< 詩篇 81 >
1 われらの力なる神にむかひて高らかにうたひヤコブの神にむかひてよろこびの聲をあげよ
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Asaaf Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. Waaqa jabina nuu taʼeef gammachuudhaan faarfadhaa; Waaqa Yaaqoobiitiif gammachuudhaan ililchaa!
Faarfachuu jalqabaa; dibbees rukutaa; baganaa fi kiraara sagalee gaarii qabu rukutaa.
3 新月と滿月とわれらの節會の日とにラッパをふきならせ
Yeroo Baatiin dhalattu, yommuu jiʼi goobanutti, guyyaa ayyaana keenyaa malakata afuufaa;
kun seera Israaʼeliif kenname, ajaja Waaqa Yaaqoob.
5 神さきにエジプトを攻たまひしときヨセフのなかに之をたてて證となしたまへり 我かしこにて未だしらざりし方言をきけり
Inni yeroo biyya Gibxi dhaʼuuf baʼetti, waan kana Yoosefiif seera godhee dhaabe. Anis afaan duraan hin beekin tokko dhagaʼe.
6 われかれの肩より重荷をのぞき かれの手を籃よりまぬかれしめたり
Innis akkana jedhe; “Ani gatiittii isaanii irraa baʼaa buuseera; harki isaanis guuboo baachuu jalaa baʼe.
7 汝なやめるとき呼しかば我なんぢをすくへり われ雷鳴のかくれたるところにて汝にこたへメリバの水のほとりにて汝をこころみたり (セラ)
Ati dhiphina kee keessatti na waammatte; anis sin oolche; anis lafa bakakkaan itti dhokatu keessaa deebii siifin kenne; bishaan Mariibaa birattis sin qore.
8 わが民よきけ我なんぢに證せん イスラエルよ汝がわれに從はんことをもとむ
“Yaa saba koo dhagaʼi; ani siin akeekkachiisa; yaa Israaʼel ati utuu na dhaggeeffate!
9 汝のうちに他神あるべからず なんぢ他神ををがむべからず
Waaqni ormaa tokko iyyuu isin gidduu hin jiraatin; ana malee waaqa biraa hin waaqeffatin.
10 われはエジプトの國よりなんぢを携へいでたる汝の神ヱホバなり なんぢの口をひろくあけよ われ物をみたしめん
Ani Waaqayyo Waaqa kee, kan Gibxii baasee isin fidee dha. Afaan kee balʼisii banadhu; ani nan guutaa.
11 されどわが民はわか聲にしたがはず イスラエルは我をこのまず
“Sabni koo garuu na hin dhaggeeffanne; Israaʼel anaaf hin bulle.
12 このゆゑに我かれらが心のかたくななるにまかせ彼等がその任意にゆくにまかせたり
Kanaafuu ani akka isaan karaa fedhii isaanii deemaniif dabarsee mata jabina isaaniitti isaan kenne.
13 われはわが民のわれに從ひイスフルのわが道にあゆまんことを求む
“Utuu sabni koo na dhaggeeffatee, utuu Israaʼel karaa koo irra deemee jiraatee,
14 さらば我すみやかにかれらの仇をしたがへ わが手をかれらの敵にむけん
ani silaa akkam dafee diinota isaanii jilbeenfachiisee harka koos amajaajota isaaniitti nan kaasa ture!
15 斯てヱホバをにくみし者もかれらに從ひ かれらの時はとこしへにつづかん
Warri Waaqayyoon jibban fuula isaa duratti ni gugguufu; adabbiin isaaniis bara baraan itti fufa.
16 神はむぎの最嘉をもてかれらをやしなひ 磐よりいでたる蜜をもて汝をあかしむべし
Ani garuu qamadii qulqulluu isin soora; damma kattaa keessaa baafames isinan quubsa.”