< 신명기 28 >

1 네가 네 하나님 여호와의 말씀을 삼가 듣고 내가 오늘날 네게 명하는 그 모든 명령을 지켜 행하면 네 하나님 여호와께서 너를 세계 모든 민족 위에 뛰어나게 하실 것이라
Yoo ati guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan duukaa buute, Waaqayyo Waaqni kee saboota lafa irra jiraatan hundaa olitti ol si qaba.
2 네가 네 하나님 여호와의 말씀을 순종하면 이 모든 복이 네게 임하며 네게 미치리니
Yoo ati Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamte eebbi kun hundi siif taʼa; si faana deemas:
3 성읍에서도 복을 받고, 들에서도 복을 받을 것이며
Ati magaalaatti ni eebbifamta; baadiyyaattis ni eebbifamta.
4 네 몸의 소생과, 네 토지의 소산과, 네 짐승의 새끼와, 우양의 새끼가 복을 받을 것이며
Iji gadameessa keetii, iji lafa keetii, iji horii keetii, jabbiin loon keetiitii fi korbeeyyiin bushaayee keetii ni eebbifamu.
5 네 광주리와, 떡반죽 그릇이 복을 받을 것이며
Guuboon keetii fi miʼi bukoo keetii ni eebbifamu.
6 네가 들어와도 복을 받고, 나가도 복을 받을 것이니라
Ati yommuu galtu ni eebbifamta; yommuu baatus ni eebbifamta.
7 네 대적들이 일어나 너를 치려하면 여호와께서 그들을 네 앞에서 패하게 하시리니 그들이 한 길로 너를 치러 들어왔으나 네 앞에서 일곱 길로 도망하리라
Waaqayyo akka diinonni kee kanneen sitti kaʼan fuula kee duratti moʼataman ni godha. Isaan karaa tokkoon sitti dhufu, garuu karaa torbaan si baqatu.
8 여호와께서 명하사 네 창고와 네 손으로 하는 모든 일에 복을 내리시고 네 하나님 여호와께서 네게 주시는 땅에서 네게 복을 주실 것이며
Waaqayyo gombisaa keetii fi waan harki kee qabate hundatti eebba isaa ni erga. Waaqayyo Waaqni kee biyya siif kennu keessatti si eebbisa.
9 네가 네 하나님 여호와의 명령을 지켜 그 길로 행하면 여호와께서 네게 맹세하신 대로 너를 세워 자기의 성민이 되게 하시리니
Yoo ati ajaja Waaqayyo Waaqa keetii eegdee karaa isaa irra deddeebite, Waaqayyo akkuma kakuudhaan si abdachiisetti saba isaa qulqulluu godhee si dhaaba.
10 너를 여호와의 이름으로 일컬음을 세계 만민이 보고 너를 두려워하리라
Ergasii saboonni lafa irra jiraatan hundi akka ati maqaa Waaqayyootiin waamamtu arganii si sodaatu.
11 여호와께서 네게 주리라고 네 열조에게 맹세하신 땅에서 네게 복을 주사 네 몸의 소생과, 육축의 새끼와, 토지의 소산으로 많게 하시며
Waaqayyo biyya siif kennuuf abbootii keetiif kakate keessatti ijoolleedhaan, jabbootaa fi midhaan lafaatiin sooruma irra dhangalaʼaa siif kenna.
12 여호와께서 너를 위하여 하늘의 아름다운 보고를 열으사 네 땅에 때를 따라 비를 내리시고 네 손으로 하는 모든 일에 복을 주시리니 네가 많은 민족에게 꾸어줄지라도 너는 꾸지 아니할 것이요
Waaqayyo yeroodhaan lafa keetti bokkaa ergee hojii harka keetii hunda eebbisuuf gombisaa badhaadhummaa isaa jechuunis samiiwwan ni bana. Ati saboota hedduudhaaf ni liqeessita malee tokkoo isaanii irraa iyyuu hin liqeeffattu.
13 여호와께서 너로 머리가 되고 꼬리가 되지 않게 하시며 위에만 있고 아래에 있지 않게 하시리니 오직 너는 내가 오늘날 네게 명하는 네 하나님 여호와의 명령을 듣고 지켜 행하며
Waaqayyo mataa si godha malee eegee si hin godhu. Ati yoo ajajawwan Waaqayyo Waaqa keetii kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan eegdee duukaa buute, yeroo hunda irra aanta malee jala hin aantu.
