< 창세기 44 >

1 요셉이 그 청지기에 명하여 가로되 `양식을 각인의 자루에 실을 수 있을 만큼 채우고 각인의 돈을 그 자루에 넣고
Yoosefis akkana jedhee hangafa hojjettoota mana isaa ajaje; “Qalqalloo jara kanaa hamma baachuu dandaʼutti midhaan itti guuti; meetii tokkoo tokkoo isaaniis afaan qalqalloo isaanii keessa kaaʼi.
2 또 잔 내 곧 은잔을 그 소년의 자루 아구에 넣고 그 양식값 돈도 함께 넣으라' 하매 그가 요셉의 명령대로 하고
Xoofoo koo isa meetii irraa hojjetame immoo meetii inni ittiin midhaan bitachuu dhufe wajjin afaan qalqalloo isa quxisuu sanaa keessa kaaʼi.” Namichis akkuma Yoosef isa ajaje godhe.
3 개동시에 사람들과 그 나귀를 보내니라
Namoonni sun akkuma lafti bariiteen harroota isaanii wajjin geggeeffaman.
4 그들이 성에서 나가 멀리 가기 전에 요셉이 청지기에게 이르되 `일어나 그 사람들의 뒤를 따라 미칠 때에 그들에게 이르기를 너희가 어찌하여 악으로 선을 갚느냐?
Utuma isaan magaalaa sana irraa hin fagaatin Yoosef hangafa hojjettoota isaatiin akkana jedhe; “Dafii jara kana duukaa buʼi; yommuu qaqqabdutti immoo akkana jedhiin; ‘Isin maaliif waan gaarii waan hamaadhaan deebiftu?
5 이것은 내 주인이 가지고 마시며 늘 점치는데 쓰는것이 아니냐? 너희가 이같이 하니 악하도다 하라'
Xoofoon kun xoofoo gooftaan koo ittiin dhuguu fi ittiin waa himu mitii? Isin waan kana gochuudhaan waan hamaa hojjettan.’”
6 청지기가 그들에게 따라 미쳐 그대로 말하니
Innis yommuu isaan qaqqabetti waanuma kana isaanitti dubbate.
7 그들이 그에게 대답하되 `우리 주여, 어찌 이렇게 말씀하시나이까? 이런 일은 종들이 결단코 아니하나이다
Jarris akkana isaan jedhan; “Gooftaan koo maaliif dubbii akkanaa dubbata? Waan akkanaa hojjechuun tajaajiltoota kee irraa haa fagaatu!
8 우리 자루에 있던 돈도 우리가 가나안 땅에서부터 당신에게로 가져왔거늘 우리가 어찌 당신 주인의 집에서 은, 금을 도적질 하리이까?
Kunoo nu meetii afaan qalqalloo keenyaa keessatti arganne iyyuu biyya Kanaʼaaniitii deebifnee siif fidne. Yoos nu maaliif mana gooftaa keetiitii meetii yookaan warqee hanna ree?
9 종들 중 뉘게서 발견되든지 그는 죽을 것이요 우리는 우리 주의 종이 되리이다'
Tajaajiltoota kee keessaa namni wanni kun biratti argame kam iyyuu haa duʼu; nu warri hafne immoo garboota gooftaa koo ni taana.”
10 그가 가로되 `그러면 너희 말과 같이 하리라 그것이 뉘게서든지 발견되면 그는 우리 종이 될 것이요 너희에게는 책망이 없으리라'
Inni immoo jaraan, “Amma akkuma isin jettan haa taʼu; abbaan wanti kun biratti argame garbicha naaf taʼa; isin warri kaan immoo gad dhiifamtu” jedhe.
11 그들이 각각 급히 자루를 땅에 내려 놓고 각기 푸니
Tokkoon tokkoon isaanii dafanii qalqalloo isaanii lafa keeyyatanii hiikan.
12 그가 나이 많은 자에게서부터 시작하여 나이 적은 자에게까지 수탐하매 잔이 베냐민의 자루에서 발견된지라
Hangafni hojjettootaa sunis hangafaa jalqabee hamma quxisuutti sakattaʼe. Xoofoon sunis qalqalloo Beniyaam keessatti argame.
