< 民数記 29 >

1 七月にいたりその月の朔日に汝ら聖會を開くべし何の職業をも爲べからず是は汝らが喇叭を吹べき日なり
“‘Guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; gaafas hojii idilee hin hojjetinaa. Guyyaan kun guyyaa isin itti malakata afuuftanii dha.
2 汝ら燔祭をささげてヱホバに馨しき香をたてまつるべし即ち少き牡牛一匹牡羊一匹當歳の羔羊の全き者七匹を献ぐべし
Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessaa.
3 その素祭には麥粉に油を混和たるを用ふべし即ぢ牡牛一匹に十分の三牡羊一匹に十分の二をもちひ
Dibicha sana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka sadii zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeessaa. Korbeessa hoolaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama,
4 また羔羊には七匹とも羔羊一匹に十分の一を用ふべし
xobbaallaawwan hoolaa torban sana wajjinis iifii tokko harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessaa.
5 また牡山羊一匹を罪祭に献げて汝らのために贖罪をなすべし
Akkasumas akka araarri isinii buufamuuf korbeessa reʼee tokko itti dabalaatii aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
6 是は月々の朔日の燔祭とその素祭および日々の燔祭とその素祭と灌祭の外なる者なり是らの物の例にしたがひて之をヱホバにたてまつりて馨しき香の火祭となすべし
Aarsaawwan kunneen akkuma amala isaaniitti aarsaawwan gubaman kanneen jiʼa jiʼattii fi guyyaa guyyaatti dhiʼeeffamanii fi kennaawwan midhaaniittii fi dhibaayyuu isaaniitti dabalamanii dhiʼeeffamanii dha. Isaanis aarsaawwan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman kanneen fooliin isaanii toluu dha.
7 またその七月の十日に汝ら聖會を開きかつ汝らの身をなやますべし何の職業をも爲べからず
“‘Bultii kurnaffaa jiʼa torbaffaa kanaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; isinis gad of deebisaa; hojii tokko illees hin hojjetinaa.
8 汝らヱホバに燔祭を献げて馨しき香をたてまつるべし即ち少き牡牛一匹牡羊一匹當歳の羔羊七匹是みな全き者なるべし
Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu godhaa dhiʼeessaa.
9 その素祭には麥粉に油を混和たるを用ふべし即ち牡牛一匹に十分の三牡羊一匹に十分の二を用ひ
Dibicha sana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumamee dhiʼeessaa; korbeessa hoolaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama,
10 また羔羊には七匹とも羔羊一匹に十分の一を用ふべし
xobbaallaawwan hoolaa torban sana wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessa harka tokko dhiʼeessaa.
11 また牡山羊一匹を罪祭に献ぐべし是等は贖罪の罪祭と常燔祭とその素祭と灌祭の外なる者なり
Akkasumas aarsaa cubbuu kan araaraa buusuuf dhiʼeeffamuu fi aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
12 七月の十五日に汝ら聖會を開くべし何の職業をも爲べからず汝ら七日の間ヱホバに向て節筵を守るべし
“‘Bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilee hin hojjetinaa. Waaqayyoofis bultii torba ayyaana ayyaaneffadhaa.
13 汝ら燔祭を献げてヱホバに馨しき香の火祭をたてまつるべし即ち少き牡牛十三牡羊二匹當歳の羔羊十四是みな全き者なるべし
Jiboota loonii kudha sadii, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti toluu fi kan ibiddaan dhiʼeeffamu dhiʼeessaa.
14 その素祭には麥粉に油を混和たるを用ふべし即ちその十三の牡牛には各箇十分の三その二匹の牡羊には各箇十分の二を用ひ
Tokkoo tokkoo jiboota kudha sadanii wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeessaa; tokkoo tokkoo korbeeyyii hoolaa lamaan sanaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama,
15 その十四の羔羊には各箇十分の一を用ふべし
tokkoo tokkoo xobbaallaawwan hoolaa kudha afran sanaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessaa.
