< エゼキエル書 7 >

1 主の言葉がまたわたしに臨んだ、
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 「人の子よ、イスラエルの地の終りについて主はこう言われる、この国の四方の境に終りが来た。
“Yaa ilma namaa, Waaqayyo Gooftaan biyya Israaʼeliin akkana jedha: “‘Dhuma! Golee biyyattii afranitti dhumni dhufeera.
3 いま、あなたの終りが来た。わたしはわが怒りをあなたに漏らし、あなたの行いに従って、あなたをさばき、あなたのもろもろの憎むべき物のためにあなたを罰する。
Ammas dhumni kee gaʼeera; dheekkamsa koo sirratti nan dhangalaasa; ani akkuma amala keetiitti sitti nan mura; gochawwan kee jibbisiisoo hundaafis ani sin adaba.
4 わたしの目はあなたを惜しみ見ず、またあなたをあわれまない。わたしはあなたの行いのためにあなたを罰する。あなたの憎むべき事があなたのうちにある。これによって、あなたがたはわたしが主であることを知るようになる。
Ani gara laafinaan si hin ilaalu yookaan si hin baasu; ani hamma gochawwan kee jibbisiisoon sun si gidduu jiranitti, amala keetiif sin adaba. “‘Ergasiis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’
5 主なる神はこう言われる、災が引き続いて起る。見よ、災が来る。
“Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Badii! Badiin takkaa hin dhagaʼamin tokko dhufaa jira.
6 終りが来る。その終りが来る。それが起って、あなたに臨む。見よ、それが来る。
Dhumni dhufeera! Dhumni dhufeera! Inni mataan isaa isinitti kaʼeera. Inni dhufeera!
7 この地に住む者よ、あなたの最後の運命があなたに来た。時は来た。日が近づいた。混乱の日で、山々に聞える喜びの日ではない。
Yaa warra biyyattii keessa jiraattan, badiin isinitti dhufeera. Yeroon gaʼeera; guyyaan dhiʼaateera; tulluuwwan irratti gammachuu utuu hin taʼin jeequmsatu taʼa.
8 今わたしは、すみやかにわたしの憤りをあなたの上に注ぎ、わたしの怒りをあなたに漏らし尽し、あなたの行いに従ってあなたをさばき、あなたのもろもろの憎むべき事のためにあなたを罰する。
Ani dheekkamsa koo sitti dhangalaasuudhaafan jira; aarii koo illee sitti nan baʼa; akkuma amala keetiittis sitti nan mura; gochaawwan kee jibbisiisoo sana hundaafis sin adaba.
9 わたしの目はあなたを惜しみ見ず、またあなたをあわれまない。わたしはあなたの行いのためにあなたを罰する。あなたの憎むべき事があなたのうちにある。これによって、あなたがたは、主であるわたしがあなたを撃つことを知るようになる。
Ani gara laafinaan si hin ilaalu yookaan si hin baraaru. Hamma gochawwan kee jibbisiisoon sun si gidduu jiranitti ani akkuma amala keetiitti sin adaba. “‘Ergasiis akka kan rukutu sun ana Waaqayyo taʼe isin ni beektu.
10 見よ、その日を。また見よ、かの日が来た。あなたの最後の運命が来た。不義は花咲き、高ぶりは芽を出した。
“‘Guyyaan sun kunoo ti! Inni dhufeera! Badiin cabsee dhufeera; uleen lateera; of tuulummaan daraareera!
11 暴虐はつのって悪のつえとなった。彼らもその群衆も、その富も消え、また彼らの名声も消えて何も残らなくなる。
Gooliin guddatee ulee hammina adabu taʼeera; isaan keessaa namni tokko iyyuu hin hafu; waldaa isaanii keessaa, qabeenya isaaniitii fi waan faayidaa qabu keessaa tokko iyyuu hin hafu.
12 時は来た。日は近づいた。買う者は喜ぶな。売る者は悲しむな。怒りがすべての群衆の上に臨むからだ。
Yeroon sun dhufeera; guyyaan sun gaʼeera. Inni bitu hin gammadin; kan gurgurus hin gaddin; dheekkamsi guutummaa isaaniitti dhufaatii.
13 売る者はたとい生きていても、その売ったものに帰ることはない。怒りがそのすべての民衆の上にあるからだ。それはもとに帰らない。その不義のために、だれも命を全うすることはできない。
Hamma lamaan isaanii iyyuu lubbuun jiranitti inni lafa gurgure hin deebifatu; mulʼanni waaʼee sabaatiif mulʼate duubatti hin deebiʼuutii. Sababii cubbuu isaaniitiif isaan keessaa namni tokko iyyuu lubbuu ofii isaa hin oolfatu.
