< 열왕기하 19 >

1 히스기야왕이 듣고 그 옷을 찢고 굵은 베를 입고 여호와의 전에 들어가서
Hisqiyaas mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti uffata isaa tarsaasee wayyaa gaddaas uffatee mana qulqullummaa Waaqayyoo seene.
2 궁내대신 엘리야김과 서기관 셉나와 제사장 중 장로들에게 굵은 베를 입혀서 아모스의 아들 선지자 이사야에게로 보내매
Innis Eliiyaaqiim bulchaa masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaa fi luboota dura buʼoota hundi isaanii wayyaa gaddaa uffatan Isaayyaas raajicha ilma Amoos sanatti erge.
3 저희가 이사야에게 이르되 히스기야의 말씀이 오늘은 곤란과 책벌과 능욕의 날이라 아이가 임산하였으나 해산할 힘이 없도다
Isaanis akkana jedhanii isatti himan; “Hisqiyaas akkana jedha; Guyyaan kun akkuma yeroo daaʼimni tokko dhalachuu gaʼee garuu dubartiin humna ittiin ciniinsifattee deessu dhabduutti guyyaa lubbamuu, kan dheekkamsaatii fi kan salphinaa ti.
4 랍사게가 그 주 앗수르 왕의 보냄을 받고 와서 사신 하나님을 훼방하였으니 당신의 하나님 여호와께서 혹시 저의 말을 들으셨을지라 당신의 하나님 여호와께서 그 들으신 말을 인하여 꾸짖으실듯하니 당신은 이 남아 있는 자를 위하여 기도하소서 하더이다
Waaqayyo Waaqni kee dubbii ajajaa waraanaa kan gooftaan isaa mootichi Asoor akka inni Waaqa jiraataatti qoosuuf erge sanaa hunda dhagaʼee dubbii Waaqayyo Waaqni kee dhagaʼe sanaaf jedhee isatti dheekkama taʼa. Kanaafuu ati hambaawwan hamma ammaatti jiraniif kadhadhu.”
5 이와 같이 히스기야 왕의 신복이 이사야에게 나아가니
Yommuu qondaaltonni Hisqiyaas mootichaa gara Isaayyaas dhufanitti,
6 이사야가 저희에게 이르되 너희는 너희 주에게 이렇게 고하라 여호와의 말씀이 너는 앗수르 왕의 신복에게 들은바 나를 능욕하는 말을 인하여 두려워하지 말라
Isaayyaas akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa gooftaa keessanitti himaa; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ati waan dhageesse jechuunis dubbii garboonni mootii Asoor ittiin na arrabsan sana hin sodaatin.
7 내가 한 영을 저의 속에 두어 저로 풍문을 듣고 그 본국으로 돌아가게 하고 또 그 본국에서 저로 칼에 죽게 하리라 하셨느니라
Dhaggeeffadhaa! Ani akka inni oduu wayii dhagaʼee gara biyya ofii isaatti deebiʼuuf hafuura tokko isa keessa nan kaaʼa; achittis akka inni goraadeedhaan ajjeefamu nan godha.’”
8 랍사게가 돌아가다가 앗수르 왕이 이미 라기스에서 떠났다 함을 듣고 립나로 가서 왕을 만났으니 왕이 거기서 싸우는 중이더라
Ajajaan waraanaas yommuu akka mootiin Asoor Laakkiishii baʼee deeme dhagaʼetti, duubatti deebiʼee utuu mootichi Libnaa lolaa jiruu argate.
9 앗수르 왕이 구스 왕 디르하가가 나와서 더불어 싸우고자 한다 함을 듣고 다시 히스기야에게 사자를 보내며 가로되
Senaaheriibis akka Tiirhaaq mootichi Itoophiyaa sun isa loluuf dhufaa jiru dhagaʼe. Kanaafuu inni akkana jedhee amma illee Hisqiyaasitti ergamoota erge;
10 너희는 유다 왕 히스기야에게 이같이 말하여 이르기를 너의 의뢰하는 네 하나님이 예루살렘을 앗수르 왕의 손에 붙이지 않겠다 하는 말에 속지 말라
“Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin akkana jedhaa: Waaqni ati abdattu sun, ‘Yerusaalem dabarfamtee harka mootii Asooritti hin kennamtu’ jedhee si hin gowwoomsin.
11 앗수르의 열왕이 열방에 행한바 진멸한 일을 네가 들었나니 네가 어찌 구원을 얻겠느냐
Ati waan mootonni Asoor guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaan biyyoota hunda godhan dhageesseerta. Ati immoo ni haftaa ree?
12 내 열조가 멸하신 열방 곧 고산과 하란과 레셉과 들라살에 있는 에덴 족속을 그 나라의 신들이 건졌느냐
Waaqonni saboota abbootiin koo barbadeessan sanaa jechuunis waaqonni Goozaan, waaqonni Kaaraan, waaqonni Rezefii fi waaqonni namoota Eden kanneen Telaasaar keessa turan sanaa isaan oolchaniiruu?
