< 1 Wathesalonike 5 >
1 Henu, kwa habari sya muda ni nyakati, ndhongo, iyelepi haja Kujo kenu kihoakela kiyandikibhwa kwa yhomo.
Egaa yaa obboloota, waaʼee barootaatii fi waaʼee waqtiilee waan tokko iyyuu isinii barreessuu nu hin barbaachisu;
2 kwa ndabha ya muenga mwayhomo mmanyili kiusahihi kujo magono gha Bwana ghihida kama mm'eji paihida pakilu.
akka guyyaan Gooftaa akkuma hattuutti halkaniin dhufu isinuu sirriitti beektuutii.
3 pala pabhijoba kuye” Amani ni usalama”, ndo pauhalibifu pawihida ghafula. Ndo kawawa ukamkabha mabhu mwenye luleme. bhabhiye puka hee kwa njela yioayela.
Utuma namoonni, “Nagaa dha; qabbanas” jedhanuu akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufu badiisni akka tasaa isaanitti dhufa; jalaas hin baʼan.
4 Lakini muenga, ndhongo muyelepi mukitita hata ligono elu libhahidilai Kama mm'eji.
Isin garuu yaa obboloota, akka guyyaan sun akkuma hattuutti isinitti hin dhufneef isin warra dukkana keessa jirtan miti.
5 Kwa ndabha muenga mwabhoa ni Bhana bha nuru ni bhana bha pamusi. Tete sio bhana bhapakilu au bhamkitita.
Isin hundi ijoollee ifaa ti; ijoollee guyyaatis. Nu warra halkanii yookaan warra dukkanaa miti.
6 Elu basu, tusigoni Kama bhamana kabhigona. Bali tukeshai ni kuya makini.
Egaa kottaa nu akka warra kaanii hin rafnuu; qooda kanaa kottaa ni dammaqnaa; of qabnas.
7 Kwa ndabha by bhabhigona bhigona pakilu na bhabigala bhigala pakilu.
Warri rafan halkaniin rafuutii; warri machaaʼanis halkaniin machaaʼu.
8 Kwa ndabha tete Ndo bhana bhapamusi, tuyelai makini. Tufwalai ngao ya imani ni upendo, na, kofia ya lichuma, ambayo ndo bhwokovu wa magono ghaghihida.
Nu garuu waan warra guyyaa taaneef kottaa amantii fi jaalala akka qomee sibiilaatti uffannee, abdii fayyinaa immoo akka qoobii sibiilaatti kaaʼannee of qabnaa.
9 Kwa ndabha kyala atuchaguililepi muandi kwajia ya gadhabu, bali kwakutupela bhuokovu kwa njela ya Bwana Yesu Kristu.
Waaqni akka nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin fayyina argannuuf malee dheekkamsaaf nu hin filanneetii.
10 Muene ndo atufwelili ili kwa ndabha, tukayelai mihu au tugonili, tulaishi pamonga ni muene.
Nu yoo dammaqne yookaan yoo rafne akka isa wajjin tokkummaan jiraannuuf inni nuuf duʼe.
11 Kwa hiyo, mjifalijiayi ni kujibhomba yhomo kwa yhomo, kama ambafyo kammalili kuketa.
Kanaafuu akkuma amma gochaa jirtan kana wal jajjabeessaa; wal ijaaraas.
12 Ndhongo, tukabhasoma mbhatambulai bhala bhahitumika miongoni mwa yhomo ni bhala bhabha yelae panani pa muenga kup'etela Bwana na bhabhi shauri bhala.
Egaa yaa obboloota, nu akka isin warra gidduu keessanitti cimanii hojjetan, kanneen karaa Gooftaatiin isin hooggananii fi isin gorsan sana kabajjan isin kadhanna.
13 Tukabhasoma kabhele mbhatambulai ni kubhapela heshima kwa upendo ndabha ya mbhombho yabhi. Muyela ni amani miongoni mwa yhomo.
Sababii hojii isaaniitiifis jaalalaan ulfina guddaa isaaniif kennaa. Nagaadhaanis walii wajjin jiraadhaa.
14 Tukabhasii, ndhongo: mubhaonyai bhabhilotalepi molimoli, mbhapelai miteema yabhakatili tamaa, mbhasaidilai bhabhayele bhayonge, muyelai mm'bhavumilivu kwa bhoa.
Yaa obboloota, nu akka isin warra hojii hojjechuu hin jaallanne akeekkachiiftan, sodaattota jajjabeessitan, dadhaboo gargaartan, akka nama hundumaafis obsitan isin gorsina.
15 Mulangai akotokuya munu yuoayola yailepa libaya kwa libaya kwa munu yuoayola. Badala yake, mfwanyai ghaghayele ni mema kwakila mmonga bhinu ni bhanu bhoa.
Akka namni tokko iyyuu waan hamaaf deebii hamaa hin deebifne of eeggadhaa; qooda kanaa yeroo hunda waliif, nama hundaafis waan gaarii gochuuf carraaqaa.
16 Muhobholelai magono ghoa.
Yeroo hunda gammadaa;
utuu gargar hin kutin kadhadhaa.
18 Munshukulai kyala kwa lijambo, kwandabha agha ghoa ndo mapenzi gha kyala kwayhomo kup'etela Yesu Kristu.
Haala hundumaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; fedhiin Waaqni Kiristoos Yesuusitti isiniif qabu kanaatii.
21 Mghajalibuayi mambo ghoa. Mlikamulai laliyele liyema.
waan hunda qoraa. Isa gaarii jabeessaatii qabadhaa.
22 Mjiyepusiayi kwa lalibhonekana kiuovu.
Hammina gosa hundumaa irraa fagaadhaa.
23 kyala wa amani abhakamilisiayi kup'etela utakatifu. Roho, nafsi ni mbhele vifunzibhwai papayehe ni mawaa kwa kuhida Bwana wayhoto Yesu Kristu.
Waaqni mataan isaa, Waaqni nagaa guutumaan guutuutti isin haa qulqulleessu. Hafuurri keessan, lubbuun keessanii fi dhagni keessan guutuun guyyaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti mudaa irraa haa eegaman.
24 Muene ya abhakutili ndo muaminifu, muene ndo wakuliketa.
Inni isin waamu sun amanamaa dha; waan kanas ni godha.
25 Ndhongo, mtusomelai kabhele.
Yaa obboloota, nuufis kadhadhaa.
26 Mbhasalimilai bhalongo bhoa kwa libusu lakitakatifu.
Dhungoo qulqulluudhaanis obboloota hunda nagaa gaafadhaa.
27 Nikabhasii kup'etela Bwana kuwa barua eye isomebhua you kwa bhalongo bhangu bhoa.
Ani akka xalayaan kun obboloota hundaaf dubbifamu fuula Gooftaa duratti isin ajaja.
28 Neema ya Bwana Yesu Kristu iyelai pamonga ni muenga.
Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isin wajjin haa taʼu.