14 人々がラッパを吹いて備えをしても戦いに出る者はない。それはわたしの怒りがそのすべての群衆の上にあるからだ。
“‘Sababii dheekkamsi koo waldaa hunda irra jiruuf isaan malakata afuufanii waan hunda qopheeffatan iyyuu, namni tokko iyyuu gara adda waraanaa hin dhaqu.
15 外にはつるぎがあり、内には疫病とききんがある。畑にいる者はつるぎに死に、町にいる者はききんと疫病に滅ぼされる。
Alaan goraadeetu jira; keessaan immoo dhaʼichaa fi beelatu jira; warri baadiyyaa goraadeedhaan duʼu; warri magaalaa keessaa immoo beelaa fi dhaʼichaan dhumu.
16 そのうちの、のがれる者は谷間のはとのように山々に行って、おのおの皆その罪のために悲しむ。
Baqattoonni warri miliqan tulluuwwanitti baqatu. Tokkoon tokkoon isaanii akkuma gugeewwan sululaa sababii cubbuu isaaniitiif ni aadu.
17 両手とも弱くなり、両ひざとも水のように弱くなる。
Harki hundi ni naafata; jilbi hundinuus bishaan taʼa.
18 彼らは荒布を身にまとい、恐れが彼らをおおい、すべての顔には恥があらわれ、すべての頭は髪をそり落す。
Isaan wayyaa gaddaa uffatanii sodaadhaan haguugamu. Fuulli isaanii qaanii uffata; mataan isaaniis ni haadama.
19 彼らはその銀をちまたに捨て、その金はあくたのようになる。主の怒りの日には金銀も彼らを救うことはできない。それらは彼らの飢えを満足させることができない、またその腹を満たすことができない。それは彼らの不義のつまずきであったからだ。
“‘Isaan meetii isaanii daandiiwwan irratti gatu; warqeen isaanii akka waan xuraaʼaa taʼa. Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti meetii fi warqeen isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu. Isaan nyaatanii beela hin baʼan yookaan garaa isaanii hin guuttatan; meetii fi warqeen isaanii isaan gufachiisee cubbuutti isaan galcheeraatii.
20 彼らはその美しい飾り物を高ぶりのために用い、またこれをもってその憎むべき偶像と忌むべき物を造った。それゆえわたしはこれを彼らに対して汚れたものとする。
Isaan faaya bareedaa isaaniitiin of tuulanii waaqota isaanii jibbisiisoo fi fakkiiwwan faayidaa hin qabne sana tolchuuf itti fayyadaman. Kanaafuu ani wantoota kanneen gara waan xuraaʼaatti isaan duraa nan geeddara.
21 わたしはこれを外国人の手に渡して奪わせ、地の悪人に渡してかすめさせる。彼らはこれを汚す。
Ani harka namoota biyya ormaatti boojuudhaaf, hamoota lafaattis saamichaaf dabarsee ishee nan kenna; isaanis isa ni xureessu.
22 わたしは彼らから顔をそむけて、彼らにわたしの聖所を汚させる。強盗がこれにはいって汚し、
Ani fuula koo isaan irraa nan deebifadha; isaanis iddoo koo jaallatamaa sana ni xureessu; saamtonnis itti seenanii ni xureessu.
23 また荒れ地とする。この地は流血のとがに満ち、この町は暴虐に満ちているゆえ、
“‘Sababii biyyattiin dhiiga dhangalaasuudhaan, magaalattiin immoo gooliidhaan guutamteef foncaa qopheessi.
24 わたしは国々のうちの悪い者どもを招いて、彼らの家をかすめさせる。わたしは強い者の高ぶりをやめさせる。また彼らの聖所は汚される。
Ani akka isaan manneen isaanii dhaalaniif warra saboota keessaa akka malee hamoo taʼan nan fida; of tuulummaa namoota jajjaboo nan cabsa; manneen qulqullummaa isaaniis nan xureessa.
25 滅びが来るとき、彼らは平安を求めても得られない。
Yeroo raafamni dhufutti isaan nagaa barbaadu; garuu tokko illee hin argatan.
26 災に災が重なりきたり、知らせに知らせが相つぐ。その時、彼らは預言者に幻を求める。しかし律法は祭司のうちに絶え、計りごとは長老のうちに絶える。
Badiin badii irratti, oduunis, oduu irratti ni dhufa. Isaan raajii irraa mulʼata argachuu ni yaalu; seerri luboota biraa, gorsi immoo maanguddoota biraa ni dhabama.
27 王は悲しみ、つかさは望みを失い、その地の民の手はおののきによってこわばる。わたしは彼らの行いに従って彼らをあつかい、そのさばきに従って彼らをさばく。そして彼らはわたしが主であることを知るようになる」。
Mootiin ni booʼa; ilmi mootii abdii kutata; harki uummata biyyattii ni hollata. Ani akkuma hojii isaaniitti gatii isaanii nan kennaaf; akkuma seera ofii isaaniittis murtii nan kennaaf. “‘Ergasiis isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’”

< エゼキエル書 7 >