13 하맛 왕과 아르밧 왕과 스발와임성의 왕과 헤나와 아와의 왕들이다 어디 있느냐 하라 하니라
Mootiin Hamaati, mootiin Arfaad, mootiin magaalaa Seefarwaayim yookaan mootiin Heenaa yookaan mootiin Iwaa eessa jira?”
14 히스기야가 사자의 손에서 편지를 받아보고 여호와의 전에 올라가서 그 편지를 여호와 앞에 펴놓고
Hisqiyaasis ergamoota sana harkaa xalayaa fuudhee dubbifate. Ergasiis gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼee xalayaa sana fuula Waaqayyoo duratti diriirse.
15 그 앞에서 기도하여 가로되 그룹들의 위에 계신 이스라엘 하나님 여호와여 주는 천하 만국에 홀로 하나님이시라 주께서 천지를 조성하셨나이다
Hisqiyaas akkana jedhee Waaqayyoon kadhate; “Yaa Waaqayyo, Waaqa Israaʼel, kan kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Waaqa. Ati samii fi lafa uumteerta.
16 여호와여 귀를 기울여 들으소서 여호와여 눈을 떠서 보시옵소서 산헤립이 사신 하나님을 훼방하러 보낸 말을 들으시옵소서
Yaa Waaqayyo, gurra kee as qabiitii dhagaʼi; yaa Waaqayyo ija kees banadhuu ilaali; dubbii Senaaheriib kan inni Waaqa jiraataa arrabsuuf erge kana dhaggeeffadhu.
17 여호와여 앗수르 열왕이 과연 열방과 그 땅을 황폐케 하고
“Yaa Waaqayyo mootonni Asoor saboota kanaa fi biyyoota isaanii balleessuun dhugaa dha.
18 또 그 신들을 불에 던졌사오니 이는 저희가 신이 아니요 사람의 손으로 지은 것 곧 나무와 돌 뿐이므로 멸하였나이다
Isaan waaqota jaraa ibiddatti naqanii barbadeessaniiru; waaqonni sun mukaa fi dhagaa harka namaatiin soofaman turan malee waaqota hin turreetii.
19 우리 하나님 여호와여 원컨대 이제 우리를 그 손에서 구원하옵소서 그리하시면 천하 만국이 주 여호와는 홀로 하나님이신줄 알리이다 하니라
Kanaafuu yaa Waaqayyo Waaqa keenya, akka mootummoonni lafaa hundinuu yaa Waaqayyo, akka ati qofti Waaqa taate beekaniif harka isaatii nu baasi.”
20 아모스의 아들 이사야가 히스기야에게 기별하여 가로되 이스라엘 하나님 여호와의 말씀이 네가 앗수르 왕 산헤립 까닭에 내게 기도하는 것을 내가 들었노라 하셨나이다
Sana booddee Isaayyaas ilmi Amoos akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge: “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani kadhaa kee kan ati waaʼee Senaaheriib mooticha Asoor kadhatte sana dhagaʼeera.
21 여호와께서 앗수르 왕에게 대하여 이같이 말씀하시기를 처녀 딸 시온이 너를 멸시하며 너를 비웃었으며 딸 예루살렘이 너를 향하여 머리를 흔들었느니라
Dubbiin Waaqayyo isaan mormuudhaan dubbate kunoo kanaa dha: “‘Intalli Xiyoon Durbi Qulqullittiin si tuffattee sitti qoosti. Intalli Yerusaalem yeroo ati baqattutti mataa ishee sitti raafti.
22 네가 누구를 꾸짖었으며 훼방하였느냐 누구를 향하여 소리를 높였으며 눈을 높이 떴느냐 이스라엘의 거룩한 자에게 그리하였도다
Kan ati itti qoostee arrabsite sun eenyu? Ati eenyutti sagalee kee ol fudhattee of tuulummaadhaan ija ol qabatte? Qulqullichuma Israaʼel sanatti mitii!
23 네가 사자로 주를 훼방하여 이르기를 내가 많은 병거를 거느리고 여러 산꼭대기에 올라가며 레바논 깊은 곳에 이르러 높은 백향목과 아름다운 잣나무를 베고 내가 그 지경 끝에 들어가며 그 동산의 무성한 수풀에 이르리라
Ati karaa ergamoota keetiitiin Gooftaatti qoosteerta. Ati akkanas jetteerta; “Ani gaariiwwan koo hedduudhaan fiixee tulluuwwaniitti, fiixee Libaanoon kan akka malee ol dheeratuttis ol baʼeera. Ani birbirsawwan isaa kanneen akka malee dhedheeroo, gaattiraawwan isaa filatamoo sanas ciccireera. Ani iddoowwan isaa kanneen akka malee ol fagoo, bosonoota isaa keessaa, mimmiidhagoo qaqqabeera.
24 내가 땅을 파서 이방의 물을 마셨고 나의 발바닥으로 애굽의 모든 하수를 말렸노라 하였도다
Ani biyya ormaatti boolla bishaanii qotadhee achitti bishaan dhugeera. Ani faana miilla kootiin lageen biyya Gibxi hunda gogseera.”
