< ゼカリヤ書 11 >

1 レバノンよ汝の門を啓き火をして汝の香柏を焚しめよ
Yaa Libaanoon, akka ibiddi birbirsa kee gubee fixuuf balbala kee banadhu!
2 松よ叫べ香柏は倒れ威嚴樹はそこなはれたりバシヤンの橡よ叫べ高らかなる林は倒れたり
Yaa muka gaattiraa, birbirsi kufeeraatii wawwaadhu; mukkeen ulfina qaban badaniiru! Yaa qilxuu Baashaan wawwaadhu; bosonni gobbuun ciramee dhumeera!
3 牧者の叫ぶ聲あり其榮そこなはれたればなり猛き獅子の吼る聲ありヨルダンの叢そこなはれたればなり
Wawwaannaa tiksootaa dhaggeeffadhaa; lafti tika isaanii inni gabbataan barbadaaʼeeraatii! Aaduu leencaa dhagaʼaa; bosonni Yordaanos gobbuun sun barbadaaʼeeraatii!
4 我神ヱホバかく言たまふ宰らるべき羔を牧へ
Waaqayyo Waaqni koo akkana jedha: “Bushaayee qalmaaf qopheeffaman tiksi.
5 之を買ふ者は之を宰るとも罪なし之を賣る者は言ふ我富を得ればヱホバを祝すべしと其牧者もこれを惜まざるなり
Warri isaan bitatan, qalatanii utuu hin adabamin hafu. Warri gurguratanis, ‘Waaqayyoon galanni haa gaʼu; ani sooressa!’ jedhu. Tiksoonni isaanii garaa isaaniif hin laafan.
6 ヱホバ言たまふ我かさねて地の居民を惜まじ視よ我人を各々その隣人の手に付しその王の手に付さん彼ら地を荒すべし我これを彼らの手より救ひ出さじ
Ani siʼachi uummata biyyattiitiif garaa hin laafuutii” jedha Waaqayyo. “Ani nama hunda dabarsee ollaa isaatii fi mootii isaatti nan kenna. Isaan biyyattii ni rukutu; anis harka isaaniitii isaan hin baasu.”
7 我すなはち其宰らるべき羊を牧り是は最も憫然なる羊なり我みづから二本の杖を取り一を恩と名け一を結と名けてその羊を牧り
Kanaafuu ani bushaayee qalmaaf qopheeffaman, keessumattuu kanneen bushaayee cunqurfaman nan tikfadhe. Ergasii ani ulee lama fudhadhee isa tokkoon Surraa isa kaaniin immoo Tokkummaa jedheen moggaase; akkasiinis bushaayee nan tikfadhe.
8 我一月に牧者三人を絶り我心に彼らを厭ひしが彼等も心に我を惡めり
Ani jiʼuma tokko keessatti tiksoota sadan nan balleesse. Lubbuun koo isaan balfite; lubbuun isaaniis na balfite;
9 我いへり我は汝らを飼はじ死る者は死に絶るる者は絶れ遺る者は互にその肉を食ひあふべし
akkanas jedheen; “Ani tiksee keessan hin taʼu. Kan duʼu haa duʼu; kan badus haa badu. Kanneen hafanis foon walii haa nyaatan.”
10 我恩といふ杖を取て之を折れり是諸の民に立し我契約を廢せんとてなりき
Ergasii ani kakuu saboota hunda wajjin gale cabsuudhaaf ulee koo kan Surraa jedhamu fuudhee nan cabse.
11 是は其日に廢せられたり是に於てかの我に聽したがひし憫然なる羊は之をヱホバの言なりしと知れり
Innis guyyuma sana cabe; kanaafuu bushaayeen dhiphatan kanneen na ilaalaa turan akka wanni kun dubbii Waaqayyoo taʼe beekan.
12 我彼らに向ひて汝等もし善と視なば我價を我に授けよ若しからずば止めよと言ければ彼等すなはち銀三十を權りて我價とせり
Anis, “Yoo wanni kun waan gaarii isinitti fakkaate, gatii koo naaf kennaa; yoo taʼuu baate immoo dhiisaa” nan jedheen. Kanaafuu isaan meetii soddoma naaf kennan.
13 ヱホバ我に言たまひけるは彼等に我が估價せられしその善價を陶人に投あたへよと我すなはち銀三十を取てヱホバの室に投いれて陶人に歸せしむ
Waaqayyos gatii gaarii isaan itti na shallagan sana, “Mankuusa keessa buusi!” naan jedhe. Kanaafuu ani meetii soddomman sana fuudhee mana Waaqayyoo keessatti mankuusa keessa nan buuse.
14 我また結といふ杖を折れり是ユダとイスラエルの間の和好を絶んとてなりき
Ergasii ani obbolummaa Yihuudaatii fi Israaʼel diiguudhaaf ulee koo lammaffaa kan Tokkummaa jedhamu sana nan cabse.
15 ヱホバ我に言たまはく汝また愚なる牧者の器を取れ
Kana irratti Waaqayyo akkana naan jedhe; “Ammas miʼa tiksee gowwaa sanaa fuudhi.
16 視よ我地に一人の牧者を興さん彼は亡ぶる者を顧みず迷へる者を尋ねず傷つける者を醫さず健剛なる者を飼はず肥たる者の肉を食ひ且その蹄を裂ん
Ani kunoo biyyattii keessatti tiksee hoolotaa nan kaasa; innis isa bade hin yaadatu; isa joore hin barbaadu; isa cabe hin walʼaanu; isa fayye hin sooru; garuu foon coomaa ni nyaata; kottee isaaniis ni caccabsa.
17 其羊の群を棄る惡き牧者は禍なるかな劍その腕に臨みその右の目に臨まん其腕は全く枯えその右の目は全く盲れん
“Tiksee faayidaa hin qabne kan bushaayee gatee deemuuf wayyoo! Goraadeen irree isaatii fi ija isaa mirgaa haa dhaʼu! Irreen isaa guutumaan guutuutti haa goggogu; iji isaa mirgaa guutumaan guutuutti haa jaamu!”

< ゼカリヤ書 11 >