14 내가 오늘날 너희에게 명하는 그 말씀을 떠나 좌로나 우로나 치우치지 아니하고 다른 신을 따라 섬기지 아니하면 이와 같으리라
Ati waaqota biraa duukaa buʼuu fi tajaajiluudhaan ajajawwan ani harʼa siif kennu kanneen irraa mirgattis bitaattis hin gorin.
15 네가 만일 네 하나님 여호와의 말씀을 순종하지 아니하여 내가 오늘날 네게 명하는 그 모든 명령과 규례를 지켜 행하지 아니하면 이 모든 저주가 네게 임하고 네게 미칠 것이니
Garuu yoo ati Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamuu baattee ajajawwan isaatii fi qajeelchawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu hunda of eeggannaadhaan eeguu didde, abaarsawwan kunneen hundi si qaqqabu; si liqimsus:
16 네가 성읍에서도 저주를 받으며, 들에서도 저주를 받을 것이요
Ati magaalaatti ni abaaramta; baadiyyaattis ni abaaramta.
17 또 네 광주리와, 떡반죽 그릇이 저주를 받을 것이요
Guuboon kee ni abaarama; miʼi bukoo keetiis ni abaarama.
18 네 몸의 소생과, 네 토지의 소산과, 네 우양의 새끼가 저주를 받을것이며
Iji gadameessa keetii, iji lafa keetii, jabbiin loon keetiitii fi korbeeyyiin bushaayee keetii ni abaaramu.
19 네가 들어와도 저주를 받고, 나가도 저주를 받으리라
Ati yommuu galtu ni abaaramta; yommuu baatu illee ni abaaramta.
20 네가 악을 행하여 그를 잊으므로 네 손으로 하는 모든 일에 여호와께서 저주와 공구와 견책을 내리사 망하여 속히 파멸케 하실 것이며
Ati sababii isa dhiiftee waan hamaa hojjetteef Waaqayyo hamma ati barbadooftee daftees lafa irraa dhabamtutti waan harki kee hojjetu hundaan abaarsa, joonjaʼuu fi dheekkamsa sitti erga.
21 여호와께서 네 몸에 염병이 들게 하사 네가 들어가 얻을 땅에서 필경 너를 멸하실 것이며
Waaqayyo hamma biyya ati dhaaluuf itti galtu irraa si balleessutti dhukkubaan si dhaʼa.
22 여호와께서 폐병과, 열병과, 상한과, 학질과, 한재와, 풍재와, 썩는 재앙으로 너를 치시리니 이 재앙들이 너를 따라서 너를 진멸케 할 것이라
Waaqayyo hamma ati lafa irraa dhabamtutti, dhukkuba nama huqqisuun, dhagna gubaa fi dhullaadhaan, hoʼa aduutii fi bona hamaadhaan, coollaguu fi waagiidhaan si dhaʼa.
23 네 머리 위의 하늘은 놋이 되고 네 아래의 땅은 철이 될 것이며
Samiin mataa keetii olii naasii, lafti miilla kee jalaa sibiila taʼa.
24 여호와께서 비 대신에 티끌과 모래를 네 땅에 내리시리니 그것들이 하늘에서 네 위에 내려서 필경 너를 멸하리라
Waaqayyo bokkaa lafa keetii awwaaraa fi daaraatti geeddara; kunis hamma ati baddutti samiidhaa sitti gad harcaʼa.
25 여호와께서 너로 네 대적 앞에 패하게 하시리니 네가 한 길로 그들을 치러 나가서는 그들의 앞에서 일곱 길로 도망할 것이며 네가 또 세계 만국 중에 흩음을 당하고
Waaqayyo akka ati diina kee duratti moʼatamtu godha. Ati karaa tokkoon isaanitti dhufta; garuu karaa torbaan isaan duraa baqatta; mootummoota lafa irra jiran hundaaf waan kolfaa taata.
