< 詩篇 27 >

1 ダビデの歌 主はわたしの光、わたしの救だ、わたしはだれを恐れよう。主はわたしの命のとりでだ。わたしはだれをおじ恐れよう。
Faarfannaa Daawit. Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti; ani eenyunan sodaadha? Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti; eenyutu na sodaachisa?
2 わたしのあだ、わたしの敵である悪を行う者どもが、襲ってきて、わたしをそしり、わたしを攻めるとき、彼らはつまずき倒れるであろう。
Namoonni hamoon yommuu foon koo nyaachuudhaaf natti dhufan, diinonni koo fi amajaajonni koo yommuu na miidhuuf natti kaʼan, gufatanii kufu.
3 たとい軍勢が陣営を張って、わたしを攻めても、わたしの心は恐れない。たといいくさが起って、わたしを攻めても、なおわたしはみずから頼むところがある。
Yoo duulli na marse illee, garaan koo hin sodaatu; yoo waraanni natti baname illee ani hin raafamu.
4 わたしは一つの事を主に願った、わたしはそれを求める。わたしの生きるかぎり、主の家に住んで、主のうるわしきを見、その宮で尋ねきわめることを。
Ani waan tokko Waaqayyoon nan kadhadha; waan kanas nan barbaada: Kunis bara jireenya kootii guutuu mana Waaqayyoo keessa jiraachuu, miidhagina Waaqayyoo ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa keessatti isa kadhachuu dha.
5 それは主が悩みの日に、その仮屋のうちにわたしを潜ませ、その幕屋の奥にわたしを隠し、岩の上にわたしを高く置かれるからである。
Inni guyyaa rakkinaa iddoo ofii jiraatu na kaaʼataatii; daʼoo dunkaana isaa jala na dhoksa; kattaa gubbaattis ol na baasa.
6 今わたしのこうべはわたしをめぐる敵の上に高くあげられる。それゆえ、わたしは主の幕屋で喜びの声をあげて、いけにえをささげ、歌って、主をほめたたえるであろう。
Yommus diinota na marsanii olitti mataan koo ol jedha; dunkaana isaa keessatti illee ililleedhaan aarsaa nan dhiʼeessa; Waaqayyoof nan faarfadha; nan weeddisas.
7 主よ、わたしが声をあげて呼ばわるとき、聞いて、わたしをあわれみ、わたしに答えてください。
Yaa Waaqayyo, yommuu ani si waammadhu, sagalee koo dhagaʼi; naaf araarami; deebiis naaf kenni.
8 あなたは仰せられました、「わが顔をたずね求めよ」と。あなたにむかって、わたしの心は言います、「主よ、わたしはみ顔をたずね求めます」と。
Yommuu ati, “Fuula koo barbaadaa!” jettetti, garaan koo, “Yaa Waaqayyo, ani fuula kee nan barbaada” siin jedha.
9 み顔をわたしに隠さないでください。怒ってあなたのしもべを退けないでください。あなたはわたしの助けです。わが救の神よ、わたしを追い出し、わたしを捨てないでください。
Fuula kee na duraa hin dhoksin; aartee tajaajilaa kee of irraa hin deebisin; ati gargaaraa koo taateerta. Yaa Waaqayyo, Fayyisaa ko, na hin gatin; na hin dhiisinis.
10 たとい父母がわたしを捨てても、主がわたしを迎えられるでしょう。
Yoo abbaan kootii fi haati koo na dhiisan illee, Waaqayyo na simata.
11 主よ、あなたの道をわたしに教え、わたしのあだのゆえに、わたしを平らかな道に導いてください。
Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi; sababii ani diinota baayʼee qabuuf daandii qajeelaa irra na buusi.
12 わたしのあだの望むがままに、わたしを引き渡さないでください。偽りのあかしをする者がわたしに逆らって起り、暴言を吐くからです。
Fedhii diinota kootiitti dabarsitee na hin kennin; dhuga baatonni sobduun narratti kaʼaniiruutii; isaanis hafuura jalʼinaa baafatu.
13 わたしは信じます、生ける者の地でわたしは主の恵みを見ることを。
Anis biyya jiraattotaa keessatti gaarummaa Waaqayyoo akkan argu amma iyyuu nan amana.
14 主を待ち望め、強く、かつ雄々しくあれ。主を待ち望め。
Waaqayyoon eeggadhu; cimi; jabaadhus; Waaqayyoon eeggadhu.

< 詩篇 27 >