< エレミヤ書 20 >

1 さて祭司インメルの子で、主の宮のつかさの長であったパシュルは、エレミヤがこれらの事を預言するのを聞いた。
Phaashihuur lubichi, ilmi Imeerii inni mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti bulchaa hangafa ture sun yommuu Ermiyaasii waan kana raaju dhagaʼetti,
2 そしてパシュルは預言者エレミヤを打ち、主の宮にある上のベニヤミンの門の足かせにつないだ。
akka Ermiyaas raajichi tumamee Karra Beniyaam isa ol aanu kan mana Waaqayyoo biratti argamu sana keessatti miilli isaa jirma lama gidduu galee hidhamu godhe.
3 その翌日パシュルがエレミヤを足かせから解き放した時、エレミヤは彼に言った、「主はあなたの名をパシュルとは呼ばないで、『恐れが周囲にある』と呼ばれる。
Ermiyaasis guyyaa itti aanu yeroo Phaashihuur jirma lamaan gidduudhaa isa baasetti akkana jedheen; “Maqaan Waaqayyo siif baase Maagormiisaabiib malee Phaashihuur miti.
4 主はこう仰せられる、見よ、わたしはあなたを、あなた自身とあなたのすべての友だちに恐れを起させる者とする。彼らはあなたが見ている目の前で敵のつるぎに倒れる。わたしはまたユダのすべての民をバビロン王の手に渡す。彼は彼らを捕えてバビロンに移し、つるぎをもって殺す。
Waaqayyo akkana jedhaatii; ‘Ani akka ati ofii keetii fi michoota keetti sodaachisaa taatu sin godha; yeroo isaan goraadee diinota isaaniitiin dhuman ijuma keetiin argita. Ani Yihuudaa hunda dabarsee mootii Baabiloniitti nan kenna; innis Baabilonitti isaan geessa yookaan goraadeedhaan isaan fixa.
5 わたしはまたこの町のすべての富と、その獲たすべての物と、そのすべての貴重な物と、ユダの王たちのすべての宝物をその敵の手に渡す。彼らはこれをかすめ、民を捕えてバビロンに移す。
Ani qabeenya magaalaa kanaa hunda jechuunis oomisha ishee hunda, waan gatii guddaa qabu hundaa fi badhaadhummaa mootota Yihuudaa hunda dabarsee diinota isaaniitti nan kenna. Isaanis boojiʼanii fudhatanii Baabilonitti isaan geessan.
6 パシュルよ、あなたと、あなたの家に住む者とはみな捕え移される。あなたはバビロンに行って、その所で死に、その所に葬られる。あなたも、あなたが偽って預言した言葉に聞き従った友もみなそのようになる」。
Yaa Phaashihuur ati, warri mana kee jiraatan hundis boojiʼamtanii Baabilonitti geeffamtu. Atii fi michoota kee warri ati raajii sobaa dubbatteef hundi achitti duutanii awwaalamtu.’”
7 主よ、あなたがわたしを欺かれたので、わたしはその欺きに従いました。あなたはわたしよりも強いので、わたしを説き伏せられたのです。わたしは一日中、物笑いとなり、人はみなわたしをあざけります。
Yaa Waaqayyo, ati na gowwoomsite; anis nan gowwoomfame; ati humnaan na caaltee na moʼatte. Ani guyyaa guutuu waan kolfaa nan taʼe; namni hundis natti qoosa.
8 それは、わたしが語り、呼ばわるごとに、「暴虐、滅亡」と叫ぶからです。主の言葉が一日中、わが身のはずかしめと、あざけりになるからです。
Ani yeroon dubbadhu hunda nan iyya; “Goolii, badiisa” jedhees nan labsa. Kanaafuu dubbiin Waaqayyo guyyaa guutuu arrabsoo fi tuffii natti fide.
