< 신명기 20 >

1 네가 나가 대적과 싸우려할 때에 말과 병거와 민중이 너보다 많음을 볼지라도 그들을 두려워 말라! 애굽 땅에서 너를 인도하여 내신 네 하나님 여호와께서 너와 함께 하시느니라!
Sababii Waaqayyo Waaqni kee inni biyya Gibxiitii si baase sun si wajjin jiruuf yommuu diinota kee loluuf baatutti fardeenii fi gaariiwwan akkasumas humna waraanaa kan humna waraanaa kee caalu argitutti hin sodaatin.
2 너희가 싸울 곳에 가까이 가거든 제사장은 백성에게 나아가서 고하여
Yommuu ati waraanatti dhiʼaattutti lubni fuula duratti baʼee loltootatti haa dubbatu.
3 그들에게 이르기를 이스라엘아 들으라! 너희가 오늘날 너희의 대적과 싸우려고 나아왔으니 마음에 겁내지 말며 두려워 말며 떨지말며 그들로 인하여 놀라지 말라
Innis akkana haa jedhu; “Yaa Israaʼel, isin harʼa diinota keessan loluuf waraanatti seenuuf jirtu. Garaan keessan hin raafamin yookaan hin sodaatinaa; hin naʼinaa yookaan fuula diinota keessanii duratti hin hollatinaa.
4 너희 하나님 여호와는 너희와 함께 행하시며 너희를 위하여 너희 대적을 치고 너희를 구원하시는 자니라 할 것이며
Kan moʼannaa isiniif kennuuf jedhee diinota keessan isiniif loluuf isin wajjin baʼu Waaqayyo Waaqa keessaniitii.”
5 유사들은 백성에게 고하여 이르기를 새집을 건축하고 낙성식을 행치 못한 자가 있느냐? 그는 집으로 돌아갈지니 전사하면 타인이 낙성식을 행할까 하노라
Ajajjoonni loltootaa immoo loltootaan akkana haa jedhan: “Namni mana haaraa ijaaree hin eebbisiisin tokko iyyuu jiraa? Inni gara mana isaatti haa deebiʼu; yoo kanaa achii inni waraana irratti duʼee namni biraa mana isaa eebbisa.
6 포도원을 만들고 그 과실을 먹지 못한 자가 있느냐? 그는 집으로 돌아갈지니 전사하면 타인이 그 과실을 먹을까 하노라
Namni wayinii dhaabee irraa hin nyaatin jiraa? Inni gara mana isaa haa deemu; yoo kanaa achii inni lola keessatti duʼee namni biraa wayinii sana nyaata.
7 여자와 약혼하고 그를 취하지 못한 자가 있느냐? 그는 집으로 돌아갈지니 전사하면 타인이 그를 취할까 하노라 하고
Namni niitii fuudhuuf kadhatee utuu hin fuudhin dhufe jiraa? Inni gara mana isaa haa deemu; yoo kanaa achii inni lola irratti duʼee namni biraa ishee fuudha.”
8 유사들은 오히려 또 백성에게 고하여 이르기를 두려워서 마음에 겁내는 자가 있느냐? 그는 집으로 돌아갈지니 그 형제들의 마음도 그의 마음과 같이 떨어질까 하노라 하여
Ajajjoonni loltootaa ammas, “Namni sodaatu yookaan kan garaan isaa raafamu jiraa? Akka garaan obboloota isaas hin raafamneef inni gara mana isaatti haa deebiʼu” haa jedhan.
9 백성에게 이르기를 필한 후에 군대의 장관들을 세워 무리를 거느리게 할지니라
Ajajjoonni yommuu loltootatti dubbatanii raawwatanitti loltoota irratti ajajjoota haa muudan.
10 네가 어떤 성읍으로 나아가서 치려할 때에 그 성에 먼저 평화를 선언하라!
Ati yommuu magaalaa tokko dhaʼuuf baatutti, duraan dursii namoota magaalaa sana keessa jiraataniif waamicha nagaa godhi.
