< 民数記 24 >
1 バラムはイスラエルを祝することのヱホバの心に適ふを視たれば此度は前の時のごとくに往て法術を求むる事を爲ずその面を曠野に向て居り
Balaʼaam yeroo akka Israaʼelin eebbisuun Waaqayyoon gammachiise argetti akka yeroo kaanii falfala barbaacha hin dhaqne; garuu fuula isaa gara gammoojjiitti deebifate.
2 バラム目を擧てイスラエルのその支派にしたがひて居るを觀たり時に神の霊かれに臨みければ
Yommuu Balaʼaam ol milʼatee akka Israaʼel gosa gosaan qubate argetti Hafuurri Waaqaa isa irra buʼe;
3 彼すなはちこの歌をのべて云くベオルの子バラム言ふ目の啓きたる人言ふ
innis akkana jedhee ergaa isaa dubbate: “Ergaa Balaʼaam ilma Beʼoor, ergaa nama iji isaa sirriitti arguu,
4 神の言詞を聞し者能はざる無き者をまぼろしに觀し者倒れ臥て其目の啓けたる者言ふ
ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu isa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa mulʼata argu kan kufee iji isaa banamu sanaa:
5 ヤコブよ汝の天幕は美しき哉イスラエルよ汝の住所は美しき哉
“Yaa Yaaqoob, dunkaanonni kee, Yaa Israaʼel, iddoon ati jiraattu akkam miidhaga!
6 是は谷々のごとくに布列ね河邊の園のごとくヱホバの栽し沈香樹のごとく水の邊の香柏のごとし
“Isaan akkuma sulula diriiraa, akkuma iddoo biqiltuu kan afaan lagaa, akkuma argeessa Waaqayyo dhaabee, akkuma birbirsaa qarqara bishaanii ti.
7 その桶よりは水溢れんその種は水の邊に發育んその王はアガグよりも高くなりその國は振ひ興らん
Okolee isaa keessaa bishaantu lolaʼa; sanyiin isaa bishaan baayʼee argata. “Mootiin isaa Agaag caala; mootummaan isaa ni kabajama.
8 神これをエジプトより導き出せり是は強きこと兕のごとくその敵なる國々の民を呑つくしその骨を摧き矢をもて之を衝とほさん
“Waaqayyo Gibxii isa baase; inni jabina akka jabina gafarsaa qaba. Inni saba diinota isaa taʼe nyaata; lafee isaanii ni caccabsa; xiyya ofii isaatiin isaan waraana.
9 是は牡獅子のごとくに身をかがめ牝獅子のごとくに臥す誰か敢てこれを起さんやなんぢを祝するものは福祉を得なんぢをのろふものは災禍をかうむるべし
Inni akkuma leencaa ciiseera; akkuma leenca dhalaas ciiseera; eenyutu isa dammaqsa? “Warri si eebbisan haa eebbifaman; warri si abaaranis haa abaaraman!”
10 ここにおいてバラクはバラムにむかひて怒を發しその手を拍ならせり而してバラク、バラムにいひけるは我はなんぢをしてわが敵を詛はしめんとてなんぢを招きたるに汝は却て斯三度までも彼らを大に祝したり
Baalaaq Balaʼaamitti aare. Innis harka ofii isaa walitti rurrukutee Balaʼaamiin akkana jedhe; “Ani akka ati diina koo abaartuufan si waammadhe; ati kunoo yeroo sadan kana isaan eebbifte.
11 然ば汝今汝の處に奔り往け我は汝に大なる尊榮を得させんと思ひたれどヱホバ汝を阻めて尊榮を得るに至らざらしむ
Amma dafii asii deemii mana keetti gali! Ani ulfina guddaa siif nan kenna jedheen ture; amma garuu Waaqayyo akka ati ulfina hin arganne si godheera.”
12 バラム、バラクに言けるは我は汝が我に遣しし使者等に告て言ざりしや
Balaʼaamis Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani ergamoota ati natti ergite sanatti akkana jedheen hime mitii?
