< 箴言 知恵の泉 25 >
1 此等もまたソロモンの箴言なり ユダの王ヒゼキヤに屬せる人々これを輯めたり
Fakkeenyawwan kunneen fakkeenyawwan Solomoon kanneen namoonni Hisqiyaas, mooticha Yihuudaa garagalchanii dha:
2 事を隱すは神の榮譽なり 事を窮むるは王の榮譽なり
Waa dhoksuun Waaqaaf ulfina isaa ti; waa sakattaʼanii bira gaʼuun immoo ulfina moototaa ti.
3 天の高さと地の深さと 王たる者の心とは測るべからず
Akkuma samiiwwan ol dheeratanii laftis gad fagaatu sana, yaadni moototaa qoratamee bira hin gaʼamu.
4 銀より渣滓を除け さらば銀工の用ふべき器いでん
Meetii irraa xurii baasi; ergasii tumtuun qodaa tolchuu dandaʼa.
5 王の前より惡者をのぞけ 然ばその位義によりて堅く立ん
Nama hamaa fuula mootii duraa balleessi; ergasii teessoon isaa qajeelummaadhaan ni jabaata.
6 王の前に自ら高ぶることなかれ 貴人の場に立つことなかれ
Fuula mootii duratti ol of hin qabin; iddoo namoota gurguddaas hin dhaabatin;
7 なんぢが目に見る王の前にて下にさげらるるよりは ここに上れといはるること愈れり
inni fuula namoota bebeekamoo duratti si salphisuu irra, yoo inni, “As ol kottu” siin jedhe wayyaa. Ati waan ija keetiin argite,
8 汝かろがろしく出でて爭ふことなかれ 恐くは終にいたりて汝の鄰に辱しめられん その時なんぢ如何になさんとするか
daftee mana murtiitti hin fidin; yoo ollaan kee si qaanesse, dhuma irratti ati maal gochuu dandeessa?
9 なんぢ鄰と爭ふことあらば只これと爭へ 人の密事を洩すなかれ
Dhimma kee ollaa kee wajjin falmadhu; iccitii nama kaanii immoo hin baasin;
10 恐くは聞者なんぢを卑しめん 汝そしられて止ざらん
yoo kanaa achii namni waan sana dhagaʼee si qaanessa; maqaan hamaan siif kenname sunis sirraa hin baʼu.
11 機にかなひて語る言は銀の彫刻物に金の林檎を嵌たるが如し
Dubbiin yeroo isaatti dubbatame, akkuma hudhaa warqee kan meetii irratti hojjetamee ti.
12 智慧をもて譴むる者の之をきく者の耳におけることは 金の耳環と精金の飾のごとし
Ifanni nama ogeessaa gurra dhaggeeffatuuf, lootii warqee yookaan faaya warqee qulqulluu ti.
13 忠信なる使者は之を遣す者におけること穡收の日に冷かなる雪あるがごとし 能その主の心を喜ばしむ
Ergamaan amanamaan tokko warra isa ergataniif akkuma qabbana cabbii kan yeroo midhaan haamanii ti; inni hafuura gooftota isaa haaromsaatii.
14 おくりものすと偽りて誇る人は雨なき雲風の如し
Namni kennaa namaaf hin kennineen boonu tokko akkuma duumessaa fi bubbee bokkaa hin qabnee ti.
15 怒を緩くすれば君も言を容る 柔かなる舌は骨を折く
Obsaan bulchaa tokko garaa laafifachuun ni dandaʼama; dubbiin malaan dubbatame lafee ni cabsa.
16 なんぢ蜜を得るか 惟これを足る程に食へ 恐くは食ひ過して之を吐出さん
Damma yoo argatte hamma si gaʼu nyaadhu; yoo baayʼiftee nyaatte ni diddigda.
17 なんぢの足を鄰の家にしげくするなかれ 恐くは彼なんぢを厭ひ惡まん
Mana ollaa keetii dhaquu hin baayʼisin; yoo ati miilla itti baayʼifte inni si jibba.
18 その鄰に敵して虚偽の證をたつる人は斧刃または利き箭のごとし
Namni sobaan ollaa isaatti dhugaa baʼu, akkuma bokkuu yookaan goraadee yookaan xiyya qara qabuu ti.
19 艱難に遇ふとき忠實ならぬ者を賴むは惡しき歯または跛たる足を恃むがごとし
Nama hin amanamne tokko yeroo rakkootti abdachuun akkuma ilkaan cabee yookaan miilla okkoluu ti.
20 心の傷める人の前に歌をうたふは寒き日に衣をぬぐが如く 曹達のうへに酢を注ぐが如し
Nama garaan isaa gaddeef sirba sirbuun akkuma nama guyyaa dhaamochaa wayyaa of irraa baasuu, yookaan madaa irratti dhangaggaaʼaa dhangalaasuu ti.
21 なんぢの仇もし饑ゑなば之に糧をくらはせ もし渇かば之に水を飮ませよ
Yoo diinni kee beelaʼe waan inni nyaatu kenniif; yoo inni dheebotes bishaan inni dhugu kenniif.
22 なんぢ斯するは火をこれが首に積むなり ヱホバなんぢに報いたまふべし
Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta; Waaqayyos si badhaasa.
23 北風は雨をおこし かげごとをいふ舌は人の顔をいからす
Akkuma bubbeen kaabaa bokkaa fidu, arrabni hamatus fuula dheekkamu fida.
24 爭ふ婦と偕に室に居らんより屋蓋の隅にをるは宜し
Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa, golee bantii manaa irra jiraachuu wayya.
25 遠き國よりきたる好き消息は渇きたる人における冷かなる水のごとし
Oduun gaariin biyya fagootii dhufu, akkuma bishaan qabbanaaʼaa lubbuu dheebotteef taʼuu ti.
26 義者の惡者の前に服するは井の濁れるがごとく泉の汚れたるがごとし
Namni qajeelaan fuula hamootaa duratti kufu, akkuma burqaa dhoqqaaʼee yookaan boolla bishaanii faalame tokkoo ti.
27 蜜をおほく食ふは善らず 人おのれの榮譽をもとむるは榮譽にあらず
Damma baayʼee nyaachuun gaarii miti; ulfina mataa ofii barbaaduunis ulfina miti.
28 おのれの心を制へざる人は石垣なき壞れたる城のごとし
Namni of hin qabne, akkuma magaalaa dallaan isaa diigamee ti.