< イザヤ書 3 >

1 見よ、主、万軍の主はエルサレムとユダからささえとなり、頼みとなるものすべてささえとなるパン、すべてささえとなる水を取り去られる。
Kunoo Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Yerusaalemii fi Yihuudaa irraa kennaa fi gargaarsa isaa kan midhaaniitii fi kan bishaanii hunda irraa fudhata;
2 すなわち勇士と軍人、裁判官と預言者、占い師と長老、
gootaa fi loltuu, abbaa murtiitii fi raajii, hooda himaa fi maanguddoo,
3 五十人の長と身分の高い人、議官と巧みな魔術師、老練なまじない師を取り去られる。
ajajaa shantamaatii fi nama ulfina qabu, gorsituu, ogeessa hojii harkaatii fi ogeessa waa dawweessuu beeku irraa fudhata.
4 わたしはわらべを立てて彼らの君とし、みどりごに彼らを治めさせる。
“Ani dargaggoota qondaaltota isaanii nan godha; ijoolleen isaan bulchu.”
5 民は互に相しえたげ、人はおのおのその隣をしえたげ、若い者は老いたる者にむかって高ぶり、卑しい者は尊い者にむかって高ぶる。
Namoonni wal hacuucu; namni tokko nama kaanitti, ollaanis, ollaa isaatti kaʼa. Dargaggeessi jaarsatti, tuffatamaanis kabajamaatti kaʼa.
6 その時、人はその父の家で、兄弟をつかまえて言う、「あなたは外套を持っている、わたしたちのつかさびとになって、この荒れ跡をあなたの手で治めてください」と。
Namni tokko mana abbaa isaatti, obboloota isaa keessaa tokko qabee, “Ati qoloo qabda; kanaafuu bulchaa nuuf taʼi; tuullaa waan diigamee kanattis itti gaafatama fudhu!” jedha.
7 その日、彼は声をあげて言う、「わたしはいやす者となることはできません、わたしの家にはパンもなく、外套もありません、わたしを立てて、民のつかさびとにしないでください」。
Inni garuu gaafas, “Ani furmaata taʼuu hin dandaʼu. Ani nyaata yookaan uffata tokko illee mana kootii hin qabu; bulchaa sabaa na hin taasisinaa” jedhee iyya.
8 これは彼らの言葉と行いとが主にそむき、その栄光の目をおかしたので、エルサレムはつまずき、ユダは倒れたからである。
Yerusaalem gatantaraa jirti; Yihuudaan immoo kufteerti; dubbii isaaniitii fi gochi isaanii Waaqayyoon mormuudhaan ulfina argamuu isaa xureessa.
9 彼らの不公平は彼らにむかって不利なあかしをし、ソドムのようにその罪をあらわして隠さない。わざわいなるかな、彼らはみずから悪の報いをうけた。
Haalli fuula isaanii dhugaa isaanitti baʼa; isaan akkuma Sodoom cubbuu isaanii ifa baasu; isaan cubbuu isaanii hin dhokfatan. Isaaniif wayyoo! Isaan balaa guddaa ofitti fidaniiru.
10 正しい人に言え、彼らはさいわいであると。彼らはその行いの実を食べるからである。
Akka wanni kun isaaniif tolu qajeeltotatti himaa; isaan buʼaa hojii isaanii nyaatu.
11 悪しき者はわざわいだ、彼は災をうける。その手のなした事が彼に報いられるからである。
Hamaadhaaf wayyoo! Badiisni isatti ni dhufa! Inni gatii harka isaa ni argata.
12 わが民は幼な子にしえたげられ、女たちに治められる。ああ、わが民よ、あなたを導く者はかえって、あなたを迷わせ、あなたの行くべき道を混乱させる。
Dargaggoonni saba koo cunqursu; dubartoonni isaan bulchu. Yaa saba ko, qajeelchitoonni keessan karaa irraa isin jalʼisaniiru; isaan irraa isin gorsaniiru.
13 主は言い争うために立ちあがり、その民をさばくために立たれる。
Waaqayyo murtii kennuuf taaʼeera; saba isaattis muruuf kaʼeera.
14 主はその民の長老と君たちとをさばいて、「あなたがたは、ぶどう畑を食い荒した。貧しい者からかすめとった物は、あなたがたの家にある。
Waaqayyo akkana jedhee maanguddootaa fi hooggantoota saba isaatti mura: “Kan iddoo dhaabaa wayinii kootii balleesse isin; wanni hiyyeeyyii irraa saamame mana keessan jira.
15 なぜ、あなたがたはわが民を踏みにじり、貧しい者の顔をすり砕くのか」と万軍の神、主は言われる。
Isin saba koo caccabsuun keessan, fuula hiyyeeyyiis butuchuun keessan maal gochuu keessan?” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
16 主は言われた、シオンの娘らは高ぶり、首をのばしてあるき、目でこびをおくり、その行くとき気どって歩き、その足でりんりんと鳴り響かす。
Waaqayyo akkana jedha; “Dubartoonni Xiyoon of tuulu; isaan morma dheereffatanii yaaʼu; ijaanis ni waammatu; faaya miilla isaanii kilillisaa cillaanfachaa deemu.
17 それゆえ、主はシオンの娘らの頭を撃って、かさぶたでおおい、彼らの隠れた所をあらわされる。
Kanaafuu Gooftaan mataa intallan Xiyoonitti qaaqee ni fida; Waaqayyo gubbee mataa isaanii moleessa.”
18 その日、主は彼らの美しい装身具と服装すなわち、くるぶし輪、髪ひも、月形の飾り、
Gaafas Gooftaan faaya miidhagina isaanii: albuu, marata mataa, faaya mormaa kan baatii fakkaatu,
19 耳輪、腕輪、顔おおい、
amartii gurraa, bitawoo, haguuggii fuulaa,
20 頭飾り、すね飾り、飾り帯、香箱、守り袋、
Marata mataa, faaya miillaa, sabbata, bilqaaxxii shittoo, kudhaama,
21 指輪、鼻輪、
qubeelaa chaappaa, amartii funyaanii
22 礼服、外套、肩掛、手さげ袋、
wandaboo filatamaa, koofiyyaa, qoloo, korojoo harkaa,
23 薄織の上着、亜麻布の着物、帽子、被衣などを取り除かれる。
of ilaaleewwan, wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame, gonfoo dubartootaatii fi uffata mormaa isaan irraa mulqa.
24 芳香はかわって、悪臭となり、帯はかわって、なわとなり、よく編んだ髪はかわって、かぶろとなり、はなやかな衣はかわって、荒布の衣となり、美しい顔はかわって、焼き印された顔となる。
Qooda urgaa, ajaa; qooda sabbataa, funyoo; qooda mataa sirriitti dhaʼamee, moluu; qooda uffata miidhagaa, wayyaa gaddaa; qooda miidhaginaa fokkisuutu dhufa.
25 あなたの男たちはつるぎに倒れ、あなたの勇士たちは戦いに倒れる。
Namoonni keessan goraadeedhaan, loltoonni keessanis lola keessatti dhumu.
26 シオンの門は嘆き悲しみ、シオンは荒れすたれて、地に座する。
Karri Xiyoon faarsitee boossi; isheen ontee lafa teessi.

< イザヤ書 3 >