26 네 시체가 공중의 모든 새와 땅 짐승들의 밥이 될 것이나 그것들을 쫓아 줄 자가 없을 것이며
Reeffi kee simbirroota samii hundaa fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa; namni sodaachisee isaan ariʼus hin jiraatu.
27 여호와께서 애굽의 종기와, 치질과, 괴혈병과, 개창으로 너를 치시리니 네가 치료함을 얻지 못할 것이며
Waaqayyos dhukkuba ati hin fayyine jechuunis dhullaa biyya Gibxiitiin, iitaan, madaa malaʼuu fi cittoodhaan si dhiphisa.
28 여호와께서 또 너를 미침과, 눈멂과, 경심증으로 치시리니
Waaqayyo maraatummaadhaan, jaamummaa fi burjaajaʼuu sammuutiin si dhiphisa.
29 소경이 어두운데서 더듬는 것과 같이 네가 백주에도 더듬고 네 길이 형통치 못하여 항상 압제와 노략을 당할 뿐이니 너를 구원할 자가 없을 것이며
Ati guyyaa saafaa akka jaamaa dukkana keessa waa qaqqabatuutti deemta; wanni ati hojjettu hundinuu siif hin milkaaʼu; guyyuma guyyaan cunqurfamtee saamamta; kan si oolchus hin jiru.
30 네가 여자와 약혼하였으나 다른 사람이 그와 같이 잘 것이요 집을 건축하였으나 거기 거하지 못할 것이요 포도원을 심었으나 네가 그 과실을 쓰지 못할 것이며
Ati niitii kaadhimatta; garuu nama biraatu ishee wajjin ciisa. Mana ijaarratta; garuu keessa hin jiraattu. Wayinii dhaabbatta, garuu ija isaa hin nyaattu.
31 네 소를 네 목전에서 잡았으나 네가 먹지 못할 것이며 네 나귀를 네 목전에서 빼앗아감을 당하여도 도로 찾지 못할 것이며 네 양을 대적에게 빼앗길 것이나 너를 도와 줄 자가 없을 것이며
Sangaan kee fuula kee duratti qalama; garuu ati foon isaa irraa homaa hin nyaattu. Harreen kee humnaan sirraa fudhatama; siif hin deebifamus. Hoolonni kee diinota keetiif kennamu; namni isaan harkaa buusus hin jiru.
32 네 자녀를 다른 민족에게 빼앗기고 종일 생각하고 알아봄으로 눈이 쇠하여지나 네 손에 능이 없을 것이며
Ilmaanii fi intallan kee namoota ormaatiif kennamu; iji kees guyyuma guyyaan isaan eeguudhaan fajaja; ati harka ol fudhachuuf humna hin qabaattu.
33 네 토지 소산과 네 수고로 얻은 것을 네가 알지 못하는 민족이 먹겠고 너는 항상 압제와 학대를 받을 뿐이리니
Oomisha lafa keetiitii fi humna keetii hunda namoonni ati hin beekne ni nyaatu; ati bara jireenya keetii guutuu cunqurfamtee jiraachuu malee homaa hin qabaattu.
34 이러므로 네 눈에 보이는 일로 인하여 네가 미치리라
Wanni ati argitu hundi si maraacha.
35 여호와께서 네 무릎과 다리를 쳐서 고치지 못할 심한 종기로 발하게 하여 발바닥으로 정수리까지 이르게 하시리라
Waaqayyo faana miilla keetiitii jalqabee hamma gubbaa mataa keetii gaʼutti madaa hin fayyine kan nama dhiphisuun jilbaa fi miilla kee ni dhaʼa.
36 여호와께서 너와 네가 세울 네 임금을 너와 네 열조가 알지 못하던 나라로 끌어가시리니 네가 거기서 목석으로 만든 다른 신들을 섬길 것이며
Waaqayyo siʼii fi mootii ati of irratti moosifte saboota ati yookaan abbootiin kee hin beekinitti ni kenna. Atis achitti waaqota biraa, waaqota mukaatii fi kan dhagaa ni waaqeffatta.
37 여호와께서 너를 끌어 가시는 모든 민족 중에서 네가 놀램과, 속담과, 비방거리가 될 것이라
Saboota Waaqayyo itti si geessu hunda keessatti waan qaanii, kan kolfaatii fi kan quba itti qaban ni taata.
