< ネヘミヤ 記 12 >
1 シヤルテルの子ゼルバベルおよびヱシユアと偕に上りきたりし祭司とレビ人は左のごとしセラヤ、ヱレミヤ、エズラ
Isaan kunneen lubootaa fi Lewwota warra Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeelii fi Iyyaasuu wajjin deebiʼanii dha: Seraayaa, Ermiyaas, Izraa,
Amariyaa, Maluuk, Haxuush,
Shekaaniyaa, Rehuum, Mereemooti,
Miyaamiin, Maʼaadiyaa, Bilgaa,
Shemaaʼiyaa, Yooyaariib, Yedaaʼiyaa,
7 サライ、アモク、ヒルキヤ、ヱダヤ是等の者はヱシユアの世に祭司およびその兄弟等の長たりき
Saʼaaluu, Aamoq, Hilqiyaa fi Yedaaʼiyaa. Warri kun bara Iyyaasuu keessa hooggantoota lubootaatii fi obboloota isaanii turan.
8 またレビ人はヱシユア、ビンヌイ、カデミエル、セレビヤ、ユダ、マツタニヤ、マツタニヤはその兄弟とともに感謝の事を掌どれり
Lewwonni immoo Yeeshuuʼaa, Binuuyii, Qadmiiʼeel, Sheereebiyaa, Yihuudaa akkasumas Mataaniyaa isa obboloota isaa wajjin faarfannaa galataatti itti gaafatamaa ture sana turan.
9 またその兄弟バクブキヤおよびウンノ之と相對ひて職務をなせり
Obboleeyyan isaanii Baqbuqiyaa fi Unniin yeroo tajaajilaatti fuullee isaanii dhadhaabachaa turan.
10 ヱシユア、ヨアキムを生みヨアキム、エリアシブを生みエリアシブ、ヨイアダを生み
Iyyaasuun abbaa Yooyaaqiim; Yooyaaqiim abbaa Eliyaashiib; Eliyaashiib abbaa Yooyaadaa ti;
11 ヨイアダ、ヨナタンを生みヨナタン、ヤドアを生り
Yooyaadaan abbaa Yoonaataan; Yoonaataan abbaa Yaaduʼaa ti.
12 ヨアキムの日に祭司等の宗家の長たりし者はセラヤの族にてはメラヤ、ヱレミヤの族にてはハナニヤ
Isaan kunneen bara Yooyaaqiim keessa abbootii maatiiwwan lubootaa turan: Maatii Seraayaa keessaa Meraayaa; maatii Ermiyaas keessaa Hanaaniyaa;
13 エズラの族にてはメシユラム、アマリヤの族にてはヨハナン
maatii Izraa keessaa Meshulaam; maatii Amariyaa keessaa Yehohaanaan;
14 マルキの族にてはヨナタンシ、シバニヤの族にてはヨセフ
maatii Maliikii keessaa Yoonaataan; maatii Shebaniyaa keessaa Yoosef;
15 ハリムの族にてはアデナ、メラヨテの族にてはヘルカイ
maatii Haariim keessaa Adinaa; maatii Meraayoot keessaa Helqaayi;
16 イドの族にではゼカリヤ、ギンネトン膳良にてはメシユラム
maatii Iddoo keessaa Zakkaariyaas; maatii Ginetoon keessaa Meshulaam;
17 アビヤの族にてはジクリ、ミニヤミンの族モアデヤの族にてはピルタイ
maatii Abiyaa keessaa Zikrii; maatii Miniyaamiinii fi kan Moʼaadiyaa keessaa Philxaayi;
18 ビルガの族にてはシヤンマ、シマヤの族にてはヨナタン
maatii Bilgaa keessaa Shamuuʼaa; maatii Shemaaʼiyaa keessaa Yoonaataan;
19 ヨヤリブの族にてはマツテナイ、ヱダヤの族にてはウジ
maatii Yooyaariib keessaa Matenaayi; maatii Yedaaʼiyaa keessaa Uzii;
20 サライの族にてはカライ、アモクの族にてはエベル
maatii Sheelaay keessaa Qaalaayi; maatii Aamoq keessaa Eeber;
21 ヒルキヤの族にてはハシヤビヤ、ヱダヤの族にてはネタンエル
maatii Hilqiyaa keessaa Hashabiyaa; maatii Yedaaʼiyaa keessaa Naatnaaʼel.
22 エリアシブ、ヨイアダ、ヨハナンおよびヤドアの日にレビ人の宗家の長等冊に録さる亦ペルシヤ王ダリヨスの治世に祭司等も然せらる
Abbootiin maatii Lewwotaa bara Eliyaashiib, Yooyaadaa, Yoohaanaanii fi bara Yaaduʼaa keessa akkasumas abbootiin maatii lubootaa bara mootummaa Daariyoos namicha Faares sanaa keessa galmeeffaman.
23 宗家の長たるレビ人はエリアシブの子ヨハナンの日まで凡て歴代志の書に記さる
Lewwonni warri abbootii maatii turan hamma bara Yoohaanaan ilma Eliyaashiibitti kitaaba seenaa keessatti galmeeffaman.