13 그들이 옷을 찢고 각기 짐을 나귀에 싣고 성으로 돌아오니라
Kana irratti isaan uffata isaanii tarsaasan. Hundi isaanii harroota isaanii feʼatanii magaalattiitti deebiʼan.
14 유다와 그 형제들이 요셉의 집에 이르니 요셉이 오히려 그 곳에 있는지라 그 앞 땅에 엎드리니
Yoosef yeroo Yihuudaa fi obboloonni isaa ol seenanitti amma iyyuu mana keessa ture; isaanis fuula isaa duratti kukkufan.
15 요셉이 그들에게 이르되 `너희가 어찌하여 이런 일을 행하였느냐? 나 같은 사람이 점 잘 칠 줄을 너희가 알지 못하느냐?'
Yoosefis, “Wanti isin hojjettan kun maal? Akka namni akka kootii hooda himuudhaan waa arguu dandaʼu isin hin beektanii?” isaaniin jedheen.
16 유다가 가로되 `우리가 내 주께 무슨 말을 하오리이까? 무슨 설명을 하오리이까? 어떻게 우리의 정직을 나타내리이까? 하나님이 종들의 죄악을 적발하셨으니 우리와 이 잔이 발견된 자가 다 내 주의 종이 되겠나이다'
Yihuudaan immoo akkana jedhee deebise; “Nu gooftaa kootiin maal jechuu dandeenya? Nu maal dubbachuu dandeenya? Nu qulqulluu taʼuu keenya akkamiin mirkaneessuu dandeenya? Waaqni balleessaa garboota keetii ifatti baaseera. Kunoo nu garboota gooftaa koo ti; nu hundi keenya, namni xoofoon sun biratti argames garboota kee ti.”
17 요셉이 가로되 `내가 결코 그리하지 아니하리라 잔이 그 손에서 발견된 자만 나의 종이 되고 너희는 평안히 너희 아버지께로 도로 올라갈 것이니라'
Yoosef garuu, “Waan akkanaa hojjechuun narraa haa fagaatu! Nama xoofoon biratti argame qofatu garbicha koo taʼa. Warri haftan garuu nagaadhaan gara abbaa keessaniitti deebiʼaa” jedhe.
18 유다가 그에게 가까이 가서 가로되 `내 주여, 청컨대 종으로 내 주의 귀에 한 말씀을 고하게 하소서 주의 종에게 노하지 마옵소서 주는 바로와 같으심이니이다
Yihuudaan immoo Yoosefitti dhiʼaatee akkana jedhe: “Maaloo gooftaa ko, akka garbichi kee waan tokko gooftaa kootti dubbatu eeyyamiif. Ati akkuma Faraʼoon taatus garbicha keetti hin aarin.
19 이전에 내 주께서 종들에게 물으시되 너희는 아비가 있느냐? 아우가 있느냐? 하시기에
Gooftaan koo, ‘Isin abbaa yookaan obboleessa qabduu?’ jedhee garboota isaa gaafatee ture.
20 우리가 내 주께 고하되 우리에게 아비가 있으니 노인이요 또 그 노년에 얻은 아들 소년이 있으니 그의 형은 죽고 그 어미의 끼친것은 그 뿐이므로 그 아비가 그를 사랑하나이다 하였더니
Nus, ‘Abbaa dulloomaa tokko qabna; ilmi quxisuun bara dulluma isaa keessa isaaf dhalate tokkos jira. Obboleessi isaas duʼeera; ijoollee haati isaa deesse keessaa isa qofatu hafe; abbaan isaa isa jaallata’ jennee turre.
21 주께서 또 종들에게 이르시되 그를 내게로 데리고 내려와서 나로 그를 목도하게 하라 하시기로
“Atis garboota keetiin, ‘Akka ani ija kootiin isa arguuf naa fidaa’ jette.
22 우리가 내 주께 말씀하기를 그 아이는 아비를 떠나지 못할지니 떠나면 아비가 죽겠나이다
Nus gooftaa kootiin, ‘Mucichi abbaa isaa dhiisee deemuu hin dandaʼu; yoo inni isa dhiisee biraa deeme abbaan isaa ni duʼa’ jenne.
23 주께서 또 주의 종들에게 말씀하시되 너희 말째 아우가 너희와 함께 내려오지 아니하면 너희가 다시 내 얼굴을 보지 못하리라 하시기로
Ati immoo garboota keetiin, ‘Yoo obboleessi keessan inni quxisuun isin wajjin dhufuu baate, isin lammata fuula koo hin argitan’ jette.
