< イザヤ書 42 >

1 わたしの支持するわがしもべ、わたしの喜ぶわが選び人を見よ。わたしはわが霊を彼に与えた。彼はもろもろの国びとに道をしめす。
“Tajaajilaan koo inni ani utubee dhaabu, filatamaan koo kan ani itti gammadu isa kana; ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa; inni sabootaaf murtii qajeelaa ni kenna.
2 彼は叫ぶことなく、声をあげることなく、その声をちまたに聞えさせず、
Inni hin wacu yookaan hin iyyu; yookaan daandii irratti sagalee isaa hin dhageessisu.
3 また傷ついた葦を折ることなく、ほのぐらい灯心を消すことなく、真実をもって道をしめす。
Shambaqqoo buruqe hin cabsu; foʼaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu. Inni amanamummaadhaan murtii qajeelaa ni fida;
4 彼は衰えず、落胆せず、ついに道を地に確立する。海沿いの国々はその教を待ち望む。
hamma murtii qajeelaa lafa irratti fidutti, inni hin dadhabu; abdiis hin kutatu. Biyyoonni bishaan gidduu seera isaa ni abdatu.”
5 天を創造してこれをのべ、地とそれに生ずるものをひらき、その上の民に息を与え、その中を歩む者に霊を与えられる主なる神はこう言われる、
Waaqayyo Waaqni samiiwwan uumee diriirse, inni lafaa fi wantoota ishee keessa jiran hunda hojjete, inni saba isheetiif hafuura baafatan kennee warra ishee irra jiraataniifis jireenya kenne sun akkana jedha:
6 「主なるわたしは正義をもってあなたを召した。わたしはあなたの手をとり、あなたを守った。わたしはあなたを民の契約とし、もろもろの国びとの光として与え、
“Ani Waaqayyo qajeelummaadhaan si waameera; harka kees nan qaba. Ani si eegee sabootaaf kakuu, Namoota Ormaatiif immoo ifa sin taasisa;
7 盲人の目を開き、囚人を地下の獄屋から出し、暗きに座する者を獄屋から出させる。
atis ija jaamotaa ni banta; mana hidhaatii boojiʼamtoota ni hiikta; warra dukkana keessa jiraatanis hidhaadhaa ni baafta.
8 わたしは主である、これがわたしの名である。わたしはわが栄光をほかの者に与えない。また、わが誉を刻んだ像に与えない。
“Ani Waaqayyo; maqaan koos kanaa dha! Ani ulfina koo kan biraatiif, galata koos waaqota tolfamoof dabarsee hin kennu.
9 見よ、さきに預言した事は起った。わたしは新しい事を告げよう。その事がまだ起らない前に、わたしはまず、あなたがたに知らせよう」。
Kunoo wanni duraanii raawwatameera; anis waan haaraa nan dubbadha; utuu isaan hin biqilin, ani waaʼee isaanii sitti nan odeessa.”
10 主にむかって新しき歌をうたえ。地の果から主をほめたたえよ。海とその中に満ちるもの、海沿いの国々とそれに住む者とは鳴りどよめ。
Isin warri galaana buutanii fi wantoonni achi keessa jiraattan hundi, biyyoonni bishaan gidduu fi warri achi keessa jiraattan hundi, faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; handaara lafaatiis galata isaa faarfadhaa.
11 荒野とその中のもろもろの町と、ケダルびとの住むもろもろの村里は声をあげよ。セラの民は喜びうたえ。山の頂から呼ばわり叫べ。
Gammoojjii fi magaalaawwan ishee sagalee isaanii ol haa fudhatan; gandoonni Qeedaar keessa jiraatan haa gammadan. Namoonni Seelaa gammachuudhaan haa faarfatan; fiixee tulluuwwanii irraa haa iyyan.
12 栄光を主に帰し、その誉を海沿いの国々で語り告げよ。
Isaan Waaqayyoof ulfina haa kennan; biyyoota bishaan gidduu keessattis galata isaa haa labsan.
13 主は勇士のように出て行き、いくさ人のように熱心を起し、ときの声をあげて呼ばわり、その敵にむかって大能をあらわされる。
Waaqayyo akka nama jabaa tokkootti ni duula; akka goota tokkoottis onnee isaa kakaasa; sagalee ol fudhatees ni dhaadata; diinota isaa irrattis ol aantummaa argata.