11 그 성읍이 만일 평화하기로 회답하고 너를 향하여 성문을 열거든 그 온 거민으로 네게 공을 바치고 너를 섬기게 할 것이요
Yoo isaan tole jedhanii balbala siif banan, namni hundi siif haa bulu; hojjetaa kees haa taʼu.
12 만일 너와 평화하기를 싫어하고 너를 대적하여 싸우려 하거든 너는 그 성읍을 에워쌀 것이며
Yoo isaan waamicha nagaa fudhachuu didanii waraanaaf sitti baʼan ati magaalattii marsi.
13 네 하나님 여호와께서 그 성읍을 네 손에 붙이시거든 너는 칼날로 그 속의 남자를 다 쳐 죽이고
Yommuu Waaqayyo Waaqni kee dabarsee isaan sitti kennutti dhiirota magaalattii keessa jiraatan hunda goraadeedhaan fixi.
14 오직 여자들과 유아들과 육축과 무릇 그 성중에서 네가 탈취한 모든 것은 네 것이니 취하라 네가 대적에게서 탈취한 것은 네 하나님 여호와께서 네게 주신 것인즉 너는 그것을 누릴지니라
Garuu nadheenii fi ijoollee, horii fi waan magaalattii keessatti argamu hunda boojiʼiitii ofii keetii fudhadhu; ati boojuu Waaqayyo Waaqni kee diinota kee irratti siif kennetti fayyadamuu ni dandeessa.
15 네가 네게서 멀리 떠난 성읍들 곧 이 민족들에게 속하지 아니한 성읍들에게는 이같이 행하려니와
Akki ati magaalaawwan saboota naannoo keetii hin taʼin kanneen akka malee fagoo taʼan gootus kanuma.
16 오직 네 하나님 여호와께서 네게 기업으로 주시는 이 민족들의 성읍에서는 호흡 있는 자를 하나도 살리지 말지니
Taʼus magaalaawwan saboota Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennu keessatti waan hafuura baafatu tokko illee hin hambisin.
17 곧 헷 족속과, 아모리 족속과, 가나안 족속과, 브리스 족속과, 여부스 족속을 네가 진멸하되 네 하나님 여호와께서 네게 명하신 대로 하라
Akkuma Waaqayyo Waaqni kee si ajajetti guutumaan guutuutti isaan barbadeessi; isaanis Heetota, Amoorota, Kanaʼaanota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota.
18 이는 그들이 그 신들에게 행하는 모든 가증한 일로 너희에게 가르쳐 본받게 하여 너희로 너희의 하나님 여호와께 범죄케 할까 함이니라
Yoo kanaa achii akka ati waan jibbisiisaa isaan waaqota isaanii waaqeffachuudhaan hojjetan sana duukaa buutu si barsiisu; atis Waaqayyo Waaqa keetti cubbuu hojjetta.
19 너희가 어느 성읍을 오래 동안 에워싸고 쳐서 취하려 할 때에도 도끼를 둘러 그 곳의 나무를 작벌하지 말라 이는 너희의 먹을 것이 될 것임이니 찍지 말라 밭의 수목이 사람이냐? 너희가 어찌 그것을 에워싸겠느냐?
Ati yommuu yeroo dheeraadhaaf magaalaa sana marsitee qabachuudhaaf ishee waraantutti, mukkeen ishee qottoodhaan cirtee hin balleessin; ati midhaan isaanii nyaachuu dandeessaatii isaan hin cirin. Ati kan isaan marsitu mukkeen bosonaa namoota taʼaniitii?
20 오직 과목이 아닌 줄로 아는 수목은 작벌하여 너희와 싸우는 그 성읍을 치는 기구를 만들어 그 성읍을 함락시킬 때까지 쓸지니라
Garuu hamma magaalaan si wajjin wal loltu sun kuftutti mukkeen akka isaan gumaa hin naqanne beektu murtee hojii ijaarsa marsuutiif itti fayyadamuu ni dandeessa.

< 신명기 20 >