< 民数記 33 >
1 イスラエルの子孫がモーセとアロンに導かれ其軍旅にしたがひてエジプトの國より出きたりて經たる旅路は左のごとし
Sadarkaaleen adeemsa saba Israaʼel kan yeroo isaan kutaa kutaadhaan qajeelfama Museetii fi Aroon jalatti biyya Gibxii baʼanii kana.
2 モーセ、ヱホバの命に依りその旅路にしたがひてこれが發程を記せりその發程によればその旅路は左のごとくなり
Museen ajaja Waaqayyootiin sadarkaalee adeemsa isaanii galmeesse. Adeemsi isaaniis sadarkaa sadarkaadhaan kunoo ti:
3 彼らは正月の十五日にラメセスより出立り即ぢ逾越の翌日にイスラエルの子孫は一切のエジプト人の目の前にて高らかなる手によりて出たり
Israaʼeloonni jiʼa jalqabaa keessa guyyaa kudha shanaffaatti guyyaa Faasiikaatti aanu Raamseedhaa kaʼanii qajeelan. Isaanis utuma warri Gibxii hundi isaan arganuu irree jabaadhaan deeman;
4 時にエジプト人はヱホバに撃ころされし其長子を葬りて居りヱホバはまた彼らの神々にも罰をかうむらせたまへり
yeroo kana warri Gibxi ilmaan hangafa isaanii kanneen Waaqayyo isaan gidduudhaa fixe hunda awwaallachaa turan; waaqota warra Gibxitti Waaqayyo muree tureetii.
5 イスラエルの子孫ラメセスより出立てスコテに營を張り
Israaʼeloonnis Raamseedhaa kaʼanii Sukooti qubatan.
6 スコテより出立て曠野の極端なるエタムに營を張り
Sukootii kaʼanii Eetaam ishee qarqara gammoojjiitti argamtu keessa qubatan.
7 エタムより出立てバアルゼポンの前なるピハヒロテに轉りゆきてミグドルに營を張り
Eetaamii kaʼanii gara Phii Hahiiroti kan gama baʼa Baʼaal Zefooniitti argamtuutti garagalanii Migdool bira qubatan.
8 ピハヒロテの前より出立ち海の中を通りて曠野にいりエタムの曠野に三日路ほど入てメラに營を張り
Fiihahiirootii kaʼanii galaana keessa darbanii gammoojjii seenan; isaanis Gammoojjii Eetaamii keessa bultii sadii deemanii Maaraa qubatan.
9 メラより出立てヱリムに至れりエリムには泉十二棕櫚七十本あり乃ち此に營を張り
Maaraadhaa kaʼanii Eelim lafa burqaa kudha lamaa fi muka meexxii torbaatama qabu sana dhaqanii achi qubatan.
Eelimii kaʼanii Galaana Diimaa cina qubatan.
Galaana Diimaadhaa kaʼanii Gammoojjii Siin keessa qubatan.
Gammoojjii Siiniitii kaʼanii Dofqaa qubatan.
Dofqaadhaa kaʼanii Aaluush qubatan.
14 アルシより出たちてレピデムに營を張り此には民の飮む水あらざりき
Aaluushii kaʼanii Refiidiim lafa bishaan namni dhugu hin jirre qubatan.
15 かくてレピデムより出たちてシナイの曠野に營を張り
Refiidiimii kaʼanii Gammoojjii Siinaa keessa qubatan.
16 シナイの曠野より出たちてキブロテハッタワに營を張り
Gammoojjii Siinaatii kaʼanii Qiibrooti Hataabaa qubatan.
17 キブロテハッタワより出たちてハゼロテに營を張り
Qiibrooti Hataabaadhaa kaʼanii Haxerooti qubatan.
Haxerootii kaʼanii Riitmaa qubatan.
Riitmaadhaa kaʼanii Rimoon Phereez qubatan.
Rimoon Phereezii kaʼanii Libnaa qubatan.
Libnaadhaa kaʼanii Riisaa qubatan.
Riisaadhaa kaʼanii Qehelaataa qubatan.
Qehelaataadhaa kaʼanii Gaara Shaafer bira qubatan.
Gaara Shaafer biraa kaʼanii Haraadaa qubatan.
Haraadaa kaʼanii Maqiheelooti qubatan.
Maqiheelootii kaʼanii Tahaati qubatan.
Tahaatii kaʼanii Taaraa qubatan.
Taaraadhaa kaʼanii Miitiqaa qubatan.
Miitiqaadhaa kaʼanii Hashmoonaa qubatan.
Hashmoonaadhaa kaʼanii Mooserooti qubatan.
Mooserootii kaʼanii Benee Yaaʼakaan qubatan.
32 ベネヤカンより出たちてホルハギデガデに營を張り
Benee Yaaʼakaanii kaʼanii Hoori Hagidgaad qubatan.
33 ホルハギデガデより出たちてヨテバタに營を張り
Hoori Hagidgaadii kaʼanii Yoxbaataa qubatan.
Yoxbaataadhaa kaʼanii Abroonaa qubatan.
