< 아모스 8 >
1 주 여호와께서 또 내게 여름 실과 한 광주리를 보이시며
Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise: kun guuboo ija bilchaateen guutamee dha.
2 가라사대 아모스야 네가 무엇을 보느냐? 내가 가로되 여름 실과 한 광주리니이다 하매 여호와께서 내게 이르시되 내 백성 이스라엘의 끝이 이르렀은즉 내가 다시는 저를 용서치 아니하리니
Innis, “Amoos, ati maal arguutti jirta?” jedhee na gaafate. Ani immoo, “Guuboo ija bilchaateen guutame tokko” jedheen deebiseef. Ergasii Waaqayyo akkana naan jedhe; “Saba koo Israaʼelitti yeroon dhufeera; ani siʼachi isaan hin baraaru.”
3 그 날에 궁전의 노래가 애곡으로 변할 것이며 시체가 많아서 사람이 잠잠히 처처에 내어버리리라 이는 주 여호와의 말씀이니라
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Gaafas faarfannaan mana qulqullummaa keessaa booʼichatti geeddarama. Reeffi akka malee hedduun lafa hundatti gatama! Calʼisuunis ni taʼa!”
4 궁핍한 자를 삼키며 땅의 가난한 자를 망케 하려는 자들아 이 말을 들으라
Isin warri rakkattoota dhidhiittanii hiyyeeyyii biyyattii balleessitan waan kana dhagaʼaa;
5 너희가 이르기를 월삭이 언제나 지나서 우리로 곡식을 팔게 하며 안식일이 언제나 지나서 우리로 밀을 내게 할꼬 에바를 작게하여 세겔을 크게 하며 거짓 저울로 속이며
isin akkana jettu; “Akka nu midhaan gurgurannuuf Baatiin Haaraan yoom goobana? Akka nu qamadii gabaa baafannuuf Sanbanni yoom darba?” Isin warri safartuu xinnootti fayyadamtanii gatii immoo ol kaaftan, madaalii sobaatiin nama gowwoomsitanii saamtu;
6 은으로 가난한 자를 사며 신 한 켤레로 궁핍한 자를 사며 잿밀을 팔자 하는도다
hiyyeeyyii meetiidhaan, rakkataa immoo kophee miilla lamaaniitiin bitattanii girdiis qamadii wajjin gurgurattu.
7 여호와께서 야곱의 영광을 가리켜 맹세하시되 내가 저희의 모든 소위를 영영 잊지 아니하리라 하셨나니
Waaqayyo akkana jedhee ulfina Yaaqoobiin kakateera; “Ani gonkumaa waan isaan hojjetan tokko illee hin irraanfadhu.
8 이로 인하여 땅이 떨지 않겠으며 그 가운데 모든 거민이 애통하지 않겠느냐 온 땅이 하수의 넘침 같이 솟아오르며 애굽강 같이 뛰놀다가 낮아지리라
“Sababii kanaaf lafti kirkirtee namoonni ishee keessa jiraatan hundi hin booʼanii? Guutummaan biyya sanaa akkuma laga Abbayyaa ol kaʼa; isheen akkuma laga Gibxi ol dadarbatamtee liqimfamti.”
9 주 여호와께서 가라사대 그 날에 내가 해로 대낮에 지게 하여 백주에 땅을 캄캄케 하며
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Bara sana, “Ani akka aduun saafaadhaan dhiitee laftis guyyuma adiidhaan dukkanooftu nan godha.
10 너희 절기를 애통으로, 너희 모든 노래를 애곡으로 변하며 모든 사람으로 굵은 베로 허리를 동이게 하며 모든 머리를 대머리 되게 하며 독자의 죽음을 인하여 애통하듯 하게 하며 그 결국으로 곤고한 날과 같게 하리라
Ani ayyaana amantii keessanii gaddatti, sirba keessan hundas booʼichatti nan geeddara. Ani akka isin hundi wayyaa gaddaa uffattanii mataa keessan haaddattan nan godha. Ani yeroo sana akkuma booʼicha ilma tokkichaa, dhuma isaas akka guyyaa hadhaaʼaa nan godha.”
11 주 여호와께서 가라사대 보라, 날이 이를지라 내가 기근을 땅에 보내리니 양식이 없어 주림이 아니며 물이 없어 갈함이 아니요 여호와의 말씀을 듣지 못한 기갈이라
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Yeroon ani biyyattiitti beela fidu tokko ni dhufa; innis beela dubbii Waaqayyoo dhagaʼuu ti malee beela nyaataa yookaan dheebuu bishaanii miti.
12 사람이 이 바다에서 저 바다까지 북에서 동까지 비틀거리며 여호와의 말씀을 구하려고 달려 왕래하되 얻지 못하리니
Namoonni dubbii Waaqayyoo barbaacha galaanaa gara galaanaatti, kaabaa gara baʼa biiftuutti ni jooru; garuu hin argatan.
13 그 날에 아름다운 처녀와 젊은 남자가 다 갈하여 피곤하리라
“Bara sana “Shamarran babbareedoo fi dargaggoonni dhiiraa jajjaboon dheebotanii gaggabu.
14 무릇 사마리아의 죄된 우상을 가리켜 맹세하여 이르기를 단아 네 신의 생존을 가리켜 맹세하노라 하거나 브엘세바의 위하는 것의 생존을 가리켜 맹세하노라 하는 사람은 엎드러지고 다시 일어나지 못하리라
Warri cubbuu Samaariyaatiin kakatan yookaan ‘Yaa Daan dhugaa waaqa kee jiraataa’ jedhan, yookaan warri ‘Dhugaa waaqa Bersheebaa’ jedhanii kakatan akka lammata hin kaaneef ni kufu.”