< 詩篇 97 >

1 ヱホバは統治たまふ 全地はたのしみ多くの島々はよろこぶべし
Waaqayyo moʼeera; lafti haa gammaddu; biyyoonni qarqara galaanaa hedduunis haa ililchan.
2 雲とくらきとはそり周環にあり 義と公平とはその寳座のもとゐなり
Duumessaa fi dukkanni limixiin isa marsaniiru; qajeelummaa fi murtii qajeelaan hundee teessoo isaa ti.
3 火ありそのみまへにすすみ その四周の敵をやきつくす
Ibiddi fuula isaa dura deemee diinota isaa naannoo isaatii fixa.
4 ヱホバのいなびかりは世界をてらす 地これを見てふるへり
Balaqqeen isaa addunyaa ibsa; laftis argitee hollatti.
5 もろもろの山はヱホバのみまへ全地の主のみまへにて蝋のごとくとけぬ
Tulluuwwan fuula Waaqayyoo duratti, fuula Gooftaa lafa hundumaa durattis akkuma gagaa baqu.
6 もろもろの天はその義をあらはし よろづの民はその榮光をみたり
Samiiwwan qajeelummaa isaa labsu; saboonni hundinuus ulfina isaa argu.
7 すべてきざめる像につかへ虚しきものによりてみづから誇るものは恥辱をうくべし もろもろの神よみなヱホバをふしをがめ
Warri fakkii waaqeffatan, kanneen waaqota tolfamoon of jajan hundi haa qaaneffaman; isin waaqonni hundinuus isa waaqeffadhaa!
8 ヱホバよなんぢの審判のゆゑによりシオンはききてよろこびユダの女輩はみな樂しめり
Yaa Waaqayyo, sababii murtii keetiitiif, Xiyoon dhageessee ililchiti; gandoonni Yihuudaas ni gammadu.
9 ヱホバよなんぢ全地のうへにましまして至高く なんぢもろもろの神のうへにましまして至貴とし
Yaa Waaqayyo, ati lafa hundumaa irratti Waaqa Waan Hundaa Olii ti; ati waaqota hundumaa irra akka malee ol ol jetteerta.
10 ヱホバを愛しむものよ惡をにくめ ヱホバはその聖徒のたましひをまもり 之をあしきものの手より助けいだしたまふ
Sababii inni lubbuu amanamoota isaa eegee, harka hamootaa jalaa isaan baasuuf, warri Waaqayyoon jaallatan hammina haa jibban.
11 光はただしき人のためにまかれ 欣喜はこころ直きもののために播れたり
Qajeeltota irratti ifni ni ifa; gara tolootaafis gammachuun ni dhufa.
12 義人よヱホバにより喜べ そのきよき名に感謝せよ
Isin qajeeltonni Waaqayyotti gammadaa; maqaa isaa qulqulluus galateeffadhaa.

< 詩篇 97 >