< 詩篇 6 >
1 八音ある琴にあはせて伶長にうたはしめたるダビデのうた ヱホバよねがはくは忿恚をもて我をせめ烈しき怒をもて我をこらしめたまふなかれ
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Baganaadhaan faarfatamu. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu. Yaa Waaqayyo aarii keetiin na hin hifatin; yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.
2 ヱホバよわれを憐みたまへ われ萎みおとろふなり ヱホバよ我を醫したまへ わが骨わななきふるふ
Naa gameeraatii yaa Waaqayyo naaf araarami; lafeen koos jeeqameeraatii yaa Waaqayyo na fayyisi.
3 わが霊魂さへも甚くふるひわななく ヱホバよかくて幾何時をへたまふや
Lubbuun koo akka malee jeeqameera; kun hamma yoomiitti? Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti?
4 ヱホバよ歸りたまへ わがたましひを救ひたまへ なんぢの仁慈の故をもて我をたすけたまへ
Yaa Waaqayyo, deebiʼiitii lubbuu koo oolchi; araara keetiif jedhiitii na fayyisi.
5 そは死にありては汝をおもひいづることなし 陰府にありては誰かなんぢに感謝せん (Sheol )
Namni duʼe si hin yaadatu. Siiʼool keessatti eenyutu si galateeffata? (Sheol )
6 われ歎息にてつかれたり 我よなよな床をただよはせ涙をもてわが衾をひたせり
Ani aaduu kootiin bututeera. Halkan hunda booʼichaan siree koo nan dhiqa; imimmaaniinis iddoo ciisichaa koo nan tortorsa.
7 わが日うれへによりておとろへ もろもろの仇ゆゑに老ぬ
Iji koo gaddaan fajajeera; sababii diinota koo hundaatiifis dadhabeera.
8 なんぢら邪曲をおこなふ者ことごとく我をはなれよ ヱホバはわが泣こゑをききたまひたり
Warri hamaa hojjettan hundinuu narraa fagaadhaa; Waaqayyo sagalee booʼicha koo dhagaʼeeraatii.
9 ヱホバわが懇求をききたまへり ヱホバわが祈をうけたまはん
Waaqayyo waammata koo dhagaʼeera; Waaqayyo kadhannaa koo ni fudhata.
10 わがもろもろの仇ははぢて大におぢまどひ あわただしく恥てしりぞきぬ
Diinonni koo hundinuu haa qaanaʼan; akka malees haa rifatan; qaanii tasaatiinis of irra haa garagalan.