< エレミヤ書 35 >
1 ユダの王ヨシヤの子エホヤキムの時、主からエレミヤに臨んだ言葉。
Dubbiin bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa turetti Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe akkana jedha:
2 「レカブびとの家に行って、彼らと語り、彼らを主の宮の一室に連れてきて、酒を飲ませなさい」。
“Gara mana Rekaabotaa dhaqiitii gara mana Waaqayyootti isaan waami; kutaa manaa tokkotti ol isaan galchiitii akka dhuganiif daadhii wayinii kenniif.”
3 そこでわたしはハバジニヤの子エレミヤの子であるヤザニヤと、その兄弟と、そのむすこたち、およびレカブびとの全家を連れ、
Anis dhaqeen Yaazaniyaa ilma Ermiyaas, ilma Habazneyaa, obboloota isaatii fi ilmaan isaa hunda jechuunis maatii Rekaabotaa guutuu waame.
4 これを主の宮にあるハナンの子たちの室に連れてきた。ハナンはイグダリヤの子であって神の人であった。その室は、つかさたちの室の次にあって、門を守るシャルムの子マアセヤの室の上にあった。
Anis gara mana Waaqayyootti isaan fidee kutaa mana ilmaan Haanaan ilma Yigdaaliyaa nama Waaqaa sanaatti ol galche. Kutaan sunis kutaa qondaaltotaa kan kutaa Maʼaseyaa ilma Shaluum namicha balbala eegu sanaatii ol jirutti aana ture.
5 わたしはレカブびとの前に酒を満たしたつぼと杯を置き、彼らに、「酒を飲みなさい」と言ったが、
Anis waciitiiwwan daadhii wayiniitiin guutamanii fi xoofoo fuula Rekaabotaa duratti dhiʼeesseen, “Daadhii wayinii kana dhugaa” jedheen.
6 彼らは答えた、「われわれは酒を飲みません。それは、レカブの子であるわれわれの先祖ヨナダブがわれわれに命じて、『あなたがたとあなたがたの子孫はいつまでも酒を飲んではならない。
Isaan garuu akkana jedhanii deebisan: “Nu sababii abbaan keenya Yoonaadaab ilmi Rekaab akkana jedhee nu ajajeef daadhii wayinii hin dhugnu: ‘Isin yookaan sanyiin keessan gonkumaa daadhii wayinii hin dhuginaa.
7 また家を建てず、種をまかず、またぶどう畑を植えてはならない。またこれを所有してはならない。あなたがたは生きながらえる間は幕屋に住んでいなさい。そうするならば、あなたがたはその宿っている地に長く生きることができると言ったからです』。
Akkasumas isin mana ijaarrachuu, sanyii facaafachuu yookaan wayinii dhaabbachuu hin qabdan; isin yeroo hunda dunkaanota keessa jiraachuu qabdu malee waan kanneen keessaa tokko illee qabaachuu hin qabdan. Yoos isin biyya itti keessummaa taatan keessa bara dheeraa ni jiraattu.’
8 こうしてわれわれは、レカブの子であるわれわれの先祖ヨナダブがすべて命じた言葉に従って、われわれも、妻も、むすこ娘も生きながらえる間、酒を飲まず、
Nu waan abbaan keenya Yehoonaadaab ilmi Rekaab nu ajaje hunda eegneerra. Nu yookaan niitonni keenya yookaan ilmaanii fi intallan keenya daadhii wayinii hin dhugne.
9 住む家を建てず、ぶどう畑も畑も種も持たないで、
Yookaan mana keessa jiraannu yookaan wayinii, lafa qotiisaa yookaan midhaan hin qabnu.
10 幕屋に住み、すべてわれわれの先祖ヨナダブがわれわれに命じたところに従い、そのように行いました。
Nu dunkaana keessa jiraannee waan abbaan keenya Yoonaadaab nu ajaje hunda eegneerra.
