< 에스겔 17 >
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 인자야 너는 수수께끼와 비유를 이스라엘 족속에게 베풀어
“Yaa ilma namaa, hibboo dubbadhuutii mana Israaʼelitti fakkeenya himi.
3 이르기를 주 여호와의 말씀에 채색이 구비하고 날개가 크고 깃이 길고 털이 숱한 큰 독수리가 레바논에 이르러 백향목 높은 가지를 취하되
Akkanas isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Risaan guddaan qoochoo jabaa, baallee dhedheeraa fi bifa adda addaa qabu tokko gara Libaanoon dhufe. Innis mataa muka birbirsaa fudhatee
4 그 연한 가지 끝을 꺾어 가지고 장사하는 땅에 이르러 상고의 성읍에 두고
lataa fiixee isaa irraa cabsee biyya daldaltootaatti geesse; magaalaa daldaltootaa keessas dhaabe.
5 또 그 땅의 종자를 취하여 옥토에 심되 수양버들 가지처럼 큰 물가에 심더니
“‘Innis sanyii biyya keetii keessaa waa fuudhee biyyoo gabbataa keessa kaaʼe. Akka muka qarqara lagaatti biqiluutti bishaan guddaa bira dhaabe;
6 그것이 자라며 퍼져서 높지 아니한 포도나무 곧 굵은 가지와 가는 가지가 난 포도나무가 되어 그 가지는 독수리를 향하였고 그 뿌리는 독수리의 아래 있었더라
innis biqilee hidda yaafatee muka wayinii dagaage taʼe. Dameewwan isaa gara isaatti deebiʼan; hiddi isaa garuu isuma jalatti hafe. Inni akkasiin muka wayinii taʼee dameewwan baala hedduu qaban baafate.
7 또 날개가 크고 털이 많은 큰 독수리에게 물을 받으려고 그 심긴 두둑에서 그를 향하여 뿌리가 발하고 가지가 퍼졌도다
“‘Ergasiis risaa guddaa kan qoochoo guddaa fi baallee baayʼee qabu kan biraatu ture. Mukti wayinii sunis bishaan akka argatuuf lafa qotiisaa dhaabamee ture sana keessaa gara risaa sanaatti hidda yaafatee dameewwanis balʼifate.
8 그 포도나무를 큰 물 가 옥토에 심은 것은 가지를 내고 열매를 맺어서 아름다운 포도나무를 이루게 하려 하였음이니라
Mukti wayinii sun akka dameewwan baasuuf, akka ija naqatuu fi akka wayinii itti tole taʼuuf biyyoo gaarii qarqara bishaan guddaa jiru keessa dhaabamee ture.’
9 너는 이르기를 주 여호와의 말씀에 그 나무가 능히 번성하겠느냐 이 독수리가 어찌 그 뿌리를 빼고 실과를 따며 그 나무로 시들게 하지 아니하겠으며 그 연한 잎사귀로 마르게 하지 아니하겠느냐 많은 백성이나 강한 팔이 아니라도 그 뿌리를 뽑으리라
“Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Inni ni guddataa? Inni akka goguuf buqqifamee iji isaa irraa harcaʼa mitii? Lataan isaa hundinuus ni goga. Hidda isaa wajjin isa buqqisuuf irree jabaa yookaan nama hedduu hin barbaachisu.
10 볼지어다 그것이 심겼으나 번성하겠느냐 동풍이 부딪힐 때에 아주 마르지 아니하겠느냐 그 자라던 두둑에서 마르리라 하셨다 하라
Inni utuma iddoo tokkoo buqqifamee iddoo biraa dhaabamee iyyuu ni guddataa? Inni yeroo bubbeen baʼa biiftuu itti bubbistutti lafa qotiisaa keessatti biqile sana irratti guutumaan guutuutti coollagee hin goguu?’”
11 여호와의 말씀이 또 내게 임하여 가라사대
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
12 너는 패역한 족속에게 묻기를 너희가 이 비유를 깨닫지 못하겠느냐 하고 그들에게 고하기를 바벨론 왕이 예루살렘에 이르러 왕과 방백을 사로잡아 바벨론 자기에게로 끌어가고
“Mana fincilaa kanaan, ‘Isin hiikkaa wantoota kanneenii hin beektanii?’ jedhi. Akkana isaaniin jedhi: ‘Mootiin Baabilon gara Yerusaalem dhaqee, mootii isheetii fi namoota ishee ulfaatoo fuudhee Baabilonitti deebiʼe.
13 그 왕족 중에 하나를 택하여 언약을 세우고 그로 맹세케 하고 또 그 땅의 능한 자들을 옮겨 갔나니
Ergasii immoo maatii mootichaa keessaa nama tokko fuudhee kakachiisuudhaan isa wajjin walii galtee uummate. Akkasumas namoota biyya sanaa jajjaboo fuudhee deeme;
14 이는 나라를 낮추어 스스로 서지 못하고 그 언약을 지켜야 능히 서게 하려 하였음이어늘
kunis akka mootummaan sun gad deebiʼee mataa ol qabachuu dadhabee walii galtee sana qofaan jiraachuu dandaʼuuf.