13 假令バラクその家に盈るほどの金銀を我に與ふるとも我はヱホバの言を踰て自己の心のままに善も惡きも爲ことを得ず我はヱホバの宣まふ事のみを言べしと
‘Utuu Baalaaq masaraa meetii fi warqeen guutame sana naaf kennee iyyuu, ani waanuma Waaqayyo jedhe qofan dubbadha malee ajaja Waaqayyootiin alatti waan yaada koo gaarii yookaan hamaa tokko iyyuu hojjechuu hin dandaʼu.’
14 今われは吾民にかへる然ば來れ我この民が後の日に汝の民に爲んところの事を汝に告しらせんと
Kunoo ani amma saba kootti nan deebiʼa; garuu mee kottu ani waan sabni kun bara dhufu keessa saba keetiif godhu sin beeksisaa.”
15 すなはちこの歌をのべて云くベオルの子バラム言ふ目の啓きたる人言ふ
Inni akkana jedhee ergaa isaa dubbate: Ergaa Balaʼaam ilma Beʼoor, ergaa nama iji isaa sirriitti arguu,
16 神の言を聞るあり至高者を知の知識あり能はざる無き者をまぼろしに觀倒れ臥て其目の啓けたる者言ふ
ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu kan beekumsa Waaqa Waan Hundaa Olii qabu kan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa mulʼata argu kan kufee diriiruu, iji isaas kan banamu sanaa:
17 我これを見ん然ど今にあらず我これを望まん然ど近くはあらずヤコブより一箇の星いでんイスラエルより一條の杖おこりモアブを此旁より彼旁に至まで撃破りまた鼓譟者どもを盡く滅すべし
“Ani isa nan arga; garuu amma miti; ani isa nan ilaala; garuu dhiʼootti miti. Yaaqoob keessaa urjiin tokko ni baʼa; Israaʼel keessaa bokkuun tokko ol kaʼa. Inni adda warra Moʼaab, buqqee mataa ilmaan Seet hundaas ni caccabsa.
18 其敵なるエドムは是が產業となりセイルは之が產業とならんイスラエルは盛になるべし
Edoom ni moʼatama; Seeʼiir, diinni isaa ni moʼatama; Israaʼel garuu jabaachaa deema.
19 權を秉る者ヤコブより出で遺れる者等を城より滅し絶ん
Yaaqoob keessaa bulchaan tokko ni kaʼa; warra magaalaa sana keessatti lubbuudhaan hafanis ni barbadeessa.”
20 バラム又アマレクを望みこの歌をのべて云くアマレクは國々の中の最初なる者なり其終には滅び絶るに至らん
Ergasiis Balaʼaam Amaaleqin argee akkana jedhee ergaa ofii isa dubbate: “Amaaleq saboota keessaa kan jalqabaa ture; dhumni isaa garuu barbadaaʼuu dha.”
21 亦ケニ人を望みこの歌をのべて云く汝の住所は堅固なり汝は磐に巣をつくる
Ergasii Qeenota argee akkana jedhee ergaa ofii isaa itti dubbate: “Iddoon ati jiraattu jabaa dha; manni kees kattaa keessatti ijaarame;
22 然どカインは亡て終にアッスリアの爲に擄へ移されん
taʼus isin warri Qeenotaa, gaafa Asoor isin boojiʼu ni baddu.”
23 彼亦この歌をのべて云く嗟神これを爲たまはん時は誰か生ることを得ん
Innis akkana jedhee ergaa isaa itti dubbate: “Wayyoo! Yeroo Waaqayyo waan kana hojjetu eenyutu jiraachuu dandaʼa?
24 キッテムの方より船來てアッスリアを攻なやましエベルを攻なやますべし而して是もまた終に亡失ん
Dooniiwwan qarqara Kitiim irraa ni dhufu; isaanis Asoorii fi Eeberin ni qabatu; garuu isaanis ni barbadeeffamu.”
25 斯てバラムは起あがりて自己の處に歸り往きぬバラクも亦去ゆけり
Ergasii Balaʼaam kaʼee mana ofii isaatti deebiʼe; Baalaaq immoo karaa ofii isaa qajeele.