11 しかしバビロンの王ネブカデレザルがこの地に上ってきた時、われわれは言いました、『さあ、われわれはエルサレムへ行こう。カルデヤびとの軍勢とスリヤびとの軍勢が恐ろしい』と。こうしてわれわれはエルサレムに住んでいるのです」。
Garuu yeroo Nebukadnezar mootichi Baabilon biyya kana qabatetti nu, ‘Kottaa; nu Baabilonotaa fi loltoota Sooriyaa duraa baqannee Yerusaalemitti galuu qabna’ waliin jenne. Akkasiinis nu Yerusaalem keessatti hafne.”
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
13 「万軍の主、イスラエルの神はこう言われる、行って、ユダの人々とエルサレムに住む者とに告げよ。主は仰せられる、あなたがたはわたしの言葉を聞いて教を受けないのか。
“Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Dhaqiitii namoota Yihuudaatii fi saba Yerusaalemiin ‘Isin gorsa koo fudhattanii naaf hin ajajamtanii?’ jedhi, jedha Waaqayyo.
14 レカブの子ヨナダブがその子孫に酒を飲むなと命じた言葉は守られてきた。彼らは今日に至るまで酒を飲まず、その先祖の命に従ってきた。ところがあなたがたはわたしがしきりに語ったけれども、わたしに聞き従わなかった。
‘Yehoonaadaab ilmi Rekaab akka ilmaan isaa daadhii wayinii hin dhugne ajaje; ajajni kunis eegameera. Isaan sababii ajaja abbaa isaanii eeganiif hamma harʼaatti daadhii wayinii hin dhugan. Ani garuu ammumaa amma isinitti dubbadheera; isin immoo naaf hin ajajamne.
15 わたしはまた、わたしのしもべである預言者たちを、しきりにあなたがたにつかわして言わせた、『あなたがたは今おのおのその悪い道を離れ、その行いを改めなさい。ほかの神々に従い仕えてはならない。そうすれば、あなたがたはわたしがあなたがたと、あなたがたの先祖に与えたこの地に住むことができる』と。しかしあなたがたは耳を傾けず、わたしに聞かなかった。
Ani tajaajiltoota koo raajota hunda ammumaa amma isinitti erge. Isaan akkana isiniin jedhan; “Tokkoon tokkoon keessan karaa keessan hamaa sana irraa deebitanii hojii keessan qajeelfachuu qabdu. Isaan tajaajiluuf jettanii waaqota biraa duukaa hin buʼinaa. Yoos isin biyya ani isinii fi abbootii keessaniif kenne keessa ni jiraattu.” Isin gurra keessan naaf hin kennine, yookaan na hin dhaggeeffanne.
16 レカブの子ヨナダブの子孫は、その先祖が彼らに命じた命令を守っているのである。しかしこの民はわたしに従わなかった。
Sanyiin Yehoonaadaab ilma Rekaab ajaja abbaan isaanii isaaniif kenne eeganiiru; sabni kun garuu naaf hin ajajamne.’
17 それゆえ万軍の神、主、イスラエルの神はこう仰せられる、見よ、わたしはユダとエルサレムに住む者とに、わたしが彼らの上に宣告した災を下す。わたしが彼らに語っても聞かず、彼らを呼んでも答えなかったからである」。
“Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Dhaggeeffadhaa! Ani Yihuudaattii fi nama Yerusaalem keessa jiraatu hundatti balaa nan fida jedhee labse sana hunda nan fida. Ani isaanitti dubbadheen ture; isaan garuu hin dhaggeeffanne. Ani isaan waameen ture; isaan garuu hin owwaanne.’”
18 ところでエレミヤはレカブびとの家の人々に言った、「万軍の主、イスラエルの神はこう仰せられる、あなたがたは先祖ヨナダブの命に従い、そのすべての戒めを守り、彼があなたがたに命じた事を行った。
Ermiyaasis maatii Rekaabotaatiin akkana jedhe; “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Isin ajaja abbaa keessan Yehoonaadaab eegdanii gorsa isaa hunda illee duukaa buutaniirtu; waan inni isin ajaje hundas hojjettaniirtu.’
19 それゆえ、万軍の主、イスラエルの神はこう言われる、レカブの子ヨナダブには、わたしの前に立つ人がいつまでも欠けることはない」。
Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Yoonaadaab ilmi Rekaab gonkumaa nama fuula koo dura dhaabatee na tajaajilu hin dhabu.’”