< 箴言 知恵の泉 8 >

1 智慧は呼はらざるか 聰明は聲を出さざるか
Ogummaan hin iyyuu? Hubannaanis sagalee isaa ol hin fudhatuu?
2 彼は路のほとりの高處また街衢のなかに立ち
Isheen qarqara karaa, lafa ol kaʼaa irra, iddoo daandiin itti wal gaʼu dhaabatti;
3 邑のもろもろの門 邑の口および門々の入口にて呼はりいふ
karra magaalaatti nama galchu bira, balbala dura dhaabattee akkana jettee iyyiti:
4 人々よわれ汝をよび 我が聲をもて人の子等をよぶ
“Yaa namoota, ani iyyeen isin waama; ani ilmaan namaa hundatti sagalee koo ol nan fudhadha.
5 拙き者よなんぢら聰明に明かなれ 愚なる者よ汝ら明かなる心を得よ
Isin warri homaa hin beekne, qalbii horadhaa; isin warri gowwaan hubannaa argadhaa.
6 汝きけ われ善事をかたらん わが口唇をひらきて正事をいださん
Ani waan faayidaa qabu nan dubbadhaatii, dhagaʼaa; waan qajeelaa dubbachuufis afaan koo nan banadha.
7 我が口は眞實を述べ わが口唇はあしき事を憎むなり
Afaan koo dhugaa dubbata; arrabni koo hammina jibbaatii.
8 わが口の言はみな義し そのうちに虚偽と奸邪とあることなし
Dubbiin afaan koo hundinuu qajeelaa dha; dubbii koo keessaa tokko iyyuu jalʼaa yookaan micciiramaa miti.
9 是みな智者の明かにするところ 知識をうる者の正とするところなり
Nama waa hubatuuf dubbiin koo hundinuu qajeelaa dha; warra beekumsa qabuufis hirʼina hin qabu.
10 なんぢら銀をうくるよりは我が敎をうけよ 精金よりもむしろ知識をえよ
Qooda meetii gorsa koo, warqee qulqulluu caalaas beekumsa filadhu;
11 それ智慧は眞珠に愈れり 凡の寳も之に比ぶるに足らず
ogummaan lula diimaa caalaa gatii guddaa qabdii; wanni ati hawwitu tokko iyyuu isheedhaan wal hin madaalu.
12 われ智慧は聰明をすみかとし 知識と謹愼にいたる
“Ani ogummaan, qalbii wajjin nan jiraadha; ani beekumsaa fi hubannaa qaba.
13 ヱホバを畏るるとは惡を憎むことなり 我は傲慢と驕奢 惡道と虚偽の口とを憎む
Waaqayyoon sodaachuun jibbuu dha; hammina ani of tuulummaa fi of guddisuu, amala hamaa fi haasaa jalʼaa nan jibba.
14 謀略と聰明は我にあり 我は了知なり 我は能力あり
Gorsaa fi murtiin dhugaa kan koo ti; ani hubannaa fi humna qaba.
15 我に由て王者は政をなし 君たる者は義しき律をたて
Mootonni anaan moʼu; bulchitoonnis anaan seera qajeelaa baasu.
16 我によりて主たる者および牧伯たちなど凡て地の審判人は世ををさむ
Ilmaan moototaa anaan bulchu; namoonni bebeekamoon hundis anaan biyya bulchu.
17 われを愛する者は我これを愛す 我を切に求むるものは我に遇ん
Ani warra na jaallatan nan jaalladha; warri na barbaadanis na argatu.
18 富と榮とは我にあり 貴き寳と公義とも亦然り
Soorumnii fi ulfinni, qabeenyii fi badhaadhummaan dhuma hin qabne harkuma koo jiru.
19 わが果は金よりも精金よりも愈り わが利は精銀よりもよし
Iji koo warqee qulqulluu caala; buʼaan narraa argamus meetii filatamaa caala.
20 我は義しき道にあゆみ 公平なる路徑のなかを行む
Ani karaa qajeelummaa irra, daandii qajeelaa irras nan deema;
21 これ我を愛する者に貨財をえさせ 又その庫を充しめん爲なり
warra na jaallatutti qabeenya nan dhangalaasa; mankuusa qabeenya isaanii illee nan guuta.
22 ヱホバいにしへ其御わざをなしそめたまへる前に その道の始として我をつくりたまひき
“Waaqayyo waan bara durii hojjeteen dura, hojii isaa kan jalqabaatiin dura na aanfate;
23 永遠より元始より地の有ざりし前より我は立られ
ani utuu addunyaan hin uumamin dura, jalqabumatti, bara hamma hin qabneen dura nan muudame.
24 いまだ海洋あらず いまだ大なるみづの泉あらざりしとき我すでに生れ
Ani utuu tuujubni hin jiraatin, utuu burqaawwan bishaaniin hin guutamin dhaladhe;
25 山いまださだめられず 陵いまだ有ざりし前に我すでに生れたり
utuu tulluuwwan iddoo isaanii hin dhaabamin dura, ani gaarraniin dura nan dhaladhe;
26 即ち神いまだ地をも野をも地の塵の根元をも造り給はざりし時なり
utuu inni lafa yookaan dirree ishee yookaan biyyoo addunyaa tokko iyyuu hin uumin dura nan dhaladhe.
27 かれ天をつくり海の面に穹蒼を張たまひしとき我かしこに在りき
Yeroo inni samiiwwan hundeessetti, yeroo inni dhidhima irra muummee kaaʼetti ani achin ture;
28 彼うへに雲氣をかたく定め 淵の泉をつよくならしめ
yeroo inni gubbaatti duumessa jabeessee dhaabee madda tuujubaa illee hundeessetti ani achin ture;
29 海にその限界をたて 水をしてその岸を踰えざらしめ また地の基を定めたまへるとき
yeroo inni akka bishaanonni ajaja isaa hin cabsineef jedhee, galaanaaf daangaa dhaabetti, yeroo inni lafa hundeessetti ani achin ture.
30 我はその傍にありて創造者となり 日々に欣び恒にその前に樂み
Yeroo sanatti ani ogeessa hojii harkaa taʼee isa biran ture. Ani yeroo hunda fuula isaa dura burraaqaa, guyyuma guyyaadhaan gammachuudhaan guutamaan ture;
31 その地にて樂み又世の人を喜べり
ani guutummaa addunyaa isaa keessatti ililchaa, ilmaan namaatti illee gammadaan ture.
32 されば小子等よ いま我にきけ わが道をまもる者は福ひなり
“Eegaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa; warri karaa koo eegan eebbifamoo dha.
33 敎をききて智慧をえよ 之を棄ることなかれ
Gorsa koo dhaggeeffadhaatii ogeeyyii taʼaa; isa hin tuffatinaa.
34 凡そ我にきき 日々わが門の傍にまち わが戸口の柱のわきにたつ人は福ひなり
Namni na dhagaʼu, kan guyyaa hunda balbala koo eegu, kan karra koo dura turu eebbifamaa dha.
35 そは我を得る者は生命をえ ヱホバより恩寵を獲ればなり
Namni na argatu kam iyyuu jireenya argata; Waaqayyo biratti illee fudhatama argata.
36 我を失ふものは自己の生命を害ふ すべて我を惡むものは死を愛するなり
Namni na hin arganne garuu ofuma miidha; namni na jibbu hundinuu duʼa jaallata.”

< 箴言 知恵の泉 8 >