24 レビ人の長はハシヤビヤ、セレビヤおよびカデミエルの子ヱシユアなりその兄弟等これと相對ひて居る即ち彼らは班列と班列とあひむかひ居り神の人ダビデの命令に本づきて讃美と感謝とをつとむ
Hangafoonni Lewwotaas Hashabiyaa, Sheereebiyaa, Yeeshuʼaa ilma Qadmiiʼeel akkasumas obboloota isaanii warra akkuma Daawit namni Waaqaa sun ajajetti faarfannaa fi galata dhiʼeessuudhaaf fuullee isaanii dhaabatanii gareen tokko garee kaan jalaa qabu sana turan.
25 マツタニヤ、バクブキヤ、オバデヤ、メシユラム、タルモン、アツクブは門を守る者にして門の内の府庫を伺ひ守れり
Mataaniyaan, Baqbuqiyaan, Obaadiyaan, Meshulaam, Talmoonii fi Aquub mankuusaalee karrawwan bira jiran eegu turan.
26 是等はヨザダクの子ヱシユアの子ヨアキムの日に在り総督ネヘミヤおよび學士たる祭司エズラの日に在りし者なり
Isaanis bara Yooyaaqiim ilma Iyyaasuu, ilma Yoozaadaaq keessa, bara Nahimiyaa bulchaa biyyaatii fi bara Izraa lubicha barreessaa sanaa keessa tajaajilaa turan.
27 ヱルサレムの石垣の落成せし節會に当りてレビ人をその一切の處より招きてヱルサレムに來らせ感附と歌と鐃鈸と瑟と琴とをもて歓喜を盡してその落成の節會を行はんとす
Yeroo eebba dallaa Yerusaalemitti Lewwonni akka faarfannaa galataatiin, kililleedhaan, baganaa fi kiraaraan ayyaana eebbaa sana gammachuun ayyaaneffataniif iddoo jiraatan hundaa barbaadamanii gara Yerusaalem fidaman.
28 是において謳歌ふ徒輩ヱルサレムの周圍の窪地およびネトパ人の村々より集り來り
Faarfattoonnis biyya naannoo Yerusaalem jechuunis gandoota Netoofotaatii,
29 またベテギルガルおよびゲバとアズマウテとの野より集り來れりこの謳歌者等はヱルサレムの周圍に己の村々を建たりき
Beet Gilgaalii, naannoo Gebaatii fi Azmaawetitti walitti fidaman; faarfattoonni naannoo Yerusaalemitti gandoota ofii isaanii ijaarratanii turaniitii.
30 茲に祭司およびレビ人身を潔めまた民および諸の門と石垣とを潔めければ
Luboonnii fi Lewwonnis erga akka seeraatti of qulqulleessanii booddee saba, karrawwanii fi dallaa sana qulqulleessan.
31 我すなはちユダの牧伯等をして石垣の上に上らしめ又二の大なる隊を作り設けて之に感謝の詞を唱へて並進ましむ即ちその一は糞の門を指て石垣の上を右に進めり
Anis akka hooggantoonni Yihuudaa dallaatti ol baʼan nan godhe. Akkasumas akka isaan galata dhiʼeessaniif tuuta faarfattootaa lama nan ramade. Tuunni tokko karaa mirgaatiin dallaa irraan gara Karra Dikee dhaqe.
32 その後につきて進める者はホシヤヤおよびユダの牧伯の半
Hooshaʼiyaa fi hooggantoota Yihuudaa keessaa walakkaan,
Azaariyaa, Izraa, Meshulaam,
Yihuudaa, Beniyaam, Shemaaʼiyaa fi Ermiyaas wajjin isaan duukaa buʼan;
35 又祭司の徒數人喇叭を吹て伴ふあり即ちヨナタンの子ゼカリヤ、ヨナタンはシマヤの子シマヤはマツタニヤの子マツタニヤはミカヤの子ミカヤはザツクルの子ザツクルはアサフの子なり
akkasumas luboonni malakata qabatan tokko tokkoo fi Zakkaariyaas ilmi Yoonaataan, ilmi Shemaaʼiyaa, ilmi Mataaniyaa, Miikaayaa, ilmi Zakuur, ilmi Asaaf isaan duukaa buʼan;
36 またゼカリヤの兄弟シマヤ、アザリエル、ミラライ、ギラライ、マアイ、ネタンエル、ユダ、ハナニ等ありて神の人ダビデの樂器を執り學士エズラこれに先だつ
amma illee obboloota isaa jechuunis Shemaaʼiyaan, Azariʼeel, Miilaalaayi, Gilaalayi, Maaʼayi, Naatnaaʼel, Yihuudaa fi Hanaaniim akkuma Daawit namni Waaqaa sun ajajetti meeshaa faarfannaa fudhatanii dhaqan. Izraan barreessaan sun immoo isaan hoogganaa ture.
37 而して彼ら泉の門を経ただちに進みて石垣の上口に於てダビデの城の段階より登りダビデの家の土を過て東の方水の門に至れり
Isaanis Karra Burqaa biraa kaʼanii gulantaawwan Magaalaa Daawit iddoo dallaan ittiin ol kaʼu sanaan mana Daawit irraan qajeelanii gara Karra Bishaanii kan gama baʼa biiftuutti ol baʼan.