38 네가 많은 종자를 들에 심을지라도 메뚜기가 먹으므로 거둘 것이 적을 것이며
Lafa qotiisaa kee keessa sanyii baayʼee facaafatta; garuu sababii hawwaannisni nyaatee fixuuf xinnoo walitti qabatta.
39 네가 포도원을 심고 다스릴지라도 벌레가 먹으므로 포도를 따지 못하고 포도주를 마시지 못할 것이며
Atis wayinii dhaabdee kunuunsita; garuu waan raammoon nyaatuuf daadhii isaa hin dhugdu yookaan ija isaa hin cirattu.
40 네 모든 경내에 감람나무가 있을지라도 그 열매가 떨어지므로 그 기름을 네 몸에 바르지 못할 것이며
Biyya kee guutuu keessaa muka ejersaa qabaatta; garuu waan iji isaa lafatti harcaʼuuf ati zayitii isaatti hin fayyadamtu.
41 네가 자녀를 낳을지라도 그들이 포로가 되므로 네게 있지 못할 것이며
Ati ilmaanii fi intallan qabaatta; garuu isaan waan boojiʼamaniif kan kee hin taʼan.
42 네 모든 나무와 토지 소산은 메뚜기가 먹을 것이며
Mukaa fi oomisha lafa qotiisaa keetii hunda tuuta hawwaannisaatu fixa.
43 너의 중에 우거하는 이방인은 점점 높아져서 네 위에 뛰어나고 너는 점점 낮아질 것이며
Alagaan gidduu kee jiraatu si caalaa guddata; ati garuu gad deemta.
44 그는 네게 꾸일지라도 너는 그에게 뀌지 못하리니 그는 머리가 되고 너는 꼬리가 될 것이라
Isatu siif liqeessa malee ati isaaf hin liqeessitu. Inni mataa taʼa; ati garuu eegee taata.
45 네가 네 하나님 여호와의 말씀을 순종치 아니하고 네게 명하신 그 명령과 규례를 지키지 아니하므로 이 모든 저주가 네게 임하고 너를 따르고 네게 미쳐서 필경 너를 멸하리니
Abaarsi kun hundinuu si qaqqaba. Ati waan Waaqayyo Waaqa keetiif hin ajajamnee fi waan ajajawwanii fi qajeelchawwan inni siif kenne hin eeginiif hamma ati baddutti abaarsi kun si biraa hin hafu; si fudhatas.
46 이 모든 저주가 너와 네 자손에게 영원히 있어서 표적과 감계가 되리라
Isaan bara baraan siʼii fi sanyii keetti mallattoo fi dinqii taʼu.
47 네가 모든 것이 풍족하여도 기쁨과 즐거운 마음으로 네 하나님 여호와를 섬기지 아니함을 인하여
Ati waan yeroo sooromaatti galataa fi gammachuudhaan Waaqayyo Waaqa kee hin tajaajiliniif,
48 네가 주리고 목마르고 헐벗고 모든 것이 핍절한 중에서 여호와께서 보내사 너를 치게 하실 대적을 섬기게 될 것이니 그가 철 멍에를 네 목에 메워서 필경 너를 멸할 것이라
beelaa fi dheebuudhaan, daaraa fi hiyyummaa hamaadhaan diinota Waaqayyo sitti kaasu ni tajaajilta. Inni hamma si balleessutti waanjoo sibiilaa morma keetti kaaʼa.
49 곧 여호와께서 원방에서 땅 끝에서 한 민족을 독수리의 날음 같이 너를 치러 오게 하시리니 이는 네가 그 언어를 알지 못하는 민족이요
Waaqayyo biyya akka malee fagoo irraa, daarii lafaatiis saba akka risaa dafee gad buʼu kan ati afaan isaa hin beekne sitti kaasa;
50 그 용모가 흉악한 민족이라 노인을 돌아보지 아니하며 유치를 긍휼히 여기지 아니하며
innis saba jaarsaaf ulfina hin kennine, kan daaʼimmaniif garaa hin laafnee fi kan akka malee sodaachisuu dha.