35 アブロナより出たちてエジオングベルに營を張り
Abroonaadhaa kaʼanii Eziyoon Geber qubatan.
36 エジオングベルより出たちてカデシのチンの曠野に營を張り
Eziyoon Geberii kaʼanii Gammoojjii Siin keessa Qaadesh qubatan.
37 カデシより出たちてエドムの國の界なるホル山に營を張り
Qaadeshii kaʼanii daarii biyya Edoom irra Tulluu Hoori bira qubatan.
38 イスラエルの子孫がエジプトの國を出てより四十年の五月の朔日に祭司アロンはヱホバの命によりてホル山に登て其處に死り
Aroon lubichis ajaja Waaqayyootiin Tulluu Hooriitti ol baʼe; innis erga Israaʼeloonni biyya Gibxiitii baʼanii booddee waggaa afurtamaffaatti guyyaa jalqaba jiʼa shanaffaatti achitti duʼe.
Aroon yommuu Tulluu Hoori irratti duʼe sana umuriin isaa waggaa dhibba tokkoo fi digdamii sadii ture.
40 カナンの地の南に住るカナン人アラデ王といふ者イスラエルの子孫の來るを聞り
Mootiin Aaraad namichi Kanaʼaan kan Negeeb keessa jiraachaa ture sun akka sabni Israaʼel dhufaa jiru dhagaʼe.
Isaanis Tulluu Hooriitii kaʼanii Zalmoonaa qubatan.
Zalmoonaadhaa kaʼanii Phuunon qubatan.
Phuunoniidhaa kaʼanii Oobooti qubatan.
44 オボテより出たちてモアブの界なるイヱアバリムに營を張り
Oobootii kaʼanii daarii Moʼaab irra Iyyee Abaariim qubatan.
Iyyiimii kaʼanii Diiboongaad qubatan.
46 デボンガドより出たちてアルモンデブラタイムに營を張り
Diiboongaadii kaʼanii Almoon Diiblaatayim qubatan.
47 アルモンデブラタイムより出たちてネボの前なるアバリムの山々に營を張り
Almoon Diiblaatayimii kaʼanii Neboo tulluuwwan Abaariim bira qubatan.
48 アバリムの山々より出たちてヱリコに對するヨルダンの邊なるモアブの平野に營を張り
Tulluuwwan Abaariimiitii kaʼanii dirreewwan Moʼaab irra, Yordaanos bira, Yerikoo gama qubatan.
49 すなはちモアブの平野においてヨルダンの邊に營を張りベテヱシモテよりアベルシッテムにいたる
Isaanis dirreewwan Moʼaab kan Yordaanos cina Beet Yashiimootii jalqabee hamma Abeel Shixiimiitti jiru sana irra qubatan.
50 ヱリコに對するヨルダンの邊なるモアブの平野においてヱホバ、モーセに告て言たまはく
Waaqayyos dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Museedhaan akkana jedhe;
51 イスラエルの子孫に告てこれに言へ汝らヨルダンを濟りてカナンの地に入る時は
“Akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu; ‘Isin yommuu Yordaanos ceetanii Kanaʼaanitti galtanitti,
52 その地に住る民をことごとく汝らの前より逐はらひその石の像をことごとく毀ちその鋳たる像を毀ちその崇邱をことごとく毀ちつくすべし
jiraattota biyya sanaa of duraa ariʼaa baasaa. Fakkiiwwan isaanii kanneen soofamanii hojjetamanii fi waaqota isaanii kanneen baqfamanii tolfaman hunda barbadeessaa; gaarran sagadaa isaanii hundas diigaa.
53 汝らその地の民を逐はらひて其處に住べし其は我その地を汝らの產業として汝らに與へたればなり
Sababii ani biyyattii handhuuraa godhee isinii kenneef, biyyattii dhuunfadhaa keessa jiraadhaa.
54 汝らの族にしたがひ鬮をもてその地を分ちて產業となし人多きには多くの產業を與へ人少きには少しの產業を與ふべし各人の分はその鬮にあたれる處にあるべきなり汝らその先祖の支派にしたがひて之を獲べし
Biyya sanas maatiiwwan keessaniif dhaala godhaatii ixaadhaan gargari qoodaa; maatii baayʼeedhaaf dhaala guddaa, maatii muraasaaf immoo dhaala xinnaa kennaa. Iddoon ixaadhaan isaanii baʼe kan isaanii taʼa. Isinis akkuma gosoota abbootii keessaniitti dhaalaa.
55 然ど汝らもしその地に住る民を汝らの前より逐はらはずば汝らが存しおくところの者汝らの目に莿となり汝の脇に棘となり汝らの住む國において汝らを惱さん
“‘Garuu yoo isin warra biyya sana jiraatan achii baasuu baattan, warri isin akka isaan achi jiraataniif dhiiftan sun akka huuba ija keessaatii fi akka qoraattii cinaacha keessaa isinitti taʼu. Biyya isin keessa jiraattan keessattis isin rakkisu.
Anis waanan isaan gochuu yaade sana isinitti nan fida.’”