayʼee booddee deebiftee argattaatii.
2 일곱에게나 여덟에게 나눠줄지어다 무슨 재앙이 땅에 임할는지 네가 알지 못함이니라
Qabeenya kee iddoo torbatti yookaan saddeetitti qoodi; balaa biyyatti dhufuuf jiru hin beektuutii.
3 구름에 비가 가득하면 땅에 쏟아지며 나무가 남으로나 북으로나 쓰러지면 그 쓰러진 곳에 그냥 있으리라
Duumessi yoo bishaaniin guutame, bokkaa lafatti gad dhangalaasa. Mukni tokko yoo kibbatti yookaan kaabatti jige, idduma itti kufe sana ciisa.
4 풍세를 살펴보는 자는 파종하지 아니할 것이요 구름을 바라보는 자는 거두지 아니하리라
Namni qilleensa eeggatu tokko hin facaafatu; kan duumessa ilaallatus hin haammatu.
5 바람의 길이 어떠함과 아이 밴 자의 태에서 뼈가 어떻게 자라는 것을 네가 알지 못함같이 만사를 성취하시는 하나님의 일을 네가 알지 못하느니라
Ati akkuma daandii bubbee, yookaan akka itti namni gadameessa haadhaa keessatti uumamu hin beekne sana, hojii Waaqaa, Uumaa waan hundaa sana illee beekuu hin dandeessu.
6 너는 아침에 씨를 뿌리고 저녁에도 손을 거두지 말라 이것이 잘 될는지, 저것이 잘 될는지, 혹 둘이 다 잘 될는지 알지 못함이니라
Inni kun yookaan inni sun, yookaan lachanuu wal qixxee tolu; inni kam akka tolu hin beektuutii; ati sanyii kee ganamaan facaafadhu; galgalas harki kee hojii malee hin taaʼin.
7 빛은 실로 아름다운 것이라 눈으로 해를 보는 것이 즐거운 일이로다
Ifni miʼaawaa dha; aduu arguunis ija gammachiisa.
8 사람이 여러 해를 살면 항상 즐거워할지로다 그러나 캄캄한 날이 많으리니 그 날을 생각할지로다 장래 일은 다 헛되도다
Namni yoo hammam waggoota baayʼee jiraate illee, inni hunduma isaatti gammadaa haa jiraatu. Garuu inni guyyoota dukkanaa haa yaadatu; isaan ni baayʼatuutii. Wanni dhufuuf jiru hundinuu faayidaa hin qabu.
9 청년이여 네 어린 때를 즐거워 하며 네 청년의 날을 마음에 기뻐하여 마음에 원하는 길과 네 눈이 보는대로 좇아 행하라 그러나 하나님이 이 모든 일로 인하여 너를 심판하실 줄 알라
Yaa dargaggeessa, hamma dargaggummaa keessa jirtutti gammadi; bara dargaggummaa keetii keessas garaan kee si haa gammachiisu. Yaada garaa keetii, waanuma iji kee argu duukaa buʼi; garuu akka Waaqni waan kana hundaaf gara murtiitti si fidu beekkadhu.
10 그런즉 근심으로 네 마음에서 떠나게 하며 악으로 네 몸에서 물러가게 하라 어릴 때와 청년의 때가 다 헛되니라
Kanaafuu garaa kee keessaa yaaddoo balleessi; sababii dargaggummaa fi jabinni faayidaa hin qabneef dhagna kee keessaa hammina baasii gati.

< 전도서 11 >