9 もしわたしが、「主のことは、重ねて言わない、このうえその名によって語る事はしない」と言えば、主の言葉がわたしの心にあって、燃える火のわが骨のうちに閉じこめられているようで、それを押えるのに疲れはてて、耐えることができません。
Garuu yoo ani, “Ani maqaa isaa hin dhaʼu yookaan siʼachi maqaa isaatiin hin dubbadhu” jedhe, dubbiin isaa onnee koo keessatti akka ibiddaa, akkuma ibidda lafee koo keessatti ukkaamsameera. Ani of keessatti isa qabachuu nan dadhabe; dhuguma iyyuu ani hin dandaʼu.
10 多くの人のささやくのを聞くからです。恐れが四方にあります。「告発せよ。さあ、彼を告発しよう」と言って、わが親しい友は皆わたしのつまずくのを、うかがっています。また、「彼は欺かれるだろう。そのとき、われわれは彼に勝って、あだを返すことができる」と言います。
Ani hasaasa, “Karaa hundaan sodaa! Isa balaaleffadhaa! Isa haa balaaleffannu!” jedhu hedduu nan dhagaʼa. Michoonni koo hundi, “Inni ni gowwoomfama taʼa; nus ergasii isa ni moʼanna; haaloo keenya illee ni baafanna” jechaa kufaatii koo eeggatu.
11 しかし主は強い勇士のようにわたしと共におられる。それゆえ、わたしに迫りくる者はつまずき、わたしに打ち勝つことはできない。彼らは、なし遂げることができなくて、大いに恥をかく。その恥は、いつまでも忘れられることはない。
Waaqayyo garuu akkuma goota humna qabeessa tokkootti na wajjin jira; kanaafuu warri na adamsan ni gufatu malee hin moʼatan. Isaan baayʼee qaaneffaman; hin milkaaʼaniitii; salphinni isaanii gonkumaa hin irraanfatamu.
12 正しき者を試み、人の心と思いを見られる万軍の主よ、あなたが彼らに、あだを返されるのを見せてください。わたしはあなたに、わたしの訴えをお任せしたからです。
Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, kan nama qajeelaa qortu, kan garaa fi yaada namaa keessa argitu, ani falmii koo sitti kennadheeraatii ati yeroo isaanitti haaloo baatu na argisiisi.
13 主に向かって歌い、主をほめたたえよ。主は貧しい者の命を、悪人の手から救われたからである。
Waaqayyoof faarfadhaa! Waaqayyoon galateeffadhaa! Inni lubbuu namoota hiyyeeyyii harka hamootaatii ni baasa.
14 わたしの生れた日はのろわれよ。母がわたしを産んだ日は祝福を受けるな。
Guyyaan ani dhaladhe haa abaaramu! Guyyaan haati koo na deesse sunis hin eebbifamin!
15 わたしの父に「男の子が、生れました」と告げて、彼を大いに喜ばせた人は、のろわれよ。
Namichi, “Daaʼimni tokko jechuunis ilmi siif dhalatee jira!” jedhee abbaa kootiif oduu fidee akka malee isa gammachiise sun haa abaaramu!
16 その人は、主のあわれみを受けることなく、滅ぼされた町のようになれ。朝には、彼に叫びを聞かせ、昼には戦いの声を聞かせよ。
Namichi sun akkuma magaalaawwan Waaqayyo gara laafina malee garagalchee haa taʼu. Inni ganamaan wawwaannaa, saafaan immoo iyya waraanaa haa dhagaʼu.
17 彼がわたしを胎内で殺さず、わが母をわたしの墓場となさず、その胎をいつまでも大きくしなかったからである。
Akka haati koo awwaala naa taatuuf, akka gadameessi ishees iddoo jireenya bara baraa naaf taʼuuf inni utuu ani gadameessa keessaa hin baʼin na hin ajjeefneetii.
18 なにゆえにわたしは胎内を出てきて、悩みと悲しみに会い、恥を受けて一生を過ごすのか。
Ani maaliifan rakkinaa fi gadda arguuf jireenya koos qaaniin fixuuf gadameessa keessaa baʼe?

< エレミヤ書 20 >