< エステル 記 6 >
1 その夜、王は眠ることができなかったので、命じて日々の事をしるした記録の書を持ってこさせ、王の前で読ませたが、
Halkan sana mootichi rafuu hin dandeenye; kanaafuu inni akka isaan kitaaba seenaa kan waaʼee mootummaa isaa barreeffame isaaf dubbisan ni ajaje.
2 その中に、モルデカイがかつて王の侍従で、王のへやの戸を守る者のうちのビグタナとテレシのふたりが、アハシュエロス王を殺そうとねらっていることを告げた、としるされているのを見いだした。
Kitaaba sana keessattis Mordekaayi akka Bigtaanaa fi Tereshi xuʼaashiiwwan balbala eegan kanneen Ahashweroos Mooticha ajjeesuuf mariʼatan sana lamaan saaxilee ture barreeffamee argame.
3 そこで王は言った、「この事のために、どんな栄誉と爵位をモルデカイに与えたか」。王に仕える侍臣たちは言った、「何も彼に与えていません」。
Mootichis, “Yoos Mordekaayi sababii waan kanaatiif ulfina yookaan kabaja maalii argate ree?” jedhee gaafate. Tajaajiltoonni isaa immoo, “Wanni tokko iyyuu hin godhamneef” jedhanii deebisan.
4 王は言った、「庭にいるのはだれか」。この時ハマンはモルデカイのために設けた木にモルデカイを掛けることを王に申し上げようと王宮の外庭にはいってきていた。
Mootichis, “Eenyutu oobdii kana keessa jira?” jedhee gaafate. Yeroo sana Haamaan waaʼee Mordekaayiin muka dhaabe sana irratti fannisuu mootichatti himuuf jedhee oobdii masaraa mootummaa isa gara alaa seenee ture.
5 王の侍臣たちが「ハマンが庭に立っています」と王に言ったので、王は「ここへ、はいらせよ」と言った。
Tajaajiltoonni mootichaa, “Haamaanitu oobdii keessa dhaabatee jira” jedhanii deebisan. Mootichis, “Isa ol galchaa” jedhee ajaje.
6 やがてハマンがはいって来ると王は言った、「王が栄誉を与えようと思う人にはどうしたらよかろうか」。ハマンは心のうちに言った、「王はわたし以外にだれに栄誉を与えようと思われるだろうか」。
Mootichis yeroo Haamaan ol galetti, “Nama mootichi kabajuu barbaaduuf maaltu godhamuufii qaba?” jedhee isa gaafate. Haamaanis, “Namni mootichi na caalchisee kabaju eenyu?” jedhee ofi keessatti yaade.
7 ハマンは王に言った、「王が栄誉を与えようと思われる人のためには、
Kanaafuu Haamaan akkana jedhee mootichaaf deebise; “Nama mootichi kabajuu jaallatuuf,
8 王の着られた衣服を持ってこさせ、また王の乗られた馬、すなわちその頭に王冠をいただいた馬をひいてこさせ、
uffata mootummaa kan mootichi uffatuu fi farda mootummaa kan mootichi yaabbatu haa fidan; fardi gonfoon mootii mataatti kaaʼameef haa dhufuuf.
9 その衣服と馬とを王の最も尊い大臣のひとりの手にわたして、王が栄誉を与えようと思われる人にその衣服を着させ、またその人を馬に乗せ、町の広場を導いて通らせ、『王が栄誉を与えようと思う人にはこうするのだ』とその前に呼ばわらせなさい」。
Ergasii uffannii fi fardi sun qondaaltota mootichaa kanneen qondaaltota hunda caalaa beekamoo taʼan keessaa isa tokkotti imaanaan haa kennamuuf; isaan immoo nama mootichi ulfina kennuufii barbaadu sanatti uffata sana haa uffisan; farda yaabbachiisaniis, ‘Wanni nama mootichi ulfina kennuufii barbaaduuf godhamu kana!’ jedhanii labsaa daandiiwwan magaalattii irra fuula isaa dura haa deeman.”
10 それで王はハマンに言った、「急いであなたが言ったように、その衣服と馬とを取り寄せ、王の門に座しているユダヤ人モルデカイにそうしなさい。あなたが言ったことを一つも欠いてはならない」。
Mootichis akkana jedhee Haamaanin ajaje; “Dafii dhaqii uffataa fi farda sana fuudhiitii akkuma jette sana Mordekaayi Yihuudicha karra mootii dura taaʼu sanaaf godhi. Waan jette sana keessaa tokko illee hin hambisin.”
11 そこでハマンは衣服と馬とを取り寄せ、モルデカイにその衣服を着せ、彼を馬に乗せて町の広場を通らせ、その前に呼ばわって、「王が栄誉を与えようと思う人にはこうするのだ」と言った。
Kanaafuu Haamaan dhaqee uffataa fi farda sana fuudhe. Innis uffata sana Mordekaayiitti uffisee fardas yaabbachiisee, “Wanni nama mootichi ulfina kennuufii barbaaduuf godhamu kanaa dha!” jedhee labsaa daandii magaalaa irra fuula isaa dura deeme.
12 こうしてモルデカイは王の門に帰ってきたが、ハマンは憂え悩み、頭をおおって急いで家に帰った。
Ergasii Mordekaayi gara karra mootichaatti deebiʼe. Haamaan garuu gaddaan mataa haguuggatee ariitiidhaan manatti gale;
13 そしてハマンは自分の身に起った事をことごとくその妻ゼレシと友だちに告げた。するとその知者たちおよび妻ゼレシは彼に言った、「あのモルデカイ、すなわちあなたがその人の前に敗れ始めた者が、もしユダヤ人の子孫であるならば、あなたは彼に勝つことはできない。必ず彼の前に敗れるでしょう」。
waan isa irra gaʼe hundas niitii isaa Zeresh fi michoota isaa hundatti hime. Gorsitoonni isaatii fi niitiin isaa Zosaaraan, “Sababii Mordekaayi inni kufaatiin kee fuula isaa duratti jalqabe sun sanyii Yihuudaa taʼeef ati isaan mormuu hin dandeessu; ati dhugumaan ni badda!” jedhaniin.
14 彼らがなおハマンと話している時、王の侍従たちがきてハマンを促し、エステルが設けた酒宴に臨ませた。
Utuma isaan isa wajjin dubbachaa jiranuu xuʼaashiiwwan mootichaa dhufanii gara cidha Asteer qopheessitee turte sanaatti Haamaan ariifachiisan.