< 詩篇 115 >
1 ヱホバよ榮光をわれらに歸するなかれ われらに歸するなかれ なんぢのあはれみと汝のまこととの故によりてただ名にのみ歸したまへ
Nuuf miti; yaa Waaqayyo, nuuf miti; garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii maqaa keetiif ulfina kenni.
2 もろもろの國人はいかなればいふ 今かれらの神はいづくにありやと
Saboonni maaliif, “Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu?
3 然どわれらの神は天にいます 神はみこころのままにすべての事をおこなひ給へり
Waaqni keenya samii keessa jira; inni waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.
4 かれらの偶像はしろかねと金にして人の手のわざなり
Waaqonni isaanii tolfamoon garuu meetii fi warqee harka namaatiin hojjetamanii dha.
Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan; ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;
gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan;
7 手あれどとらず脚あれどあゆまず喉より聲をいだすことなし
harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan; miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan; laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman.
8 此をつくる者とこれに依賴むものとは皆これにひとしからん
Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.
9 イスラエルよなんぢヱホバに依賴め ヱホバはかれらの助かれらの盾なり
Yaa mana Israaʼel, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
10 アロンの家よなんぢらヱホバによりたのめ ヱホバはかれらの助かれらの盾なり
Yaa mana Aroon, Waaqayyoon amanadhu; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
11 ヱホバを畏るるものよヱホバに依賴め ヱホバはかれらの助かれらの盾なり
Isin warri isa sodaattan, Waaqayyoon amanadhaa; inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
12 ヱホバは我儕をみこころに記たまへり われらを惠みイスラエルの家をめぐみアロンのいへをめぐみ
Waaqayyo nu yaadata; nu eebbisas; inni mana Israaʼel ni eebbisa; mana Aroonis ni eebbisa;
13 また小なるも大なるもヱホバをおそるる者をめぐみたまはん
inni warra Waaqayyoon sodaatan, xinnaas guddaas ni eebbisa.
14 願くはヱホバなんぢらを増加へ なんぢらとなんぢらの子孫とをましくはへ給はんことを
Waaqayyo, isinii fi ijoollee keessan haa baayʼisu.
15 なんぢらは天地をつくりたまへるヱホバに惠まるる者なり
Waaqayyo samii fi lafa Uume sun isin haa eebbisu.
16 天はヱホバの天なり されど地は人の子にあたへたまへり
Samiin samiiwwanii oliis kan Waaqayyoo ti; lafa garuu inni namaaf kenneera.
17 死人も幽寂ところに下れるものもヤハを讃稱ふることなし
Warri duʼan yookaan warri gara iddoo calʼisanitti gad buʼan Waaqayyoon galateeffachuu hin dandaʼan;
18 然どわれらは今より永遠にいたるまでヱホバを讃まつらむ 汝等ヱホバをほめたたへよ
nu garuu ammaa jalqabnee bara baraan Waaqayyoon ni eebbifna. Haalleluuyaa.