15 그가 사자를 애굽에 보내어 말과 군대를 구함으로 바벨론 왕을 배반하였으니 형통하겠느냐 이런 일을 행한 자가 피하겠느냐 언약을 배반하고야 피하겠느냐
Mootichi garuu fardeenii fi loltoota hedduu argachuuf jedhee ergamoota isaa Gibxitti ergachuudhaan isatti fincile. Inni amma ni milkaaʼaa? Namni waan akkanaa hojjetu ni miliqaa? Inni walii galtee sana cabsee jalaa baʼuu dandaʼaa?
16 나 주 여호와가 말하노라 내가 나의 삶을 두고 맹세하노니 바벨론 왕이 그를 왕으로 세웠거늘 그가 맹세를 업신여겨 언약을 배반하였은즉 그 왕의 거하는 곳 바벨론 중에서 왕과 함께 있다가 죽을 것이라
“‘Ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; inni Baabilon keessatti biyyuma mooticha teessoo irra isa kaaʼe kan inni kakuu isaa tuffatee walii galtee isaas cabse sanaa keessatti ni duʼa.
17 대적이 토성을 쌓으며 운제를 세우고 많은 사람을 멸절하려 할 때에 바로가 그 큰 군대와 많은 무리로도 그 전쟁에 그를 도와 주지 못하리라
Yeroo lubbuu hedduu galaafachuuf tuullaan biyyoo tuulamee daʼannoon ijaaramutti, Faraʼoon loltoota isaa jajjaboo fi tuuta nama baayʼee wajjin waraana keessatti homaa isa hin fayyadu.
18 그가 이미 손을 내어 밀어 언약하였거늘 맹세를 업신여겨 언약을 배반하고 이 모든 일을 행하였으니 피하지 못하리라
Inni walii galtee tuffatee kakuu cabse. Sababii walii galteedhaan harka dhaʼee garuu waan kana hunda hojjeteef inni hin baʼu.
19 그러므로 나 주 여호와가 말하노라 내가 나의 삶을 두고 맹세하노니 그가 내 맹세를 업신여기고 내 언약을 배반하였은즉 내가 그 죄를 그 머리에 돌리되
“‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani jiraataadhaatii, ani kakuu koo kan inni tuffatee fi walii galtee koo kan inni cabse sana matuma isaatti nan deebisa.
20 내 그물을 그 위에 베풀며 내 올무에 걸리게 하여 끌고 바벨론으로 가서 나를 반역한 그 반역을 거기서 국문할지며
Ani kiyyoo koo isaaf nan diriirsa; innis kiyyoo kootiin ni qabama. Sababii inni anaaf amanamuu dideef ani Baabilonitti isa geessee achitti isatti nan mura.
21 그 모든 군대에서 도망한 자들은 다 칼에 엎드러질 것이요 그 남은 자는 사방으로 흩어지리니 나 여호와가 이것을 말한 줄을 너희가 알리라
Loltoonni isaa kanneen baqatan hundinuu goraadeedhaan ajjeefamu; warri hafan immoo bubbeetti bittinneeffamu. Gaafas isin akka ani Waaqayyo dubbadhe ni beektu.
22 나 주 여호와가 말하노라 내가 또 백향목 꼭대기에서 높은 가지를 취하여 심으리라 내가 그 높은 새 가지 끝에서 연한 가지를 꺾어 높고 빼어난 산에 심되
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani mataan koo mataa birbirsaa irraa damee tokko kutee nan dhaaba; fiixee isaa irraa immoo lataa kichuu cabsee tulluu guddaa ol dheeraa tokko irra nan dhaaba.
23 이스라엘 높은 산에 심으리니 그 가지가 무성하고 열매를 맺어서 아름다운 백향목을 이룰 것이요 각양 새가 그 아래 깃들이며 그 가지 그늘에 거할지라
Anis ol dheerina tulluu Israaʼel irra isa nan dhaaba; inni immoo dameewwan yaafatee, ija naqatee birbirsa guddaa taʼa. Simbirroonni gosa hundaas isa irra jiraatu; isaanis gaaddisa dameewwan isaa jalatti iddoo bultii ni qabaatu.
24 들의 모든 나무가 나 여호와는 높은 나무를 낮추고 낮은 나무를 높이며 푸른 나무를 말리우고 마른 나무를 무성케 하는줄 알리라 나 여호와는 말하고 이루느니라 하라
Mukkeen bosonaa hundinuu akka ani Waaqayyo muka dheeraa gabaabsee muka gabaabaa immoo dheeressu ni beeku. Ani muka jiidhaa gogsee muka gogaa immoo akka inni lalisu nan godha. “‘Ani Waaqayyo dubbadheera; waan kana nan raawwadha.’”