< エレミヤ書 39 >

1 ユダの王ゼデキヤの九年十月、バビロンの王ネブカデレザルはその全軍を率い、エルサレムに来てこれを攻め囲んだが、
Akki Yerusaalem itti fudhatamte kana ture: Bara Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaa keessa jiʼa kurnaffaa waggaa saglaffaatti, Nebukadnezar mootichi Baabilon loltoota isaa hunda wajjin duulee Yerusaalemin marse.
2 ゼデキヤの十一年四月九日になって町の一角が破れた。
Bara Zedeqiyaa keessa bultii saglaffaa jiʼa afuraffaa waggaa kudha tokkoffaatti, dallaan magaalaa sanaa ni cabsame.
3 エルサレムが取られたので、バビロンの王のつかさたち、すなわちネルガル・シャレゼル、サムガル・ネボ、ラブサリスのサルセキム、ラブマグのネルガル・シャレゼルおよびバビロンの王のその他のつかさたちは皆ともに来て中の門に座した。
Ergasii qondaaltonni mootii Baabilon hundi dhufanii Karra Giddu Galeessa dura tataaʼan; isaanis Nergaal-Sharezer namicha Samgaar, Neboo-Sarsekiim ajajaa hangafa, Nergaal-Sharezer shuumii hangafaa fi qondaaltota mootii Baabilon hundaa dha.
4 ユダの王ゼデキヤとすべての兵士たちはこれを見て逃げ、夜のうちに、王の庭園の道を通って、二つの城壁の間の門から町を出て、アラバの方へ行ったが、
Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaatii fi loltoonni hundi yommuu jara arganitti ni baqatan; isaanis halkaniin karaa biqiltuu mootichaatiin magaalaa keessaa baʼanii karra dallaa lamaan gidduutiin gara Arabbaatti qajeelan.
5 カルデヤびとの軍勢はこれを追って、エリコの平地でゼデキヤに追いつき、これを捕えて、ハマテの地リブラにいるバビロンの王ネブカデレザルのもとに引いて行ったので、王はそこで彼の罪をさだめた。
Loltoonni Baabilonotaa garuu isaan ariʼanii dirree Yerikoo irratti Zedeqiyaa in qaqqaban. Isaanis isa qabanii Riiblaa Hamaati keessatti gara Nebukadnezar mooticha Baabilonitti geessan; mootichis achitti isatti mure.
6 バビロンの王はリブラで、ゼデキヤの子たちを彼の目の前で殺した。バビロンの王はまたユダのすべての貴族たちを殺した。
Mootiin Baabilonis achuma Riiblaatti ijuma isaa duratti ilmaan Zedeqiyaa gorraʼee namoota Yihuudaa bebeekamoo hundas ajjeese.
7 王はまたゼデキヤの目をつぶさせ、彼をバビロンに引いて行くために、鎖につないだ。
Innis ergasii Zedeqiyaa keessaa ija isaa baasee Baabilonitti isa geessuuf foncaa naasiitiin isa hidhe.
8 またカルデヤびとは王宮と民家を火で焼き、エルサレムの城壁を破壊した。
Baabilononnis masaraa mootiitii fi manneen sabaatti ibidda qabsiisanii dallaa Yerusaalem diigan.
9 そして侍衛の長ネブザラダンは町のうちに残っている民と、自分に降伏した者、およびその他の残っている民をバビロンに捕え移した。
Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa, namoota magaalaa keessatti hafan, namoota isatti harka kennatanii fi namoota kaan wajjin boojiʼee Baabilonitti geesse.
10 しかし侍衛の長ネブザラダンは、民の貧しい無産者をユダの地に残し、同時にぶどう畑と田地をこれに与えた。
Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun garuu hiyyeeyyii homaa hin qabne tokko tokko biyya Yihuudaatti hambise; innis yeroo sanatti iddoo dhaabaa wayiniitii fi lafa qotiisaa kenneef.
11 さてバビロンの王ネブカデレザルはエレミヤの事について侍衛の長ネブザラダンに命じて言った、
Nebukadnezar mootichi Baabilon akkana jedhee karaa Nebuzaradaan ajajaa eegumsaa sanaatiin waaʼee Ermiyaas ajaja kenne:
12 「彼をとり、よく世話をせよ。害を加えることなく、彼があなたに言うようにしてやりなさい」。
“Isa fuudhiitii akka gaarii kunuunsi; waan inni barbaadu kam iyyuu godhiif malee isa hin miidhin.”
13 そこで侍衛の長ネブザラダン、ラブサリスのネブシャズバン、ラブマグのネルガル・シャレゼル、およびバビロンの王のつかさたちは、
Kanaafuu Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Nebuushazbaan shuumiin hangafti, Nergaal-Sharezer shuumiin ol aanaan, akkasumas qondaaltonni mootii Baabilon kaan hundi
14 人をつかわして、エレミヤを監視の庭から連れてこさせ、シャパンの子アヒカムの子であるゲダリヤに託して、家につれて行かせた。こうして彼は民のうちにいた。
ergamanii oobdii eegumsaa keessaa Ermiyaasin baasisan. Isaanis akka Gedaaliyaas ilmi Shaafaan, ilmi Ahiiqaam mana isaatti isa geessuuf imaanaa itti kennan. Ermiyaasis akkasiin saba ofii isaa keessa jiraate.
15 エレミヤが監視の庭に閉じこめられていた時、主の言葉が彼に臨んだ、
Utuma Ermiyaas oobdii eegumsaa keessatti hidhamee jiruu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara isaa dhufe:
16 「行って、エチオピヤびとエベデメレクに告げなさい、『万軍の主、イスラエルの神はこう言われる、わたしの言った災をわたしはこの町に下す、幸をこれに下すのではない。その日、この事があなたの目の前で成就する。
“Dhaqiitii Ebeed-Melek namicha Itoophiyaa sanaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani dubbii koo waan tolaadhaaf utuu hin taʼin waan hamaadhaaf magaalaa kana irratti fiixaan nan baasa. Yeroo sanatti wanni kun ijuma kee duratti fiixaan baʼa.
17 主は言われる、その日わたしはあなたを救う。あなたは自分の恐れている人々の手に渡されることはない。
Ani garuu gaafas sin oolcha, jedha Waaqayyo; ati dabarfamtee warra sodaattu sanatti hin kennamtu.
18 わたしが必ずあなたを救い、つるぎに倒れることのないようにするからである。あなたの命はあなたのぶんどり物となる。あなたがわたしに寄り頼んだからであると主は言われる』」。
Ani sin baasa; ati waan na amanattuuf lubbuu keetiin baata malee goraadeedhaan hin duutu, jedha Waaqayyo.’”

< エレミヤ書 39 >