< 詩篇 95 >

1 さあ、われらは主にむかって歌い、われらの救の岩にむかって喜ばしい声をあげよう。
Kottaa Waaqayyoof faarfannaa; Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa.
2 われらは感謝をもって、み前に行き、主にむかい、さんびの歌をもって、喜ばしい声をあげよう。
Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu; faarfannaadhaanis isa haa leellifnu.
3 主は大いなる神、すべての神にまさって大いなる王だからである。
Waaqayyo Waaqa guddaadhaatii; inni waaqota hundaa olitti Mootii guddaa dha.
4 地の深い所は主のみ手にあり、山々の頂もまた主のものである。
Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru; fiixeewwan tulluus kan isaa ti.
5 海は主のもの、主はこれを造られた。またそのみ手はかわいた地を造られた。
Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii; lafa gogaa illee harka isaatu uume.
6 さあ、われらは拝み、ひれ伏し、われらの造り主、主のみ前にひざまずこう。
Kottaa gad jennee sagadnaa; Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa;
7 主はわれらの神であり、われらはその牧の民、そのみ手の羊である。どうか、あなたがたは、きょう、そのみ声を聞くように。
inni Waaqa keenyaatii; nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha; bushaayee harka isaa keessa jiruudhas. Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan,
8 あなたがたは、メリバにいた時のように、また荒野のマッサにいた日のように、心をかたくなにしてはならない。
akka Mariibaatti gootan sana, akka gaafa gammoojjii keessatti Maasaatti gootan sanaa mataa hin jabaatinaa;
9 あの時、あなたがたの先祖たちはわたしのわざを見たにもかかわらず、わたしを試み、わたしをためした。
abbootiin keessan utuma hojii koo arganuu, achitti qoranii na ilaalan.
10 わたしは四十年の間、その代をきらって言った、「彼らは心の誤っている民であって、わたしの道を知らない」と。
Dhaloota sanatti ani waggaa afurtama nan dheekkame; anis, “Isaan saba garaan isaanii karaa irraa jalʼatee dha; isaan karaa koo hin beekne” nan jedheen.
11 それゆえ、わたしは憤って、彼らはわが安息に入ることができないと誓った。
Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, “Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedhee kakadhe.

< 詩篇 95 >