< イザヤ書 13 >

1 アモツの子イザヤに示されたバビロンについての託宣。
Raajii waaʼee Baabilon kan Isaayyaas ilmi Amoos arge:
2 あなたがたは木のない山に旗を立て、声をあげて彼らを招き、手を振って彼らを貴族の門に、はいらせよ。
Tulluu homaa itti hin biqilin irratti faajjii ol kaasaatii isaanitti iyyaa; akka isaan karra namoota bebeekamootiin ol galaniif harkaan itti himaa.
3 わたしはわが怒りのさばきを行うために聖別した者どもに命じ、わが勇士、わが勝ち誇る者どもを招いた。
Ani qulqulloota koo ajajeera; akka isaan dheekkamsa koo hojii irra naa oolchaniif ani loltoota koo kanneen moʼannoo kootti gammadan waammadheera.
4 聞け、多くの民のような騒ぎ声が山々に聞える。聞け、もろもろの国々、寄りつどえるもろもろの国民のざわめく声が聞える。これは万軍の主が戦いのために軍勢を集められるのだ。
Waca tulluuwwan irraa, kan akka tuuta guddaa tokkoo dhaggeeffadhaa! Guungummii mootummootaa kan saboota walitti qabamanii dhaggeeffadhaa! Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu lolaaf jedhee loltoota qopheeffachaa jira!
5 彼らは遠い国から、天の果から来る。これは、主とその憤りの器で、全地を滅ぼすために来るのだ。
Isaan biyya fagoodhaa daarii samiiwwaniitii dhufan; Waaqayyoo fi miʼa lolaa kan dheekkamsa isaatiin guutummaa biyyattii balleessuuf dhufu.
6 あなたがたは泣き叫べ。主の日が近づき、滅びが全能者から来るからだ。
Waan guyyaan Waaqayyoo dhiʼaateef booʼaa; guyyaan sun akkuma badiisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa ergameetti ni dhufa.
7 それゆえ、すべての手は弱り、すべての人の心は溶け去る。
Kanaafuu harki hundinuu ni laamshaʼa; onneen nama hundaas ni baqa.
8 彼らは恐れおののき、苦しみと悩みに捕えられ、子を産まんとする女のようにもだえ苦しみ、互に驚き、顔を見あわせ、その顔は炎のようになる。
Sodaan isaan qabata; dhukkubbii fi gaddi isaan qabata; akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti wixxirfatu. Isaan rifatanii wal ilaalu; fuulli isaanii akka ibiddaa diimata.
9 見よ、主の日が来る。残忍で、憤りと激しい怒りとをもってこの地を荒し、その中から罪びとを断ち滅ぼすために来る。
Kunoo guyyaan Waaqayyoo, guyyaan hamaan, dheekkamsaa fi aarii sodaachisaadhaan, lafa onsuu fi cubbamoota ishee keessa jiraatan barbadeessuuf ni dhufa.
10 天の星とその星座とはその光を放たず、太陽は出ても暗く、月はその光を輝かさない。
Urjiiwwan samiitii fi tuunni isaanii ifa isaanii hin kennan. Aduun baatu ni dukkanoofti; jiʼis ifa ishee hin kennitu.
11 わたしはその悪のために世を罰し、その不義のために悪い者を罰し、高ぶる者の誇をとどめ、あらぶる者の高慢を低くする。
Ani addunyaa kana sababii jalʼina isaatiif, hamoota sababii cubbuu isaaniitiif nan adaba. Ani of tuulummaa of jajjootaa nan balleessa; of guddisuu gara jabeeyyii illee gadin deebisa.
12 わたしは人を精金よりも、オフルのこがねよりも少なくする。
Ani akka namni warqee qulqulluu caalaa gati qabeessa, warqee Oofiir caalaas muraasa taʼu nan godha.
13 それゆえ、万軍の主の憤りにより、その激しい怒りの日に、天は震い、地は揺り動いて、その所をはなれる。
Kanaafuu ani akka samiiwwan hollatan nan godha; gaafa aariin isaa bobaʼutti dheekkamsa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin lafti iddoo isheetii ni raafamti.
14 彼らは追われた、かもしかのように、あるいは集める者のない羊のようになって、おのおの自分の民に帰り、自分の国に逃げて行く。
Namni hundinuu akkuma kuruphee adamsamtuu, akkuma hoolota tiksee hin qabnee gara saba isaatti deebiʼa; namni kam iyyuu biyya isaatti baqata.
15 すべて見いだされる者は刺され、すべて捕えられる者はつるぎによって倒され、
Namni boojiʼame hundinuu ni waraanama; kan qabame kam iyyuu goraadeedhaan duʼa.
16 彼らのみどりごはその目の前で投げ砕かれ、その家はかすめ奪われ、その妻は汚される。
Daaʼimman isaanii fuuluma isaanii duratti ni cicciramu; manneen isaanii ni saamamu; niitonni isaaniis humnaan gudeedamu.
17 見よ、わたしは、しろがねをも顧みず、こがねをも喜ばないメデアびとを起して、彼らにむかわせる。
Kunoo ani warra Meedee kanneen meetii irraa dhimma hin qabne warra warqeen hin gammachiifne jarattin kakaasa.
18 彼らの弓は若い者を射殺し、腹の実をあわれむことなく、幼な子を見て、惜しむことがない。
Iddaan isaanii dargaggoota fixxi; isaan daaʼimmaniif hin naʼan; ijoolleefis garaa hin laafan.
19 国々の誉であり、カルデヤびとの誇である麗しいバビロンは、神に滅ぼされたソドム、ゴモラのようになる。
Baabilon ulfinni moototaa, miidhaginni of jaja warra Baabilon akkuma Sodoomii fi Gomoraa irree Waaqaatiin garagalfamti.
20 ここにはながく住む者が絶え、世々にいたるまで住みつく者がなく、アラビヤびともそこに天幕を張らず、羊飼もそこに群れを伏させることがない。
Namni ishee keessa hin qubatu; yookaan dhaloota hunda keessatti namni ishee keessa hin jiraatu; namni Arabaa tokko iyyuu dunkaana isaa achi hin dhaabbatu; tikseen tokko iyyuu bushaayee isaa achi hin boqochiifattu.
21 ただ、野の獣がそこに伏し、ほえる獣がその家に満ち、だちょうがそこに住み、鬼神がそこに踊る。
Garuu bineensonni bosonaa achi ciciisu; waangoowwan mana ishee ni guutu; urunguun achi jiraatti; reʼeen diidaa achi keessa buburraaqxi.
22 ハイエナはその城の中で鳴き、山犬は楽しい宮殿でほえる。その時の来るのは近い、その日は延びることがない。
Waraabessi daʼannoowwan ishee keessaa yuusa; waangoonis manneen ishee mimmiidhagoo kan mootummaa keessaa iyyiti. Yeroon ishee gaʼeera; barri ishees hin dheeratu.

< イザヤ書 13 >