< オバデヤ書 1 >

1 オバデヤの預言 主ヱホバ、エドムにつきて斯いひたまふ 我らヱホバより出たる音信を聞けり 一人の使者國々の民の中に遣されて云ふ 起よ我儕起てエドムを攻撃んと
Mulʼata Obaadiyaa. Waaqayyo Gooftaan waaʼee Edoom akkana jedha. Nu ergaa tokko Waaqayyo irraa dhageenyeerra: Ergamaan tokko, “Kaʼaa dhaqnee ishee lollaa; waraanaafis baʼaa” jechuuf gara sabootaatti ergame.
2 我汝をして國々の中において小き者たらしむ 汝は大に藐視らるるなり
“Kunoo, ani saboota gidduutti sin xinneessa; atis akka malee tuffatamta.
3 山崖の巖屋に居り高き處に住む者よ 汝が心の傲慢なんぢを欺けり 汝心の中に謂ふ誰か我を地に曵くだすことを得んと
Ati kan baqaqaa kattaa keessa jiraattee mana kee lafa ol kaʼaa irratti ijaarrattu, kan, ‘Eenyutu lafatti gad na buusa?’ ofiin jettu, of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera.
4 汝たとひ鷲のごとくに高く擧り星の間に巣を造るとも我そこより汝を曵くださん ヱホバこれを言たまふ
Yoo ati akkuma risaa ol fagaattee urjiiwwan gidduutti manʼee kee ijaarratte iyyuu, ani achii gad sin buusa” jedha Waaqayyo.
5 盜賊汝に來り 強盜夜なんぢに來り竊むともその心に滿るときは止ざらんや 嗚呼なんぢは滅されて絶ゆ 葡萄を摘む者汝にいたるも尚 幾何を遺さざらんや
“Hattuun yoo sitti dhuftee saamtuun halkaniin sitti seente, balaa akkamiitu si eeggata! Isaan hammuma barbaadan qofa fudhatanii hin deemanii? Warri ija wayinii guuran utuu gara kee dhufanii, silaa qarmii wayii hin dhiisanii?
6 嗚呼エサウは搜されその隱しおける物は探りいださる
Esaawu garuu akkam saamamee qabeenyi isaa dhokfamaanis jalaa guurame!
7 汝と盟約を結べる人々はみな汝を國境に逐やり汝と和好をなせる人々はみな汝を欺きて汝に勝ち汝の食物を食ふ者等は汝の下に羂を設く 彼の中には穎悟あらず
Gareen kee hundinuu gara moggaatti si dhiiba; michoonni kee si gowwoomsanii si moʼatu; warri buddeena kee nyaatan kiyyoo si dura kaaʼu; ati garuu waan kana hin hubattu.
8 ヱホバ言たまふ當日には我智慧ある者をヱドムより絶除き穎悟をエサウの山より絶除かざらんや
“Ani bara sana ogeeyyii Edoom, namoota hubannaa qaban tulluuwwan Esaaw irraa hin balleessuu?” jedha Waaqayyo.
9 テマンよ汝の勇士は驚き懼れん 而して人みな終に殺されてエサウの山より絶除かるべし
“Yaa Teemaan qabsaaʼonni kee ni rifatu; namni tulluuwwan Esaawuu irra jiraatu hundinuus gorraʼamee dhuma.
10 汝はその兄弟ヤコブに暴虐を加へたるに因て恥辱なんぢを蒙はん 汝は永遠に至るまで絶るべし
Sababii daba obboleessa kee Yaaqoobitti hojjetameetiif ati qaaniidhaan haguugamta; bara baraanis ni balleeffamta.
11 汝が遠く離れて立をりし日即ち異邦人これが財寳を奪ひ他國人これが門に進み入りエルサレムのために籤を掣たる日には汝も彼らの一人のごとくなりき
Gaafa alagoonni qabeenya isaa guurratanii namoonni ormaa immoo karra isaa seenanii Yerusaalemitti ixaa buufatanitti, atis kophaa dhaabattee isaan keessaa akka isa tokkoo taate.