25 네가 듣지 못하였느냐 이 일은 내가 태초부터 행하였고 상고부터 정한 바라 이제 내가 이루어 너로 견고한 성들을 멸하여 돌무더기가 되게 함이니라
“‘Ati waan kana hin dhageenyee? Bara dheeraan dura anatu waan kana hojjete. Ani bara durii keessa waan kana nan karoorfadhe; amma immoo hojii irra oolfadheera; kunis akka ati magaalaawwan dallaa jabaa qaban diigdee tuullaa dhagaa geeddartuu dha.
26 그러므로 그 거한 백성의 힘이 약하여 두려워하며 놀랐나니 저희는 마치 들의 풀 같고 나물 같고 지붕의 풀 같고 자라기 전에 마른 곡초같으니라
Namoonni isaanii humna dhabanii abdii kutataniis qaanaʼan. Isaan akkuma biqiltuu diidaa, akkuma biqiltuu kichuu tokkoo, akkuma marga mana gubbaatti biqilu kan utuu hin guddatin gubatee ti.
27 네 거처와 네 출입과 네가 내게 향한 분노를 내가 다 아노니
“‘Ani garuu lafa ati jirtu, yoom akka dhuftuu fi yoom akka deemtu, akka ati akka malee natti aartu illee nan beeka.
28 네가 내게 향한 분노와 네 교만한 말이 내 귀에 들렸도다 그러므로 내가 갈고리로 네 코에 꿰고 자갈을 네 입에 먹여 너를 오던 길로 끌어 돌이키리라 하셨나이다
Waan ati akka malee natti aartee guggubattee of tuulummaan kee gurra koo gaʼeef, ani hokkoo koo funyaan kee keessa, luugama koo afaan kee keessa kaaʼeen akka ati karuma dhufte sana deebitu sin godha.’
29 또 네게 보일 징조가 이러하니 너희가 금년에는 스스로 자라난 것을 먹고 명년에는 그것에서 난 것을 먹되 제 삼년에는 심고 거두며 포도원을 심고 그 열매를 먹으리라
“Yaa Hisqiyaas kun mallattoo siif taʼa: “Isin waggaa kana waan ofumaan biqilu, waggaa lammaffaatti immoo waanuma isa irraa latu nyaattu. Waggaa sadaffaatti garuu facaafadhaa galfadhaa; muka wayiniis dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa.
30 유다 족속의 피하고 남은 자는 다시 아래로 뿌리가 서리고 위로 열매를 맺을지라
Ammas hambaan mootummaa Yihuudaa tokko jalaan hidda baafatee gubbaan immoo ija naqata.
31 남은 자는 예루살렘에서부터 나올 것이요 피하는 자는 시온산에서부터 나오리니 여호와의 열심이 이 일을 이루리라 하셨나이다
Yerusaalem keessaa hambaan tokko, Tulluu Xiyooniitii immoo gareen warra badiisa jalaa baʼe tokkoo ni dhufa. Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu waan kana ni raawwata:
32 그러므로 여호와께서 앗수르 왕을 가리켜 이르시기를 저가 이 성에 이르지 못하며 이리로 살을 쏘지 못하며 방패를 성을 향하여 세우지 못하며 치려고 토성을 쌓지도 못하고
“Kanaafuu Waaqayyo waaʼee mooticha Asoor akkana jedha: “‘Inni magaalaa kana hin seenu yookaan xiyya tokko illee asitti hin darbatu. Inni gaachana qabatee fuula isaa duratti hin dhiʼaatu yookaan tuullaa biyyoo itti hin marsu.
33 오던 길로 돌아가고 이 성에 이르지 못하리라 하셨으니 이는 여호와의 말씀이시라
Inni karuma dhufe sanaan ni deebiʼa; magaalaa kanas hin seenu, jedha Waaqayyo.
34 내가 나와 나의 종 다윗을 위하여 이 성을 보호하여 구원하리라 하셨나이다 하였더라
Anis sababii ofii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee, magaalaa kana nan eega; nan oolchas.’”
35 이 밤에 여호와의 사자가 나와서 앗수르 진에서 군사 십 팔만 오천을 친지라 아침에 일찌기 일어나 보니 다 송장이 되었더라
Halkanuma sana ergamaan Waaqayyoo gad baʼee qubata warra Asoor keessatti nama kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan fixe. Yommuu namoonni guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanitti kunoo reeffi namaa lafa guutee ture!
36 앗수르 왕 산헤립이 떠나 돌아가서 니느웨에 거하더니
Kanaafuu Senaaheriib mootichi Asoor qubata sana keessaa baʼee baqate; Nanawweetti deebiʼees achi jiraate.
37 그 신 니스록의 묘에 경배할 때에 아드람멜렉과 사레셀이 저를 칼로 쳐죽이고 아라랏 땅으로 도망하매 그 아들 에살핫돈이 대신하여 왕이 되니라
Gaaf tokko utuu inni mana sagadaa waaqa isaa Nisrook jedhamuu keessatti waaqeffachaa jiruu ilmaan isaa Adramelekii fi Sharezer goraadeedhaan isa ajjeesanii biyya Araaraatitti baqatan. Ilmi isaa Eesarhadoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

< 열왕기하 19 >