38 また今一隊の感謝する者は彼らに対ひて進み我は民の半とともにその後に從がへり而して皆石垣の上を行き爐戌樓の上を過て石垣の廣き處にいたり
Tuunni faarfattootaa lammaffaan immoo gara bitaatti qajeele. Anis gartokkee sabaa wajjin dallaa gubbaadhaan gara Gamoo ol dheeraa Iddoo Ibiddaatii fi Dallaa Balʼaatti isaan duukaa buʼe;
39 エフライムの門の上を通り舊門を過ぎ魚の門およびハナニエルの戌樓とハンメアの戌樓を過て羊の門に至り牢の門に立どまれり
akkasumas ani Karra Efreem irraan, karaa Karra Moofaa, karaa Karra Qurxummii, karaa Gamoo ol dheeraa Hanaaniʼeelii fi Karaa Gamoo ol dheeraa Dhibbaatiin hamma Karra Hoolotaatti isaan duukaa nan buʼe. Isaanis Karra Eegdotaa bira gaʼanii dhaabatan.
40 かくて二隊の感謝する者神の室にいりて立り我もそこにたち牧伯等の半われと偕にありき
Tuunni faarfattootaa kan galata dhiʼeesse sun lachuu mana Waaqaa keessatti iddoo isaa qabate; anis qondaaltota gartokko wajjin iddoo nan qabadhe;
41 また祭司エリアキム、マアセヤ、ミニヤミン、ミカヤ、エリヨエナイ、ゼカリヤ、ハナニヤ等喇叭を執て居り
amma illee luboonni jechuunis Eliiyaaqiim, Maʼaseyaan, Miiniyaamiin, Miikaayaan, Eliiyooʼeenayin, Zakkaariyaasii fi Hanaaniyaan malakata isaanii qabatanii
42 マアセヤ、シマヤ、エレアザル、ウジ、ヨナハン、マルキヤ、エラム、エゼル之と偕にあり謳歌ふ者聲高くうたへりヱズラヒヤはその監督なりき
Maʼaseyaan, Shemaaʼiyaan, Eleʼaazaar, Ooziin, Yehohaanaaniin, Malkiyaan, Eelaamii fi Eezer iddoo iddoo isaanii qabatan. Faarfattoonni immoo Yizrahiyaadhaan qajeelfamanii faarfatan.
43 斯してその日みな大なる犠牲を献げて喜悦を盡せり其は神かれらをして大に喜こび樂ませたまひたればなり婦女小兒までも喜悦り是をもてヱルサレムの喜悦の聲とほくまで聞えわたりぬ
Isaanis sababii Waaqni gammachuu guddaa isaaniif kenneef gaafas gammadaa aarsaa guddaa dhiʼeessan. Dubartoonnii fi ijoolleenis ni gammadan. Sagaleen gammachuu Yerusaalem keessaas fagootti dhagaʼame.
44 その日府庫のすべての室を掌どるべき人々を撰びて挙祭の品初物および什一など律法に定むるところの祭司とレビ人との分を邑々の田圃に准ひて取あつめてすべての室にいるることを掌どらしむ是は祭司およびレビ人の立て奉ふるをユダ人喜こびたればなり
Yeroo sanatti namoonni mankuusaalee gumaachi, mataan midhaaniitii fi kennaan harka kudhan keessaa tokkoo itti galfamu irratti itti gaafatamtoota taʼanii muudaman. Isaanis lafa qotiisaa naannoo magaalaawwanitti argaman irraa qooda Seerri lubootaa fi Lewwotaaf ajaju sana fidanii mankuusaaleetti galchan; Yihuudaan lubootaa fi Lewwota tajaajilanitti gammadee tureetii.
45 彼らは神の職守および潔齋の職守を勤む謳歌者および門を守る者も然り皆ダビデとその子ソロモンの命令に依る
Isaanis tajaajila Waaqa isaaniitii fi tajaajila sirna qulqullessuu sana akkuma faarfattoonnii fi eegdonni karraa godhan sana akkuma Daawitii fi ilmi isaa Solomoon ajajanitti raawwatan.
46 在昔ダビデおよびアサフの日には謳歌者の長一人ありて神に讃美感謝をたてまつる事ありき
Jabana durii bara Daawitii fi Asaaf keessa qajeelchitoota faarfattootaa, kan faarfannaa Waaqa leellisuutii fi kan Waaqa galateeffachuutu tureetii.
47 またゼルバベルの日およびネヘミヤの日にはイスラエル人みな謳歌者と門を守る者に日々の分を與へまたレビ人に物を聖別て與ヘレビ人またこれを聖別てアロンの子孫に與ふ
Kanaafuu bara Zarubaabelii fi bara Nahimiyaa keessa Israaʼeloonni hundi qooda guyyuma guyyaadhaan faarfattootaa fi karra eegdotaaf barbaachisu kennan. Akkasumas Lewwota kaaniif qooda isaanii kophaatti baasan; Lewwonnis qooda sanyiiwwan Aroon kophaatti baasan.