12 汝は汝の兄弟の日すなはちその災禍の日を觀るべからず 又ユダの子孫の滅亡の日を喜ぶべからず その苦難の日には汝口を大きく開べからざるなり
Gaafa inni milkii dhabetti ati obboleessa kee tuffachuu hin qabdu turte; yookaan guyyaa badii isaaniitti saba Yihuudaatti gammaduu hin qabdu turte; yookaan bara rakkina isaanii keessa akka malee of tuuluu hin qabdu turte.
13 我民の滅ぶる日には汝その門に入べからず其滅ぶる日には汝その患難を見べからず 又その滅ぶる日には汝その財寳に手をかく可らず
Bara balaan isaanitti dhufe keessa karra saba kootiin ol seenuu hin qabdu turte; yookaan bara dhaʼichi isaanitti dhufe keessa rakkina isaanii keessatti isaan tuffachuu hin qabdu turte; yookaan bara balaan isaanitti dhufe keessa qabeenya isaanii saamuu hin qabdu turte.
14 汝路の辻々に立て その逃亡者を斬べからず 其患難の日にこれが遺る者を付すべからず
Baqattoota isaa fixuuf jettee qaxxaamura karaatti isaan eeggachuu hin qabdu turte; yookaan bara rakkina isaa keessa hambaa isaa dabarsitee kennuu hin qabdu turte.
15 ヱホバの日萬國に臨むこと邇し 汝の爲せるごとく汝も爲られ汝の應報なんぢの首に歸すべし
“Guyyaan Waaqayyoo saboota hundaaf dhiʼaateera. Akkuma ati hojjette sittis ni hojjetama; hojiin kees matuma keetti deebiʼa.
16 汝等のわが聖山にて飮しごとく萬國の民も恒に飮ん 即ちみな飮かつ啜りて從前より有ざりし者のごとく成ん
Akkuma isin gaara koo qulqulluu irratti dhugdan sana, saboonni hundinuu ittuma fufanii ni dhugu; isaan itti deddeebiʼanii dhugu; akka waan gonkumaa hin dhuginii taʼu.
17 シオン山には救はるる者等をりてその山聖所とならん またヤコブの家はその產業を獲ん
Tulluu Xiyoon irra garuu furamuun ni jiraata; inni ni qulqullaaʼa; manni Yaaqoobis dhaala isaanii ni dhuunfatu.
18 ヤコブの家は火となりヨセフの家は火燄となりエサウの家は藁とならん 即ち彼等これが上に燃てこれを焚ん エサウの家には遺る者一人も無にいたるべし ヱホバこれを言なり
Manni Yaaqoob ibidda, manni Yoosef immoo arraba ibiddaa taʼa; manni Esaaw huura taʼa; isaanis ibidda itti qabsiisanii gubanii barbadeessu. Mana Esaaw keessaa namni tokko iyyuu hin hafu” jedhee dubbateera Waaqayyo.
19 南の人はエサウの山を獲 平地の人はペリシテを獲ん 又彼らはエフライムの地およびサマリヤの地を獲 べニヤミンはギレアデを獲ん
Namoonni Negeeb tulluuwwan Esaaw ni qabatu; namoonni gaarran jala jiraatan immoo biyya Filisxeemotaa qabatu. Isaan dirree Efreemii fi Samaariyaa ni qabatu; Beniyaam immoo biyya Giliʼaad qabata.
20 かの擄はれゆきしイスラエルの軍旅はカナン人に屬する地をザレパテまで取ん セパラデにあるエルサレムの俘擄人は南の邑々を獲ん
Gareen boojiʼamtoota Israaʼel kan Kanaʼaan jiraatu kun biyya hamma Saaraptaatti jiru dhaala; boojiʼamtoonni Yerusaalem kanneen Sefaaraad jiraatan magaalaawwan Negeeb dhaalu.
21 然る時に救者シオンの山に上りてエサウの山を鞫かん而して國はヱホバに歸すべし
Bilisa baastonni tulluuwwan Esaaw bulchuudhaaf Tulluu Xiyoonitti ol baʼu. Mootummaanis kan Waaqayyoo taʼa.

< オバデヤ書 1 >