16 また牡山羊一匹を罪祭に献ぐべし是等は常燔祭およびその素祭と灌祭の外なり
Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
17 第二日には少き牡牛十二牡羊二匹當歳の羔羊の全き者十四を献ぐべし
“‘Bultii lammaffaatti jiboota loonii kudha lama, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
18 その牡牛と牡羊と羔羊のために用ふる素祭と灌祭はその數に循ひて例のごとくすべし
Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaatii fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
19 また牡山羊一匹を罪祭に献ぐべし是らは常燔祭およびその素祭と灌祭の外なり
Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaaniitti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
20 第三日には少き牡牛十一牡羊二匹當歳の羔羊の全き者十四を献ぐべし
“‘Bultii sadaffaatti jiboota loonii kudha tokko, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
21 その牡牛と牡羊と羔羊のために用ふる素祭と灌祭はその數に循ひて例のごとくすべし
Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjinis kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
22 また牡山羊一匹を罪祭に献ぐべし是らは常燔祭およびその素祭と灌祭の外なり
Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
23 第四日には少き牡牛十匹牡羊二匹當歳の羔羊の全き者十四を献ぐべし
“‘Bultii afuraffaatti jiboota loonii kudhan, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
24 その牡牛と牡羊と羔羊のために用ふる素祭と灌祭はその數に循ひて例のごとくすべし
Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
25 また牡山羊一匹を罪祭に献ぐべし是等は常燔祭およびその素祭と灌祭の外なり
Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
26 第五日には少き牡牛九匹牡羊二匹當歳の羔羊の全き者十四を献ぐべし
“‘Bultii shanaffaatti jiboota loonii sagal, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
27 その牡牛と牡羊と羔羊のために用ふる素祭と灌祭はその數にしたがひて例のごとくすべし
Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
28 また牡山羊一匹を罪祭に献ぐべし是らは常燔祭およびその素祭と灌祭の外なり
Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
29 第六日には少き牡牛八匹牡羊二匹當歳の羔羊の全き者十四を献ぐべし
“‘Bultii jaʼaffaatti jiboota loonii saddeeti, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
30 その牡牛と牡羊と羔羊のために用ふる素祭と灌祭はその數にしたがひて例のごとくすべし
Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
31 また牡山羊一匹を罪祭に献ぐべし是等は常燔祭およびその素祭と灌祭の外なり
Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
32 第七日には少き牡牛七匹牡羊二匹當歳の羔羊の全き者十四を献ぐべし
“‘Bultii torbaffaatti jiboota loonii torba, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa.
33 その牡牛と牡羊と羔羊のために用ふる素祭と灌祭はその數にしたがひて例のごとくすべし
Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
34 また牡山羊一匹を罪祭に献ぐべし是等は常燔祭およびその素祭と灌祭の外なり
Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
35 第八日にはまた汝ら會をひらくべし何の職業をも爲べからず
“‘Bultii saddeettaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilee hin hojjetinaa.
36 燔祭を献げてヱホバに馨しき香の火祭をたてまつるべし即ち牡牛一匹牡羊一匹當歳の羔羊の全き者七匹を献ぐべし
Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼeeffamuu fi kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessaa.
37 その牡牛と牡羊と羔羊のために用ふる素祭と灌祭はその數にしたがひて例のごとくすべし
Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti dibicha loonii, korbeessa hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa.
38 また牡山羊一匹を罪祭に献ぐべし是らは常燔祭およびその素祭と灌祭の外なり
Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
39 汝らその節期にはヱホバに斯なすべし是らは皆汝らが願還のために献げまたは自意の禮物として献ぐる所の燔祭素祭灌祭および酬恩祭の外なり
“‘Aarsaa keessan kan gubamu, kennaa midhaan keessanii, dhibaayyuu keessanii fi aarsaa keessan kan nagaa, kan wareega keessaniitii fi aarsaa fedhii keessaniin dhiʼeessitanitti dabalaatii ayyaana keessan beekamaa sana irratti Waaqayyoof dhiʼeessaa.’”
40 モーセはヱホバのモーセに命じたまへる事をことごとくイスラエルの子孫に告たり
Museenis waan Waaqayyo isa ajaje hunda Israaʼelootatti hime.

< 民数記 29 >