< レビ記 5 >

1 もし人が証人に立ち、誓いの声を聞きながら、その見たこと、知っていることを言わないで、罪を犯すならば、彼はそのとがを負わなければならない。
“‘Namni tokko yoo waan nama kakachiisu dhagaʼee waaʼee waan arge yookaan beeku sanaa dhugaa baʼuu diduudhaan cubbuu hojjete inni itti gaafatama.
2 また、もし人が汚れた野獣の死体、汚れた家畜の死体、汚れた這うものの死体など、すべて汚れたものに触れるならば、そのことに気づかなくても、彼は汚れたものとなって、とがを得る。
“‘Yookaan namni tokko yoo waan akka seeraatti xuraaʼaa taʼe jechuunis raqa bineensa xuraaʼaa yookaan horii xuraaʼaa yookaan uumamawwan xuraaʼoo kanneen lafa irra munyuuqanii utuu hin beekin tuqe inni xuraaʼeera; yakka qabeessas taʼa.
3 また、もし彼が人の汚れに触れるならば、その人の汚れが、どのような汚れであれ、それに気づかなくても、彼がこれを知るようになった時は、とがを得る。
Yookaan inni yoo xuraaʼummaa namaa jechuunis waan isa xureessu kam iyyuu utuu hin beekin tuqe, yommuu waan sana beeketti yakka qabeessa taʼa.
4 また、もし人がみだりにくちびるで誓い、悪をなそう、または善をなそうと言うならば、その人が誓ってみだりに言ったことは、それがどんなことであれ、それに気づかなくても、彼がこれを知るようになった時は、これらの一つについて、とがを得る。
Yookaan namni yoo utuu itti hin yaadin waan gaarii yookaan hamaa gochuuf kakate, waaʼee waan utuu itti hin yaadin kakate sanaa beekuu baatu illee maalumaafuu yommuu waan sana beeketti inni yakka qabeessa taʼa.
5 もしこれらの一つについて、とがを得たときは、その罪を犯したことを告白し、
Inni yoo karaa kanneen keessaa tokkoon iyyuu yakka qabeessa taʼe karaa kamiin akka hojjete haa himatu;
6 その犯した罪のために償いとして、雌の家畜、すなわち雌の小羊または雌やぎを主のもとに連れてきて、罪祭としなければならない。こうして祭司は彼のために罪のあがないをするであろう。
adaba cubbuu hojjete sanaatiifis akka aarsaa cubbuu isaaf taatuuf bushaayee keessaa hoolaa yookaan reʼee dhaltuu Waaqayyoof haa fidu; lubnis cubbuu namichaatiif aarsaa araaraa haa dhiʼeessu.
7 もし小羊に手のとどかない時は、山ばと二羽か、家ばとのひな二羽かを、彼が犯した罪のために償いとして主に携えてきて、一羽を罪祭に、一羽を燔祭にしなければならない。
“‘Namichi sun cubbuu hojjeteef hoolaa dhiʼeessuutti harka qalleessa yoo taʼe adabbii cubbuu isaatiif gugee lama yookaan gugee sosookkee lama, tokko aarsaa cubbuutiif tokko immoo aarsaa gubamuuf Waaqayyoof haa fidu.
8 すなわち、これらを祭司に携えてきて、祭司はその罪祭のものを先にささげなければならない。すなわち、その頭を首の根のところで、摘み破らなければならない。ただし、切り離してはならない。
Lubattis isaan haa fidu; lubni immoo kan aarsaa cubbuutiif taatu duraan dursee haa dhiʼeessu. Innis mataa ishee micciiree morma ishee haa cabsu; garuu irraa hin kutin.
9 そしてその罪祭の血を祭壇の側面に注ぎ、残りの血は祭壇のもとに絞り出さなければならない。これは罪祭である。
Dhiiga aarsaa cubbuu sana irraa fuudhee cinaacha iddoo aarsaatti haa facaasu; dhiigni hafe immoo miilla iddoo aarsaa jalatti haa dhangalaafamu; kun aarsaa cubbuu ti.
10 また第二のものは、定めにしたがって燔祭としなければならない。こうして、祭司が彼のためにその犯した罪のあがないをするならば、彼はゆるされるであろう。
Ergasiis lubichi akkuma ajajametti kan lammaffaa sana aarsaa gubamu godhee cubbuu namichi hojjeteef aarsaa araaraa haa dhiʼeessu; innis dhiifama argata.
