< 伝道者の書 10 >
1 死んだはえは、香料を造る者のあぶらを臭くし、少しの愚痴は知恵と誉よりも重い。
Akkuma tisiisni duute tokko shittoo ajeessitu sana gowwummaan xinnoon ogummaa fi ulfina balleessa.
2 知者の心は彼を右に向けさせ、愚者の心は左に向けさせる。
Yaadni ogeessaa karaa mirgaa, yaadni gowwaa immoo karaa bitaa jira.
3 愚者は道を行く時、思慮が足りない、自分の愚かなことをすべての人に告げる。
Gowwaan yoo karaa deemu illee qalbii hin qabu; akka gowwaa taʼes nama hundatti argisiisa.
4 つかさたる者があなたに向かって立腹しても、あなたの所を離れてはならない。温順は大いなるとがを和らげるからである。
Yoo dheekkamsi bulchaa tokkoo sitti hammaate, ati iddoo kee gad hin dhiisin; tasgabbaaʼuun dogoggora guddaa hambisuu dandaʼaatii.
5 わたしは日の下に一つの悪のあるのを見た。それはつかさたる者から出るあやまちに似ている。
Hamminni ani aduudhaa gaditti arge tokko jira; kunis dogoggora bulchaan tokko uumuu dha.
6 すなわち愚かなる者が高い地位に置かれ、富める者が卑しい所に座している。
Utuma badhaadhonni iddoo gad aanu qabatanii jiranuu, gowwoonni iddoo ulfinaa qabatu.
7 わたしはしもべたる者が馬に乗り、君たる者が奴隷のように徒歩であるくのを見た。
Ani utuma ilmaan moototaa akka garbootaa miillaan deemanii garboonni immoo fardaan utuu deemanii nan arge.
8 穴を掘る者はみずからこれに陥り、石がきをこわす者は、へびにかまれる。
Namni boolla qotu kam iyyuu ofuma isaatii keessa buʼa; nama dallaa cabsee keessaan baʼu kam iyyuu bofatu idda.
9 石を切り出す者はそれがために傷をうけ、木を割る者はそれがために危険にさらされる。
Namni dhagaa baasu kam iyyuu dhagaa sanaan miidhamuu dandaʼa; namni jirma baqaqsu hundinuus jirmuma sanaan miidhama.
10 鉄が鈍くなったとき、人がその刃をみがかなければ、力を多くこれに用いねばならない。しかし、知恵は人を助けてなし遂げさせる。
Qottoon doomee afaan isaa yoo hin qaramin, humna guddaa barbaachisa; ogummaan garuu milkaaʼinna fida.
11 へびがもし呪文をかけられる前に、かみつけば、へび使は益がない。
Bofti tokko utuu hin raateffamin yoo nama idde, namichi bofa raatessu sun homaa hin argatu.
12 知者の口の言葉は恵みがある、しかし愚者のくちびるはその身を滅ぼす。
Dubbiin afaan ogeessaatii baʼu ulfina qaba; namni gowwaan immoo hidhii ofii isaatiin bada.
13 愚者の口の言葉の初めは愚痴である、またその言葉の終りは悪い狂気である。
Dubbiin isaa jalqabatti gowwummaa dha; dhuma irratti garuu maraatummaa hamaa dha;
14 愚者は言葉を多くする、しかし人はだれも後に起ることを知らない。だれがその身の後に起る事を告げることができようか。
namni gowwaan dubbii baayʼisa. Namni tokko iyyuu waan dhufuuf jiru hin beeku; eenyutu waan isa duubaan taʼu isatti himuu dandaʼa?
15 愚者の労苦はその身を疲れさせる、彼は町にはいる道をさえ知らない。
Dadhabbiin gowwaa isuma butuchiti; inni karaa gara magaalaatti geessu hin beeku.
16 あなたの王はわらべであって、その君たちが朝から、ごちそうを食べる国よ、あなたはわざわいだ。
Yaa biyya mootiin kee mucaa turee, kan ilmaan moototaa kee ganamaan nyaatanii dhugan siif wayyoo.
17 あなたの王は自主の子であって、その君たちが酔うためでなく、力を得るために、適当な時にごちそうを食べる国よ、あなたはさいわいだ。
Yaa biyya mootiin kee sanyii beekamaa irraa dhalate, kan ilmaan moototaa utuu machaaʼuuf hin taʼin, jabina argachuuf jedhanii yeroo malutti nyaatanii dhugan, ati eebbifamtuu dha.
18 怠惰によって屋根は落ち、無精によって家は漏る。
Dhibaaʼummaan, mana duuffisa; harki hin hojjennes mana dhimmisiisa.
19 食事は笑いのためになされ、酒は命を楽しませる。金銭はすべての事に応じる。
Cidhi kolfaaf qopheeffama; daadhiin wayiniis jireenya gammachiisa; maallaqni immoo deebii waan hundaa ti.
20 あなたは心のうちでも王をのろってはならない、また寝室でも富める者をのろってはならない。空の鳥はあなたの声を伝え、翼のあるものは事を告げるからである。
Sababii simbirri samii dubbii kee geessituuf, yookaan simbirri barrisaa jirtu dhaqxee waan ati jettu himtuuf, ati yaada kee keessatti mootii hin arrabsin; yookaan kutaa hirribaa keessatti sooressa hin abaarin.