< 箴言 知恵の泉 15 >

1 柔かい答は憤りをとどめ、激しい言葉は怒りをひきおこす。
Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa; jechi hamaan garuu aarii kakaasa.
2 知恵ある者の舌は知識をわかち与え、愚かな者の口は愚かを吐き出す。
Arrabni nama ogeessaa beekumsa jaja; afaan nama gowwaa garuu gowwummaa dhangalaasa.
3 主の目はどこにでもあって、悪人と善人とを見張っている。
Iji Waaqayyoo idduma hunda jira; nama hamaa fi gaariis ni toʼata.
4 優しい舌は命の木である、乱暴な言葉は魂を傷つける。
Arrabni fayyina fidu muka jireenyaa ti; arrabni sobu garuu hafuura cabsa.
5 愚かな者は父の教訓を軽んじる、戒めを守る者は賢い者である。
Gowwaan adabbii abbaa isaa tuffata; namni sirreeffama fudhatu kam iyyuu garuu qalbii qabeessa.
6 正しい者の家には多くの宝がある、悪しき者の所得には煩いがある。
Manni nama qajeelaa badhaadhummaa guddaa qaba; galiin nama hamaa garuu rakkoo isatti fida.
7 知恵ある者のくちびるは知識をひろめる、愚かな者の心はそうでない。
Arrabni nama ogeessaa beekumsa facaasa; garaan nama gowwaa garuu akkas miti.
8 悪しき者の供え物は主に憎まれ、正しい者の祈は彼に喜ばれる。
Waaqayyo aarsaa hamootaa ni balfa; kadhannaan tolootaa garuu isa gammachiisa.
9 悪しき者の道は主に憎まれ、正義を求める者は彼に愛せられる。
Waaqayyo karaa hamootaa ni balfa; warra qajeelummaa duukaa buʼan garuu ni jaallata.
10 道を捨てる者には、きびしい懲しめがあり、戒めを憎む者は死に至る。
Nama daandii irraa jalʼatu adabbii hamaatu isa eeggata; kan sirreeffama jibbu ni duʼa.
11 陰府と滅びとは主の目の前にあり、人の心はなおさらである。 (Sheol h7585)
Duʼaa fi Badiisni fuula Waaqayyoo duratti beekamoo dha; yoos garaan namaa hammam caalaa haa beekamu ree! (Sheol h7585)
12 あざける者は戒められることを好まない、また知恵ある者に近づかない。
Namni qoosu sirreeffama hin jaallatu; nama ogeessaanis hin mariʼatu.
13 心に楽しみがあれば顔色も喜ばしい、心に憂いがあれば気はふさぐ。
Garaan gammadu akka fuulli ifu godha; gaddi garaa garuu hafuura cabsa.
14 さとき者の心は知識をたずね、愚かな者の口は愚かさを食物とする。
Garaan waa qalbeeffatu beekumsa barbaada; afaan gowwaa garuu gowwummaa nyaata.
15 悩んでいる者の日々はことごとくつらく、心の楽しい人は常に宴会をもつ。
Barri nama hacuucamee guutumaan guutuutti gadadoo dha; garaa gammaduuf garuu guyyaan hundinuu cidha.
16 少しの物を所有して主を恐れるのは、多くの宝をもって苦労するのにまさる。
Qabeenya guddaa rakkina of keessaa qabuu mannaa, Waaqayyoon sodaachaa waan xinnaa qabaachuu wayya.
17 野菜を食べて互に愛するのは、肥えた牛を食べて互に憎むのにまさる。
Jibbaan cooma sangaa nyaachuu mannaa, jaalalaan raafuu nyaachuu wayya.
18 憤りやすい者は争いをおこし、怒りをおそくする者は争いをとどめる。
Namni dafee aaru lola kakaasa; namni obsa qabu garuu lola qabbaneessa.
19 なまけ者の道には、いばらがはえしげり、正しい者の道は平らかである。
Karaan nama dhibaaʼaa qoraattiidhaan cufama; daandiin tolootaa garuu karaa diriiraa dha.
20 知恵ある子は父を喜ばせる、愚かな人はその母を軽んじる。
Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa; namni gowwaan garuu haadha isaa tuffata.
21 無知な者は愚かなことを喜び、さとき者はまっすぐに歩む。
Nama qalbii hin qabne gowwummaatu isa gammachiisa; namni hubataan garuu daandii qajeelaa irra deema.
22 相はかることがなければ、計画は破れる、はかる者が多ければ、それは必ず成る。
Karoorri gorsa hin qabne fiixaan hin baʼu; garuu gorsitoota hedduudhaan ni milkaaʼa.
23 人は口から出る好ましい答によって喜びを得る、時にかなった言葉は、いかにも良いものだ。
Namni tokko deebii malu kennuudhaan gammachuu argata; dubbiin yeroo isaatti dubbatamu akkam gaarii dha!
24 知恵ある人の道は上って命に至る、こうしてその人は下にある陰府を離れる。 (Sheol h7585)
Daandiin nama hubataa akka inni siiʼoolitti gad hin buuneef gara jireenyaatti ol isa baasa. (Sheol h7585)
25 主は高ぶる者の家を滅ぼし、やもめの地境を定められる。
Waaqayyo mana nama of tuuluu ni diiga; daangaa haadha hiyyeessaa garuu ni dhaaba.
26 悪人の計りごとは主に憎まれ、潔白な人の言葉は彼に喜ばれる。
Waaqayyo yaada nama hamaa ni balfa; yaadni nama qulqulluu garuu isa gammachiisa.
27 不正な利をむさぼる者はその家を煩らわせる、まいないを憎む者は生きながらえる。
Namni doqni maatii isaatti rakkina fida; kan mattaʼaa jibbu garuu ni jiraata.
28 正しい者の心は答えるべきことを考える、悪しき者の口は悪を吐き出す。
Garaan nama qajeelaa haala ittiin deebii kennu yaada; afaan nama hamaa garuu hammina dhangalaasa.
29 主は悪しき者に遠ざかり、正しい者の祈を聞かれる。
Waaqayyo nama hamaa irraa fagoo jira; kadhannaa nama qajeelaa garuu ni dhagaʼa.
30 目の光は心を喜ばせ、よい知らせは骨を潤す。
Fuulli ifaan garaa gammachiisa; oduun gaariinis lafee haaromsa.
31 ためになる戒めを聞く耳をもつ者は、知恵ある者の中にとどまる。
Namni adabbii jireenya kennu dhaggeeffatu, ogeeyyii gidduu jiraata.
32 教訓を捨てる者はおのれの命を軽んじ、戒めを重んじる者は悟りを得る。
Namni adabbii tuffatu ofuma tuffata; kan sirreeffama fudhatu garuu hubannaa argata.
33 主を恐れることは知恵の教訓である、謙遜は、栄誉に先だつ。
Waaqayyoon sodaachuun ogummaa nama barsiisa; gad of qabuunis ulfina dura dhufa.

< 箴言 知恵の泉 15 >