51 네 육축의 새끼와 네 토지의 소산을 먹어서 필경은 너를 멸망시키며 또 곡식이나 포도주나 기름이나 소의 새끼나 양의 새끼를 위하여 남기지 아니하고 필경은 너를 멸절시키리라
Isaanis hamma ati baddutti ija loon keetiitii fi ija lafa keetii ni nyaatu. Hamma ati barbadooftutti midhaan tokko iyyuu, daadhii wayinii haaraa yookaan zayitii, jabboota loon keetiitii fi korbeeyyii bushaayee keetii tokko illee siif hin dhiisan.
52 그들이 전국에서 네 모든 성읍을 에워싸고 네가 의뢰하는 바 높고 견고한 성벽을 다 헐며 네 하나님 여호와께서 네게 주시는 땅의 모든 성읍에서 너를 에워싸리니
Isaan magaalaa biyya keetii hunda hamma dallaawwan ittisaa kanneen ati amanattu jijjiganitti ni marsu; magaalaa biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa jiran hunda iyyuu ni marsu.
53 네가 대적에게 에워싸이고 맹렬히 쳐서 곤란케 함을 당하므로 네 하나님 여호와께서 네게 주신 자녀 곧 네 몸의 소생의 고기를 먹을 것이라
Ati sababii dhiphina diinonni kee yeroo si marsanitti sitti fidaniitiif ija gudeeda keetii, foon ilmaanii fi intallan keetii kanneen Waaqayyo Waaqni kee siif kennee ni nyaatta.
54 너희 중에 유순하고 연약한 남자라도 그 형제와 그 품의 아내와 그 남은 자녀를 질시하여
Namni gidduu keetii akka malee gara laafessaa fi garraamii taʼe iyyuu obboleessa isaatiif yookaan niitii isaa kan jaallatuuf yookaan ijoollee isaa warra hafaniif garaa hin laafu;
55 자기의 먹는 그 자녀의 고기를 그 중 누구에게든지 주지 아니하리니 이는 네 대적이 네 모든 성읍을 에워싸고 맹렬히 너를 쳐서 곤란케 하므로 아무 것도 그에게 남음이 없는 연고일 것이며
inni foon ijoollee isaa kan nyaachaa jiru irraa xinnoo ishee illee tokkoo isaaniitiif iyyuu hin kennu. Sababii dhiphina diinonni kee yeroo magaalaawwan kee hunda marsanitti sirraan gaʼaniitiif wanni isaaf hafe kanuma qofaatii.
56 또 너희 중에 유순하고 연약한 부녀 곧 유순하고 연약하여 그 발바닥으로 땅을 밟아 보지도 아니하던 자라도 그 품의 남편과 그 자녀를 질시하여
Niitiin arjaa fi boontuun gidduu kee jiraattu kan sababii akka malee arjaa fi boontuu taateef miilla isheetiin lafa hin tuqne iyyuu dhirsa ishee kan jaallattutti, ilma isheetii fi intala isheetti illee ni hammaatti;
57 그 다리 사이에서 나온 태와 자기의 낳은 어린 자식을 가만히 먹으리니 이는 네 대적이 네 생명을 에워싸고 맹렬히 쳐서 곤란케 하므로 아무 것도 얻지 못함이리라
isheen hobbaatii garaa isheetii baʼuu fi ijoollee deessu illee ni jibbiti. Sababiin isheen waan kana gootuufis yeroo marfamaa fi rakkinaatti, yommuu diinonni kee magaalaa kee keessatti si dhiphisanitti dhoksitee nyaachuuf jettee ti.
58 네가 만일 이 책에 기록한 이 율법의 모든 말씀을 지켜 행하지 아니하고 네 하나님 여호와라 하는 영화롭고 두려운 이름을 경외하지 아니하면
Yoo ati of eeggannaadhaan dubbiiwwan seera kanaa kanneen kitaaba kana keessatti barreeffaman hunda duukaa buʼuu dhiiftee maqaa Waaqayyo Waaqa keetii kabajamaa fi sodaachisaa sana sodaachuu baatte,
59 여호와께서 너의 재앙과 네 자손의 재앙을 극렬하게 하시리니 그 재앙이 크고 오래고 질병이 중하고 오랠 것이라
Waaqayyo siʼii fi sanyii keetti dhaʼicha sodaachisaa, balaa dhiphisaa fi kan yeroo dheeraa turu, dhukkuba akka malee hamaa fi dafee hin fayyine ni erga.