11 もし二羽の山ばとにも、二羽の家ばとのひなにも、手の届かないときは、彼の犯した罪のために、供え物として麦粉十分の一エパを携えてきて、これを罪祭としなければならない。ただし、その上に油をかけてはならない。またその上に乳香を添えてはならない。これは罪祭だからである。
“‘Namichi sun yoo gugee lama yookaan gugee sosookkee lama dhiʼeessuutti harka qalleessa taʼe inni cubbuu hojjete sanaaf daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo keessaa harka kurnaffaa aarsaa cubbuutiif haa dhiʼeessu. Sababii wanni kun aarsaa cubbuu taʼeef namichi zayitii yookaan ixaana itti hin dabalin.
12 彼はこれを祭司のもとに携えて行き、祭司は一握りを取って、記念の分とし、これを主にささげる火祭のように、祭壇の上で焼かなければならない。これは罪祭である。
Innis lubatti haa fidu; lubichi immoo konyee tokko irraa fuudhee akka kutaa yaadannoo tokkootti aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffame gubbaatti iddoo aarsaa irratti haa gubu; kun aarsaa cubbuu ti.
13 こうして、祭司が彼のため、すなわち、彼がこれらの一つを犯した罪のために、あがないをするならば、彼はゆるされるであろう。そしてその残りは素祭と同じく、祭司に帰するであろう』」。
Lubichis haala kanaan cubbuu namichi hojjeteef araara buusa; innis dhiifama argata. Aarsaan hafe immoo akkuma aarsaa midhaaniitti kan lubichaa taʼa.’”
14 主はまたモーセに言われた、
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
15 「もし人が不正をなし、あやまって主の聖なる物について罪を犯したときは、その償いとして、あなたの値積りにしたがい、聖所のシケルで、銀数シケルに当る雄羊の全きものを、群れのうちから取り、それを主に携えてきて、愆祭としなければならない。
“Namni yoo seera cabsee utuu hin beekin waan Waaqayyoof qulqulleeffame kam iyyutti cubbuu hojjete inni adabbii cubbuu isaatiif bushaayee keessaa korbeessa hoolaa kan hirʼina hin qabne kan gatiin isaa akka saqilii iddoo qulqulluutti meetiidhaan tilmaamame tokko aarsaa yakkaa godhee Waaqayyoof haa fidu; kun aarsaa yakkaa ti.
16 そしてその聖なる物について犯した罪のために償いをし、またその五分の一をこれに加えて、祭司に渡さなければならない。こうして祭司がその愆祭の雄羊をもって、彼のためにあがないをするならば、彼はゆるされるであろう。
Namichi sunis waan wantoota qulqulluu irraa hirʼise sana iddoo haa buusu; gatii waan sanaa illee harka shan keessaa harka tokko itti dabalee hunda isaa lubatti haa kennu; lubni sunis korbeessa hoolaa aarsaa yakkaatiif dhiʼeeffame sanaan araara buusaaf; innis dhiifama argata.
17 また人がもし罪を犯し、主のいましめにそむいて、してはならないことの一つをしたときは、たといそれを知らなくても、彼は罪を得、そのとがを負わなければならない。
“Namni yoo cubbuu hojjetee waan ajajawwan Waaqayyoo keessatti dhowwame hojjete, inni yoo beekuu baate illee yakka qabeessa taʼeera; itti gaafatamas.
18 彼はあなたの値積りにしたがって、雄羊の全きものを群れのうちから取り、愆祭としてこれを祭司のもとに携えてこなければならない。こうして、祭司が彼のために、すなわち彼が知らないで、しかもあやまって犯した過失のために、あがないをするならば、彼はゆるされるであろう。
Innis akka tilmaama keetiitti bushaayee keessaa korbeessa hoolaa hirʼina hin qabne tokko aarsaa yakkaa godhee lubatti haa fidu. Lubichis haaluma kanaan yakka namichi utuu hin beekin hojjeteef araara buusa; innis dhiifama argata.
19 これは愆祭である。彼は確かに主の前にとがを得たからである」。
Kun aarsaa yakkaa ti; namichi sun Waaqayyotti yakka hojjeteera.”

< レビ記 5 >