24 우리가 주의 종 우리 아비에게로 도로 올라가서 내 주의 말씀을 그에게 고하였나이다
Nus yeroo gara garbicha kee abbaa kootti deebinetti waan gooftaan koo jedhe isatti himne.
25 그 후에 우리 아비가 다시 가서 곡물을 조금 사오라 하시기로
“Abbaan keenya, ‘Ammas dhaqaatii midhaan xinnoo dabalaa nuu bitaa’ nuun jedhe.
26 우리가 이르되 우리가 내려갈 수 없나이다 우리 말째 아우가 함께 하면 내려가려니와 말째 아우가 우리와 함께함이 아니면 그 사람의 얼굴을 볼 수 없음이니이다
Nu garuu, ‘Nu dhaquu hin dandeenyu; yoo obboleessi keenya inni quxisuun nu wajjin jiraate qofa dhaqna. Yoo obboleessi keenya inni quxisuun nu wajjin dhaquu baate nu fuula namichaa arguu hin dandeenyu’ jenne.
27 주의 종 우리 아비가 우리에게 이르되 너희도 알거니와 내 아내가 내게 두 아들을 낳았으나
“Abbaan koo garbichi kee immoo akkana nuun jedhe; ‘Akka niitiin koo ilmaan lama naa deesse isin ni beektu.
28 하나는 내게서 나간고로 내가 말하기를 정녕 찢겨 죽었다하고 내가 지금까지 그를 보지 못하거늘
Isaan keessaas inni tokko na biraa baʼe; anis, “Inni dhugumaan ciccirameera” nan jedhe. Ani ergasii isa hin argine.
29 너희가 이도 내게서 취하여 가려한즉 만일 재해가 그 몸에 미치면 나의 흰 머리로 슬피 음부로 내려가게 하리라 하니 (Sheol h7585)
Yoo isin isa kanas na duraa fuutanii balaan isa irra gaʼe, isin akka arriin koo gaddaan awwaala seenu gootu.’ (Sheol h7585)
30 아비의 생명과 아이의 생명이 서로 결탁되었거늘 이제 내가 주의 종 우리 아비에게 돌아갈 때에 아이가 우리와 함께 하지 아니하면
“Kanaafuu amma yeroo ani gara garbicha kee abbaa kootti deebiʼutti, yoo mucichi nu wajjin jiraachuu baate abbaan koo kan jireenyi isaa jireenya mucichaatiin walitti hidhame sun,
31 아비가 아이의 없음을 보고 죽으리니 이같이 되면 종들이 주의 종 우리 아비의 흰 머리로 슬피 음부로 내려가게 함이니이다 (Sheol h7585)
akka mucichi nu wajjin hin jirre argee duʼa. Nu garboonni kees akka arriin abbaa keenya garbicha keetii gaddaan awwaala seenu goona. (Sheol h7585)
32 주의 종이 내 아비에게 아이를 담보하기를 내가 이를 아버지께로 데리고 돌아오지 아니하면 영영히 아버지께 죄를 지리이다 하였사오니
Ani garbichi kee akka mucaan kun nagaadhaan deebiʼu abbaa koo duratti wabii taʼee, ‘Yaa abbaa ko, yoo ani deebisee isa siif fiduu baadhe, ani bara jireenya koo guutuu fuula abbaa koo duratti balleessaa kanatti nan gaafatama!’ jedhe.
33 청컨대 주의 종으로 아이를 대신하여 있어서 주의 종이 되게 하시고 아이는 형제와 함께 도로 올려 보내소서
“Egaa amma ani garbichi kee iddoo mucichaa garbicha gooftaa koo taʼee asitti nan hafa; mucichi immoo obboloota isaa wajjin haa deebiʼu.
34 내가 어찌 아이와 함께 하지 아니하고 내 아비에게로 올라 갈 수 있으리이까? 두렵건대 재해가 내 아비에게 미침을 보리이다'
Yoo mucichi na wajjin hin jiraatin ani akkamittin gara abbaa kootii deebiʼuu dandaʼa? Waawuu; akka ani gadda abbaa kootti dhufu argu na hin godhin.”

< 창세기 44 >