60 여호와께서 네가 두려워하던 애굽의 모든 질병을 네게로 가져다가 네 몸에 들어붓게 하실 것이며
Dhukkuboota Gibxi kanneen ati sodaattus sitti fida; isaanis ciniinanii sitti qabatu.
61 또 이 율법 책에 기록지 아니한 모든 질병과 모든 재앙을 너의 멸망하기까지 여호와께서 네게 내리실 것이니
Akkasumas hamma ati dhabamtutti Waaqayyo dhukkubootaa fi rakkinnoota biraa kanneen Kitaaba Seeraa kana keessatti hin barreeffamin sitti fida.
62 너희가 하늘의 별같이 많았을지라도 네 하나님 여호와의 말씀을 순종치 아니하므로 남는 자가 얼마되지 못할 것이라
Isin sababii Waaqayyo Waaqa keessaniif ajajamuu diddaniif isin warra akka urjiiwwan samii baayʼattanii turtan keessaa xinnootu hafa.
63 이왕에 여호와께서 너희에게 선을 행하시고 너희로 번성케 하시기를 기뻐하시던 것 같이 이제는 여호와께서 너희를 망하게 하시며 멸하시기를 기뻐하시리니 너희가 들어가 얻는 땅에서 뽑힐 것이요
Akkuma isin sooromsuu fi isin baayʼisuun Waaqayyo gammachiisu sana isin balleessuu fi isin barbadeessuunis isa gammachiisa. Isin biyya dhaaluuf itti galtan keessaa ni buqqaatu.
64 여호와께서 너를 땅 이 끝에서, 저 끝까지 만민 중에 흩으시리니 네가 그 곳에서 너와 네 열조의 알지 못하던 목석 우상을 섬길 것이라
Ergasiis Waaqayyo daarii lafaa tokko irraa hamma daarii lafaa kaaniitti saboota hunda gidduutti si bittinneessa. Ati achitti waaqota biraa, waaqota mukaatii fi kan dhagaa kanneen atii fi abbootiin kee hin beekin ni waaqeffatta.
65 그 열국 중에서 네가 평안함을 얻지 못하며 네 발바닥을 쉴 곳도 얻지 못하고 오직 여호와께서 거기서 너의 마음으로 떨고 눈으로 쇠하고 정신으로 산란케 하시리니
Ati saboota sana gidduutti boqonnaa hin argattu; lafa kophee miilla keetii irra keeyyattu illee hin argattu. Achittis Waaqayyo sammuu dhiphatu, ija hawwiidhaan fajajuu fi garaa abdii kutatu siif kenna.
66 네 생명이 의심나는 곳에 달린 것 같아서 주야로 두려워하며 네 생명을 확신할수 없을 것이라
Ati halkanii guyyaa sodaadhaan qabamtee utuu lubbuun kee wabii hin argatin, yeroo hunda yaaddoodhaan jiraatta.
67 네 마음의 두려움과 눈의 보는 것으로 인하여 아침에는 이르기를 아하, 저녁이 되었으면 좋겠다 할 것이요 저녁에는 이르기를 아하, 아침이 되었으면 좋겠다 하리라
Sababii sodaa garaa kee guutuu sanaatii fi waan ija keetiin argitu sanaatiif ganama, “Utuu bariʼuu baatee!” galgala immoo, “Utuu dhiʼuu baatee!” jetta.
68 여호와께서 너를 배에 실으시고 전에 네게 고하여 이르시기를 네가 다시는 그 길을 보지 아니하리라 하시던 그 길로 너를 애굽으로 끌어가실 것이라 거기서 너희가 너희 몸을 대적에게 노비로 팔려하나 너희를 살 자가 없으리라
Karaa ani ati lammata as hin deebitu siin jedheenis Waaqayyo dooniidhaan Gibxitti si deebisa. Achittis akka garboota dhiiraa dubartiitti diinota keessanitti gurguramuuf of dhiʼeessitu; garuu namni tokko iyyuu isin hin bitatu.

< 신명기 28 >