14 わたしは久しく声を出さず、黙して、おのれをおさえていた。今わたしは子を産もうとする女のように叫ぶ。わたしの息は切れ、かつあえぐ。
“Ani yeroo dheeraaf calʼiseera; ani afaan qabadhee of dhowweera. Amma garuu akka dubartii ciniinsuun qabeetti nan iyya; nan argana; hafuurris na cita.
15 わたしは山と丘とを荒し、すべての草を枯らし、もろもろの川を島とし、もろもろの池をからす。
Ani tulluuwwanii fi gaarran nan onsa; biqiltuuwwan isaanii hundas nan gogsa; ani lageen biyyoota bishaan gidduutti nan geeddara; haroowwanis nan gogsa.
16 わたしは目しいを彼らのまだ知らない大路に行かせ、まだ知らない道に導き、暗きをその前に光とし、高低のある所を平らにする。わたしはこれらの事をおこなって彼らを捨てない。
Ani jaamota karaa isaan hin beekne irra nan qajeelcha; daandii duraan hin beekamin irra nan deemsisa; ani dukkana fuula isaanii dura jiru ifatti nan geeddara; lafa buʼaa bayiis wal nan qixxeessa. Wanni ani hojjedhu kanneenii dha; ani isaan hin dhiisu.
17 刻んだ偶像に頼み、鋳た偶像にむかって「あなたがたは、われわれの神である」と言う者は退けられて、大いに恥をかく。
Warri waaqota tolfamoo amanatan, kanneen fakkiiwwaniin, ‘Isin waaqota keenya’ jedhan garuu duubatti deebiʼu; ni salphatus.
18 耳しいよ、聞け。目しいよ、目を注いで見よ。
“Isin duudota nana, dhagaʼaa; jaamota nana, ilaalaa; argaas!
19 だれか、わがしもべのほかに目しいがあるか。だれか、わがつかわす使者のような耳しいがあるか。だれか、わが献身者のような目しいがあるか。だれか、主のしもべのような目しいがあるか。
Tajaajilaa koo malee jaamaan eenyu? Duudaan akka ergamaa ani ergu sanaas eenyu? Jaamaan akka nama anaaf of kennee, jaamaan akka Garbicha Waaqayyoo eenyu?
20 彼は多くの事を見ても認めず、耳を開いても聞かない。
Ati waan baayʼee argite; garuu hin qalbeeffanne; gurri kee banaa dha; garuu ati waan tokko iyyuu hin dhageessu.”
21 主はおのれの義のために、その教を大いなるものとし、かつ光栄あるものとすることを喜ばれた。
Waaʼee qajeelummaa isaatiif jedhee seera isaa guddisuu fi ulfina qabeessa gochuun Waaqayyoon gammachiiseera.
22 ところが、この民はかすめられ、奪われて、みな穴の中に捕われ、獄屋の中に閉じこめられた。彼らはかすめられても助ける者がなく、物を奪われても「もどせ」と言う者もない。
Sabni kun garuu saba saamamee boojiʼamee dha; hundii isaanii boolla keessatti kiyyoodhaan qabamaniiru; mana hidhaa keessas dhokfamaniiru. Isaan fudhatamaniiru; kan isaan baraarus hin jiru; isaan boojiʼamaniiru; namni, “Isaan deebisaa” jedhus hin jiru.
23 あなたがたのうち、だれがこの事に耳を傾けるだろうか、だれが心をもちいて後のためにこれを聞くだろうか。
Isin keessaa eenyutu waan kana dhaggeeffata? Bara dhufuuf jiru keessas eenyutu qalbeeffatee dhagaʼa?
24 ヤコブを奪わせた者はだれか。かすめる者にイスラエルをわたした者はだれか。これは主ではないか。われわれは主にむかって罪を犯し、その道に歩むことを好まず、またその教に従うことを好まなかった。
Eenyutu Yaaqoobin boojuuf, Israaʼelinis saamtotatti dabarsee kenne? Kan nu cubbuu itti hojjenne, Waaqayyo mitii? Isaan sababii karaa isaa duukaa hin buuneef, seera isaatiif hin ajajamne.
25 それゆえ、主は激しい怒りと、猛烈な戦いを彼らに臨ませられた。それが火のように周囲に燃えても、彼らは悟らず、彼らを焼いても、心にとめなかった。
Kanaafuu inni dheekkamsa isaa bobaʼaa sana, waraana hamaas isaanitti erge. Arraba ibiddaatiin isaan marse; isaan garuu hin hubanne; ibiddi sunis isaan gube; isaan garuu hin qalbeeffanne.

< イザヤ書 42 >